Mormii Masirii: 'Namoonni mootummaa mormuun hiriira ba'an hedduun hidhaman

Mormitoota

Madda suuraa, Reuters

Tibbana lammiileen Masirii ammas daandiitti ba'uun mootummaan malaammaltummaa dhaabuu qaba jechuun mormii dhageessisuu eegalaniiru.

Hanga ammaattis namoonni hiriira mormii irra tutran 500 caalan hidhamaniiru jedhu Quuqamtoonni Mirga Namoomaa.

Hiriirri mormii kun magaalota Kaayiroo, Aleksaandariyaa fi magaalota gurguddoo biroo keessatti Jimaata darbe eegale, magaalaa handaara galaanaa Suwiiz keessattimmoo Sanbata eegale.

Hanga ammaatti qondaaltonni mootummaa lakkoofsa namoota hidhamanii hin dubbanne.

Bulchiinsa Pirezdaantii biyyaattii yeroo ammaa Abdulfattaa al-Siisii jalatti namoonni nagaan hedduun dararamaniiru, hiriira mormii ba'uuf uummanni mirga guutuu dhabee ture, kanaafuu hiriira akka duraanii hin ba'amu ture.

Erga bara 2013 as namoonni 10 caalan walga'uu akka hin dandeenye dhorkamee ture.

Bara sana yeroo jalqabaaf filannoo dimokiraatawaadhaan Masirii keessatti filatamanii aangoorra kan turan Pirezidaantiin duraanii Mohammad Mursi aangoorraa buufamuun Abdulfattaa al-Siisii aangoo qabatan.

Erga Mohaammad Mursiin aangoorraa buufamanii Abdulfattaa al-Siisii aangoo qabatanii as waggoota ja'an darban keessatti namoonni 60,000 ta'an hidhamaniiru.

Namoonni hidhaman kunneen hedduunsaanii miseensota Muslim Brotherhood.

Bara bulchiinsa Abdulfattaa al-Siisii keessa gareen kun akka biyyattii keessa hin sochoone seeraan dhorkamee ture.

Namoota hidhamaniin alatti dhibba hedduutti kan lakkaa'aman du'aan adabamaniiru, hedduun ammoo achi buuteen isaanii dhabameera.

Hiriira mormii mootummaa giddu gala magaalaa Kaayirootti , Fulbaana 21, 2019

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Masirii keessatti erga bara 2013 as namoota 10 ol ta'anii walitti qabamuun dhorkameera

Jimaata darbe halkan walakkaarraa eegalee lammiileen Masirii hedduun giddu gala magaalaa Kaayiroo iddoo Tahrir Square, Adda babayii Tahriir jedhamutti ba'uun mormii eegalan.

Giddu galli kun mormii uummataa bara 2011 pirezidaantii biyyattii duraanii Mohammad Mursii aangoorraa buuseef iddoo xiyyeeffannoo ijoo ture.

Mormitoonni al-Siisiin akka aangoo gadi dhiisan, jijjiirama sirna kanaa akka barbaadan dhaadhannoo dhageessisaa turan.

Yeroo xinnoo boodammoo poolisiin gaazii imimmaanessu itti gadi dhiisuun bittimse.

Erga mormiin kun eegalee Kaayiroo dabalatee magaalota gurguddoo biyyattii keessatti eegumsa akkaan cimeera

Viidiyoon wayita mormitoonnii fi poolisiin walitti bu'an agarsiisu miidiyaa hawaasummaarratti gadi dhiifameera, Fulbaana 21 ,2019, Suwiiz

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Viidiyoon wayita mormitoonnii fi poolisiin walitti bu'an agarsiisu miidiyaa hawaasummaarratti gadi dhiifameera, Fulbaana 21 ,2019, Suwiiz

Namoonni hidhaman seera nama 10 ol ta'anii tuutaan ba'uun akka hin danda'amne dhorku cabsuudhaan himataman. Kan miidiyaa hawaasummaarratti oduu sobaa gadi dhiisuu fi iyyama malee hiriira ba'an jedhamuun himatamaniis jiru. Hedduunsaanii umurii 18 gadi.

Aangoo Olaanaa Humna waraanaa biyyattii irraa gara aangoo pirezidaantummaatti kan dhufan Abdulfattaa al-Siisii tibba darbe pirojektii humna ibsaa Itoophiyaan laga Abbayyaa irratti hojjecha jirtuu fi mormii uummataa bara 2011 kaasanii dubbii isaan dubbatan ijoo dubbii ta'ee ture.

Obbo Abdulfattaan utuu bara sana hookkarri biyya keenya keessa hin turree silaa Itoophiyaan pirojektii humna ibsaa sana hin eegaltu jechuun Miidiyaa Al Haram jedhamutti dubbatan.

Itoophiyaan wayita nuti hookkara keessa turretti carraa sana fayyadamuun nu dhoksitee pirojekticha eegalte jedhan.

Qondaaltonni mootummaa Itoophiyaa garuu eegalamuun pirojektichaa hookkara biyyoota Arabaa keessa tureen gonkumaa wal hin qabatu jechuun waakkatan.

Pirezidaanti Abdulfattaan lammiileen Masirii dogoggora seenaa kanatti akka hin deebine dhaamsa dabarsanii turanillee lammiileen biyyattii garuu osoo hin turin daandiitti ba'uuun mormii eegalan