Gadduu Andaargaachoo: Ibsi Ameerikaan Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaarratti baafte loogii qaba

Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa

Madda suuraa, EDUARDO SOTERAS

Ministirri Haajaa Alaa Itoophiyaa Gadduu Andaargaachoo, akkaataa guutiinsa Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa ilaalchisee ibsa ministirri maallaqaa Ameerikaa baase loogii kan qabu waan ta'eef fudhatama hin qabu jedhaniiru

Obbo Gadduun ibsa fuula Tiwiitar irratti baasaniin 'Itoophiyaan Masrii fi Sudaan waliin dhimma guutiinsa bishaanii Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa irratti dhimmoota hafan ilaalchisuun itti fufiinsaan mari'achuu nideeggarti, ta'us garuu yaadni ministira maallaqaa Ameerikaan kenname fudhatama hin qabu jedhaniiru.

Manni maree ministirootaa Itoophiyaa kora kaleessa taa'een, Hidha Haaromsaa Guddicha ilaalchisee wantonni taasifaman martinuu fedhaafi faayidaa Itoophiyaa karaa eeguun qofa taasifamuu qabu jedheera.

Akka manni maree ministirootaa jedhetti, mariifi waliigalteen fedhiifi faayidaa biyyaalessaa miidhu hin gaggeeffamu.

Ameerikaan maree dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha irratti, Itoophiyaa, Masiriifi Sudaan gidduutti ji'ootaaf gaggeeffamaa ture akka dafee xumuramu fedhii akka qabdu ibsuun ishee ni yaadatama.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Marii baatii Guraandhala dhumarra Waashingitanitti beellamamerraa garuu, Itoophiyaan yeroo fudhadheen itti mariyadha jechuun irraa hafteetti.

Hidha kana haala miidhaa hin qaqqabsiisneefi walqixxummaan qabeenya bishaan kana fayyadamuu eeguun akka guutaa deemtuufi ijaarsa isaas akka itti fuftu ejjennoo qabdus ibsatteetti, Itoophiyaan.

Ameerikaan ammoo osoo waliigalteen hin mallattaa'iin bishaan guutuu jalqabuun waan ta'uu hin qabnedha jetteetti.

Itoophiyaan ibsa Ameerikaan Hidhaa Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaa ilaalchisuun, bakka isheen hin argaminitti Suudaaniifi Masrii waliin ta'uun baaftes sirrii akka hin taanes qeeqxeetti.

Ministiroonni Dhimma Alaa, akkasumas kan Bishaan, Jallisiifi Iinarjii Itoophiyaa ibsa waliin baasaniin Ityoophiyaan akka abbaa Hidaa kanaa taatetti, haala haqa qabeessa ta'eefi miidhaa hin qaqqabsiifneen bishaan guutuufi ijaaruu ni gaggeessiti jedhaniru.

Waliigaltee dambiifi qajeelfama ittiin bishaan guutamuufi gadi lakkisamu qopheessuun xumurameera jechuun ibsa kennames Itoophiyaan akka hin fudhanne hima ibsi kun.

Akka ibsa fuula Ministeera Bishaan, Iinarjiifi Anniisaa irratti bahetti, mariin dhimmoota teeknikaafi seeraa hin xumuramne.

Kana malees, dambiifi qajeelfama Hidhi Haaromsaa bishaan ittiin guutamuufi gadi lakkifamuu kan qophaa'uu qabu Masiriin qofa osoo hin taane biyyoota sadeeniin ta'uu akka qabu Itoophiyaan beeksifteetti.

Ibsi ministeerri maallaqaa Ameerikaa hanga biyyoonni sadan dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha irratti waliigalteerra ga'uun mallatteessanitti Ameerikaan gidduu galeessumman mariisisuu akka itti fuftu ni agarsiisa.

Ameerikaan yaada gareen seeraafi tekiniikaa biyyoota sadanii dhiyeessan bu'uura godhachuudhaan akka sanadiin waliigaltee qophaa'uuf haala mijeessaa kan turte yoo ta'u, Baankiin Addunyaa ammoo sanada waliigaltee sana ilaalchisee dhimmoota tekiniikaaf kan ta'an galtee kennaa tureera.

Torban darbe ammoo lammileen Itoophiyaa Waashingitan jiraatan, marii Itophiyaa, Masiriifi Sudaan dhimma Hidha Haaromsaarratti taasisan kanaan dura Ameerikaan akka taajjabduutti erga waliin turtee booda, amma keessa galuu ishee mormuun hiriira ba'uun isaanii ni yaadatama.