Hidha Haaromsaa: Haasaa dhimma Hidha Haaromsaa irratti mariin kallattii kaa'u taa'ame

Madda suuraa, Feesbuukii Waajjira MM
Haala bishaan hidha haaromsaa guddichaItoophiyaa itti guutamuufi itti gadhiifamu irratti mariin biyyoota sadan waliin Waashingtaniitti guyyoota muraasaaf gaggeeffamaa ture waliigaltee malee xumurame. Haasaa dhimma Hidha haaromsaaf mariin kallattii kaa'u waajjira Ministeera Muummeetti taa'ameera.
Waajirri minitira mummee fuula feesbuuki isaarratti akka barreessetti, marii kanarrattis ministiroonni, miseensoonni koree mariichaa, hayyoonni, namoonni beekamoofi kanneen qaamolee hawaasa biraa irraa babbahan hirmaataniiru.
Tibbana ogeessota teekinikaafi seeraa Itoophiyaa, Suudaan fi Masriitiin mariin wixinee sanadaa qopheessuuf Waashingitaniitti gaggeeffamee ture waliigaltee tokko malee xumuramuu Ameerikaatti Ambaasaaddari Itoophiyaa Fitsum Araggaa midiyaa hawaasaa isaaniirratti barreessuun isaanii ni yaadatama.
Marii Ameerikaafi Baankiin Addunyaa taajjabummaadhaan irratti hirmaatu jedhame kunis sababa bu'aa tokko malee akka xumuramu taasise ilaalchisee garuu Ambbaasaaddarichi kan jedhan hinturre.
Maddeen marii kanatti dhiheenya qaban BBC'tti akka himaniitti, mariin taasifamaa jiru haala bishaan hidhiichaa itti guutamuufi itti gadhiifamurratti akka xiyyeeffatuuf Itoophiyaan walii taasisaa jirtulleen, gama Masriitiin garuu qoodiinsa bishaanii irratti akka xiyyeefatamu dhiibbaa taasisaa jirti jedhan.
Mariin biyyoota sadan jidduutti gaggeeffamaa turees kallattii isaa dhiisuun xiyyeeffannaa haala qoodiinsa bishaanii irratti taasifachuu maddi kun BBC'tti himeera.
Suudaanis ejjannoo ishee geedaruun Masrii waliin dhaabbachusheefi akkasumas Baankiin Addunyaafi Ameerikaanis Masrii waliin dhaabbachu himuun, dhimmichi akkamiin Itoophiyaa qofaa dhaabbatteerratti dhiibbaan taasifamaa akka jirtu dubbateera.
Sanadiin haala itti gutama bishaan hidha kanaafi wayita hongeen hammaatu hamma bishaanii gadi dhiifamuu qabuirratti qophaa'e Itoophiyaan akka mallatteessituuf Ameerikaafi Baankiin Addunyaa dhiibbaa taasisaa jiraachu himameera.
Haaluma kanaan walqabatees Ministirri Haajaa Alaa Amerikaa Maayik Poompiiyoo har'a Finfinnee ni galu jedhamee eegamaa kan jiru yoo ta'u, turtii isaanii keessattis MM Abiy waliin wixinee sanada qophaa'ee irratti akka mari'atan ragaalee bahaa jiru.















