Masirii bishaan qusachuuf jecha ruuzii alaa galchuufi

Qonnaan bulaa ruuzii haamaa jiru

Madda suuraa, AFP

Masiriin midhaan ofii ishee omishtee alatti ergaa turte waggoota dheeraa booda biyyoota biraa irraa bittee gara biyyaatti galchuuf murteeessite.

Kunis bishaan qusachuuf akka ta'e beekameera.

Mootummaan biyyattii yeroo dhihoo as omisha gosa midhaanii bishaan hedduu barbaadan xiqqeessuuf akkasumas omisha ruuzii seeraan alaa irratti addabbii hammeessuuf murteessee jira.

Ijaarsa hidha haaromsa Itoophiyaan ijaaraa jirtuun hammi bishaani biyyattiin argattu xiqqaachu mala jedhe yaadda'eera mootummaan Masirii.

Ministirri Muummee Shariif Ismaa'el mootummaan hanqina bishaanii mudachuu malu hir'isuuf omisha ruuzii xiqqeessuu, hanqinni ruuzii akka hin mudanneef ammoo biyyaa alaatii bitanii dhiheessuf akka jiran dubbataniiru.

Masiriin duraan biyyoota ruuzii omishanii biyya alaatti erguun beekaman keessaa ishee tokko.