Bishaan dhibnaan nageenyi hin jiru: Siyaasa bishaanii jaarraa 21ffaa

Madda suuraa, MOHAMED EL-SHAHED
Osoo dhiyeessiin bishaanii biyya tokko adda cite maaltu ta'a? Addunyaan hoo maal taati?
Bishaan jireenyaaf nu barbaachisa. Darbees milkooma dinagdee, daldalaa fi kalaqa biyya tokkoofis lafee dugdaati. Kun dhugaa laga Abbayyaa Masirii durii irraa hanga laga Amaazoon bosona roobaa Biraaziil irraa hubatamu dha.
Qaamoleen bishaanii hedduun biyyoota gidduutti akka daangaa uumamaatti waan tajaajilaniif, biyyootni kun bishaan kana waliin qooddatu. Fakkeenyaaf lagni Abbayyaa biyyoota hedduu qaxxaamura. Dhalli nama walitti bu'iinsaaf dhiyoo ta'uusaan wal qabatee siyaasa bishaanii irratti lolli hedduun uumamuu dhabuun ajaa'iba.
'Bishaan hin jiru taanaan, addunyaan nagaa hin argattu,' jedhu hayyootni. Jaarraa 21ffaa kana keessa maddeen bishaanii hedduun gogaa jiru, jijjiiramni qilleensaa, baay'inni uummataa fi sabboonummaan lammiilee biyyootaa guddataa jiru hariiroo biyyoota addunyaa qoraa jiru.
Fedhiin bishaanii biyyoota addunyaa bara 2000 fi 2050 gidduutti dhibbeentaa 55nin akka dabalu eegama.
Kanaaf, addunyaan bishaan gahaa akka argattuu fi nagaas akka qabaattu maaltu hojjetamuu qaba?
Nagaan addunyaa siyaasa bishaanii irratti hirkatee jira
Qoodni bishaan akeeka siyaasa addunyaa jijjiiruu keessatti qabu jaarromee jira. "Duraan qaamoleen bishaanii gurguddoon akka daangaa uumamaatti biyyoota tajaajilu ture. Amma garuu haalli jijjiiramee, itti fayyadamni bishaanichaa dhimmi ijoo ta'eera" jedhu Zeeniyaa Taataa, qondaalli dhaabbata kalaqawwan bulchiinsa bishaanii irratti hojjetaman wal dorgomsiisee badhaasu 'XPrize'.
Bishaan hin jiru taanaan, addunyaan nagaa hin qabaattu Jedhu hayyootni.
Qamoleen bishaanii hedduun daangaa biyyootaa yoo ta'an gariin ammo biyyoota hedduu qaxxaamuru. Kun yaad-rimeen mirga waloon fayyadamuu akka dhalatu taasiseera.

