Hiriirtonni Ameerikaan marii dhimma Abbayaa keessa harka akka fudhattuuf gaafatan

Madda suuraa, TASEW MELAKEHIWOT
Marii Itoophiyaa, Suudaaniifi Masriin haala Hidhaan Haaromsaa Itoophiyaa bishaan itti guutamuu qabuufi gadhiifamu irratti taasifamaa jiru keessatti Ameerikaan taajjabduummaan hirmaachaa jirti jedhamee ture.
Amma garuu sadarkaa taajjabuurra darbee giddu-seenuun wal mariisiisuutti ce'ushee mormuun lammiileen Itoophiyaa Waashingitan DC jiraatan hiriira bahan.
Waltaasistuun hiriira kanaa keessa tokko kan taate Aadee Birhaanee Beekaa kaayyoo hiriirichaa ilaalchisuun BBC'tti akka himaniitti, Ameerikaan dhiibbaa marii laga Abbayyaa irratti taasisaa jirtuu keessaa harka akka fudhattu gaafachuuf jedhan.
Kana dura motummaan Ameerikaa akka taajjabaatti dhimma marichaa hordofaa turulleen,amma garuu gara wal taasisuutti ce'uun Itoophiyaarratti dhiibbaa taasisaa waan jiruuf kana akka dhaabuuf gaafachuufiidha jedhu Aaddee Biraaneen.
Sababii hiriiricha kana Waashigteen D.C'tti bahuun barabaadameef wayita himanis, qaamoleen murteessoo ta'an magaalicha keessatti waan argamaniif jedhan.
Dhimmi Abbayyaa dhimmaa lammiilee Itoophiyaa hunda ilaallattu waan ta'eef garaa garummaa tokko malee lammilee biyyattii achitti argaman waliin bahuus himaniiru.
Kana malees, Ameerikaan dhiibbaa Itoophiyaarratti uumtu akka dhaabduuf hiriira mormii waamameedha kan jedhan ammoo, jiraata magaalichaafi qindeessaan hiriira kanaa Obbo Xaasoo Malakaa-hiwoot turan.
Sababiin hiriira baaneef Ameerikaan dhiibbaa hin barbaachifne akka hin uumne gaafachuudhaaf jedhe. "Dhiibbaan akkasii fudhatama hin qabuu jennee itti himuudhaaf baane."
Waliiigalteen dhiibbaa qabu akka hin mallatteeffamneef mootummaa cinaa hiriiruu keenya mul'isuuf kan jedhan Obbo Xaasoon, dhimmi laga Abbayyaa dhimma miliyoonotaati jedheera.
Akka Obboo Xaasoon jedhaniitti, Ameerikaan waliigalchiisuu keessaa bahuun gara taajjabdummaatti akka deebituuf waamicha dabarsaniiru.
Hiriira kaleessa magaalaa DC'tti bahame kanarrattis lammiileen Itoophiyaa biyyas jiraatan gara 200 akka hirmaachusaanii qindeessitoonni himan.

















