Itoophiyaan mariin koree teekinikaa dhimma Hidhaa Haaromsaa Laga Abbayaa akka itti fufuu qabu ejjennooshee beeksifte

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaan haala Hidhaan Haaromsa Laga Abbayaa bishaan ittiin guutamuufi gadhiifamuu qaburratti mariin garee teekinikaa biyyoota sadanii: Itoophiyaa, Masiriifi Sudaan akka itti fufuu qabu ejjennoo cimaa qabaachuu beeksifteetti.
Bu'uura ibsa walga'ii ministiroota bishaanii biyyoota sadanii Onkololeessa 4 fi 5 Kaartuumiitti gaggeefamaa turee xumurameen kaleessa galgala fuula Feesbuukii Waajjira Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaarratti ba'een yaada gareen Masriin qaamni sadaffaan nu yaa marisiisu jechuun dhiyeessite Itoophiyaa hin fudhanne.
Gareen Masrii adeemsicha sababiiwwan adda addaatiin akka gufachiiste ibsuun, yaada dhiyeessan hundi fudhatama argachuu qaba jechuun ejjennoo isaaniirratti cichuun mariin kun bu'aa eegamu akka hin argamsiifneef sababii ta'u ibisichi eerera.
Ministiroonni Bishaanii biyyoota sadeenii Masrii, Itoophiyaafi Sudaan Onkoloolessa 4-5, 2019'tti Kaartumitti walga'anii kan turan yommuu ta'u, walga'ii ministirootaa kana dursee ammoo Gareen Qorannoo Saayinsaawaa Walabaa Biyyaalessaa (NISRG) biyyoota sadeenii Fulbaana 30 -Onkoloolessa 3 2019'tti Kaartumitti walga'iirra turan.
Haala bishaan itti guutamuu qabuufi bishaan akkamiin akka gadhiifamuu qaburratti yaada dhuunfaa Masiriin dhiyeessite kan adeemsa NISRG ittiin hojjetuun adda kan ta'eefi adeemsa amma qabatamee jirullee kan diigudha.
Kanarraa ka'uun ministiroonni bishaanii walga'ii isaanii Fulbaana 15-16, 2019'tti Kaayirootti gaggeessaniin NISRG tiin akka karoora Itoophiyaan bishaan guutuufi gadhiifamuu qaba jettee qabatteen akka qoratudha
Akkasumas, dhimmuma kana ilaalchisee teekinika ittiin hojjetamuu qaba jechuun Masiriifi Sudaan galftan akka mariyatanii xiinxalu ajajeera.
Kallattiin ministiroota bishaan biyyoota sadaniin Kaayirootti kaa'amerratti hundaa'uudhaa, NISRGn karoora bishaan ittiin guutamuufi akkaataa kamiin akka gadhifamuu qaburrattis karoora Itoophiyaan qabdu ilaaleera.
Kana malees, yaadawwan Masiriifi Sudaan dhiyeessanis ilaaleera gareen kun.
Mariin NISRG taasisu wantota ijoo waliigaltee biyyoota sadaniin tolfamee qophaa'errattidha.
Gareen kun qabxiiwwan hanga tokko irratti waliigalteerra kan ga'eeru yoo ta'u, dhimmoonni ammas hafan ni jiru.
Qabxiin irratti waldhaban kunneenis karaa maree bal'aa NISRG tiin furamuu danda'a.
Karoorri Itoophiyaan bishaan guutuudhaaf qabatte dhawwaata dhawaataan ta'ee waggoota afurii hanga torbaa fudhata.
Kun ammoo fedhiiwwan biyyoota yaa'a Abbayaa kana keessa jiran kan ilaalcha keessa galchedha.
Itoophiyaafi Sudaan maree NISRG ilaalchisee adeemsa ijaaruufi hundaaf tola jedhan hordofaa jiru.
Haata'u malee, gama Masriin ejjennoo yaada dhiyeessite hunduu naaf fudhatamuu qaba ejjennoo jedhutti cichuun, hanga kun hin taanetti mareen garee NISRG kun gaggeeffamuu hin qabu jettetti.
Itoophiyaan waligalteen marii garee teekinikaa kun kan waloo akka ta'eefi garaagarummaa hiikuu kan dandeessisaniidha jechuun, holola miidiyaa faallaa ta'eefi duulawwan gara biraa wal amanuu biyyoota sadan gidduu jiru balleessan irraa of qusachuun barbaachisaa ta'us yaadachisteetti.
Itti dabaluunis, Itoophiyaan qajeelfamawwan walqixxummaa fayyadama bishaan Laga Abbayyaafi fudhatama qabuu, akkasumas biyyoota lagichaa kan biraarratti miidhaa olaanaa akka hin qaqqabsiifne jedhu ni kabajjis jedheera ibsi Ministeera Dhimma alaa kun.
Garuu ammoo, fedhii misoomaa uummata biyyattii kan ammaafi gara fuula duraa guutuuf yaalii misooma qabeenyaa bishaan ofiirratti yeroo taasifamutti mootummaan Itoophiyaa adeemsa bifa kamiinuu Itoophiyaa biratti fudhatama hin qabne hin fudhatu jedha ibsi kun.
Itoophiyaan adeemsa waliigaltee fayyadama bishaanii kan baroota durii keessa turan kallattiinis ta'e karaa kallattiin alaa deebisee hojiirra oolchu hin qabne hordofti.