Madda suuraa, FRANCK FIFE
Laga yoo fudhanne, biyyootni yaa'a gara olii, ka'uumsa lagichaa, yeroo baay'ee aangoo abbummaa qabu. Biyyoota yaa'a gadii irrattis dhiibbaa yoo geessisan mul'ata.
Giddugala bahaatti, lagni Joordaan, biyyoota akka Joordaan, Paalestaayin fi Israa'el dabalatee naannolee hedduuf madda bishaanii ta'ee tajaajila.
Itiyoophiyaa fi Masiriin jaarraa hedduuf misooma laga Abbayyaa irratti hojjatamuuf waliin atakaraa turan. Bara 2015 wal dhibdee isaanii dhiisanii waloon itti fayyadamuuf walii galanii.
Siingapoor fi Maleezhiyaa gidduus dhimmi wal fakkaataatu jira. Maleezhiyaan waggaa 99'f bishaan laga Johoor irraa fayyadamuuf Siingapoor duuka waliigaltee qabdi.
Deebii sirriin akkamiin biyyootni nyaataa fi bishaan danuu qaban, biyyoota hin qabneef akka dhiheessani dha.
Inistiitiyuutiin Paasifiik, dhaaba odeeffanoo qabeenya bishaanii Kaalifoorniyaa akka jedhutti dhaloota kiristoos dura waggoota 2000 kaasee hanga har'aatti bishaaniin wal qabatee lola hedduutu gaggeeffame.
Kanaaf akkamitti hunduu bishaan gahaa argatee, jarraa 21ffaa kana keessa addunyaan nagaa akka qabaattu gochuun danda'ama? Deebiin sirriin, biyyootni waraanaan dhiyeessii bishaanii walii isaanii to'achuu waliin wal hin argu. Deebii sirriin, akkaataa biyyootni nyaataa fi bishaan danuu qaban, biyyoota hin qabneef dhiheessani dha.
Dhiyeessii bishaanii qooddachuu
"Jaarraa 21ffaa keessa bishaaniin wal qabatee dhimmoota gurguddoo sadiitu jiru." jedhu yuunivarsiitii Oorigoonitti Pirofeessarri Ji'oogiraafii Aaron Woolf.
Dhimmi jalqabaa: Bishaan qulqulluu dhabuun dhibee HIV fi busaan qixa namoota hedduu du'aaf saaxilaa jira.
Dhimmi lammataa hiikaa siyaasaa hanqinni bishaani qabu dha. Fakkeenyaaf Siiriyaa keessatti ongee hanqina bishaaniitiin mudate, namootni hedduun gara magaalotaatti akka baqatan, jireenyi akka qaala'u fi rakkoon biyyattiin duraan qabdu akka hammaatu taasisee jira.
Dhimmi sadaffaan kan hayyootni waa'een isaa baay'ee hin dubbatamne jedhan, dhimmi bishaan daangaa qaxxaamuruun biyya tokkoo gara biyya biraa adeemuuti. Kun bakka mirgi itti fayyadama waloo ka'u dha.
Bakka itti fayyadamni waloo jirutti, bishaan walitti bu'iinsa uumuu akka danda'u, walta'iinsa cimsuu fi ariifachiisuus danda'a.
Kanaafi dhaabbileen akka Yuunivarsiitii Oorigoon akkamiin walitti bu'iinsa bishaaniin uumamu furuu fi gara wal ta'iinsaatti jijjiiruun akka danda'amu irratti hojjetaa kan jiraniif.
Yaada furmaataa, Qonnaan bultootaaf kaffaltii dabalataa
Bishaan hundi garboota, haroowwanii fi lageen kessa qofa miti kan jiru jedhu hayyootni.
Bishaan biyyee keessa jira. Biyyee qonnaan bultootni midhaan fi muduraalee akkasumas nyaata beeyladoota isaaniif irraa omishan. Bishaan biyyee kana keessa jiru gara omishaalee kanneeniitti darba. Omishaaleen kun ammo biyya tokko irraa gara biyya birootti fe'amu. Bishaan kana afaan ingiliziin 'virtual water' jedhanii waamu.

Madda suuraa, Getty Images
Bishaan akkanaa kun jaarraa 21ffaa kana keessatti shoora olaanaa qaba jedhu hayyichi Kolleejjii Kiing magaalaa Landan moggaasicha kennan Joohn Antoonii Aalan.
Yuuroop keessatti bishaan soorata keessa jiru akkanaa dhibbeentaan 40ni aardittii alaa dhufa.
Biyyoota addunyaa 220 ta'an keessaa dhibbeentaan 66 yookin biyyootni 160ni soorata fi bishaan soorata sana oomishuuf barbaachisu biyyoota biroo irraa gara biyya isaanii galchu.
Bishaan bifa Kanaan biyyootni walitti daldalan addunyaan tasgabbii akka qabaattu taasiseera. Kanaafis addunyaan dhiimma bishaniin wal qabatee nagaa akka argattuuf, qonnaan bultoota omishaalee kanneen omishanii gabaaf dhiyeessaniif gatii humna isaanii sirriitti kafaluun barbaachisaa dha jedhu Aalan.
Jaarraa 21ffaa kana keessa dhimmi murteessaan yaa'a bishaaniitti dhiyoo ta'uu fi dhiisuu yookin qabeenya bishaanii qabaachuu fi dhabuu osoo hin taane, kan qaban warra hin qabne waliin qooddachuu danda'uudha.












