Hidhaa Haaromsaa Itoophiyaa: Itoophiyaafi Masiriin dhimma bishaan guutuufi opereeshiniirratti waliigaltee jalqabaarra ga'an

Ministiroonni Itoophiyaa yeroo Tiraamp waliin mariyatanitti

Madda suuraa, Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa

Itoophiyaafi Masiriin akkaataa Hidhaan Haaromsaa Laga Abbayaa itti guutamuu qabuufi opereeshiniin isaa maal akka ta'uu qaburratti waliigaltee jalqabaarra ga'aniiru.

Marii giddu-galeessummaa Ameerikaafi Baankii Addunyaatiin guyyoota lamaan darban Waashingiteen DC'tti gaggeeffamaa ture yeroo xumuran waliigaltee isaanii kanarrattis ibsa waloo baasaniiru.

Ibsi waloon biyyoota sadanii [ Itoophiyaa, Masiriifi Sudaan) akkasumas Ameerikaafi Baankiin Addunyaa baasan kun akka jedhutti Hidhaan Haaromsaa kun waqtii roobaa keessa ji'oota Adoolessaafi Hagayya keessa akka guutamuu qabutti waliigalame.

Guutaminsi jalqabaa hatatamaan hanga 595m gahutti kan gaggeeffamu tahuu akka qabus waliigalameera.

Kun ammoo humna ibsaa gamanumaan maddisiisuu akka danda'uufidha.

Haata'u malee, waliigalteen dhumaa kan mallattaa'u Amajji 28-29'tti yeroo ministiroonni biyyoota sadanii ammas Waashingiteen, Ameerikaatti deebiyanii wal arganidha.

Waliigalteen giddu galeessummaa Ministira Dhimma Maallaqaa US fi Pirezedaantii Baankii Addunyaan gaggeeffamaa ture fedhii Itoophiyaan dursitee humna elektiriikaa maddisiifachuuf barbaaddu ilaalcha keessa kan galche yoo ta'u, yoo waqtiin gogiinsaa biyyoota Masiriifi Sudaan keessatti kan dheeratuufi hammaatu ta'e garuu tarkaanfiiwwan rakkoon kun ittiin dandamachuu dand'an kaa'ameera.

Biyyoota Lagni Abbayaa keessa darbu

Waligalteen amma irra ga'ame kun muddama Itoophiyaafi Masirii gidduutti erga gaafa Itoophiyaan Hidhaa Haaromsaa kana Laga Abbayaarratti bara 2011 kaastee ijaaruu jalqabdee as ture ni fura jedhameera.

Hidhaan Haaromsaa Itoophiyaa Laga Abbayaa irratti jaaramaa jiru kun baasii Dolaara Ameerikaa Biliyoona shan kan gaafatu yoo ta'u yoo xumurame, hidhaa humna elektiriikaa maddisiisu Afirkaatti guddicha ta'a.