Masirii-Itoophiyaa: Waldhabdee hidhaa guddichaa Abbayyaa

Madda suuraa, Reuters
Dhimmaa Hidhaa Guddichaa Laga Abbayyaarratti waldhabdee Itoophiyaafi Masirii gidduu jiru furuuf mariin Washingitaniitti taasifamaa jira.
Waggaa darbe waldhabdee kana furuuf guyyaan xumuraa kaa'ames Amajjii 15 ta'us mariin torban darbe taa'amee garuu atakaaroon xumurame.
Yeroo xumuramutti Hidhaan Guddichaa Abbayyaa, Itoophiyaan ijaaraa jirtuu Afrikaa keessatti hidhaa isa guddaa ta'a.
Ijaarsi hidhaa kanaa kan eegalame bara 2011tti laga Abbayyaa bishaan waliigalaa Naayiliif %85 qabaterratti.
Ta'us garuu hidhaan kun Sudaan gidduutti qabamte,e Masiriifi Itoophiyaa gidduutti waldhabdee uumeera. Kunis waraanatti geessuu danda'a yaddoon jedhu waan jiruuf Ameerikaan mariin dubbii kana furuuf gargaaraa jirti.
Maaliif dubbii ijoo ta'e?
Hidhaan humna elektrikaa bishaaniin hin hojjatu ta'uus garuu saffisi lagaa hidhaa kanaan hir'atu yaa'iinsa lagicha iddoo biraa ni miidha.
Kuusaa bishaanii guddaa kana guutuuf yeroo dheeraa yoo fudhate, dhibbaan hanga lagicharratti qabaatu ni hir'ata.
Itoophiyaan waggaa ja'a keessatti xumuruu barbaaddi.
Masiriin garuu yeroo kanarra dheeratu akka fudhatu barbaaddi - sababiinsaa lagichi saffisaan akka hin hir'isneef.
Mariin biyyooti sadan Masirii, Sudaanifi Itoophiyaa gidduutti waggootii afurii oliif gaggeefamaa ture homaa hin foyyeessine- kanaaf US gidduu galuun mariisisuuf yaalaa jirti.
Marii torban darbee booda Itoophiyaan, Masiriin waligalteerra ga'uuf yaada hin qabdu jechuun himatteetti.

Madda suuraa, Getty Images
"Warri Masirii yeroo dhufan, waliigalteerra ga'uuf waan dhufan natti hin fakkaatu," jechuun Ministerri Bishaan, Jallisiifi Inarjii Itoophiyaa Dr. Silashii Baqqalaa BBCtti himaniiru.
"Kanaratti ammoo kuusaan hidhaa kana bishaaniin guutamuuf yeroo fudhachuu qabu irratti yaadi isaan dhiyeessan waggooti 12 hanga 21 gidduudha.
"Kun tasuman kan hin fudhatamnedha," jedhaniiru.
Ministerri Bishaanii Masirii Mohamad Abdel Atii garuu, biyyootiin lameenuu hidhaa kan guutuu dabalatee dhimmoota hunda irratti ibsa ga'aa argataniiru jechuun isani gabaafameera.

Masiriin maaliif aarti?
Masiriin maddaa bishaanii ishee barbaachisuuf %90'f laga Naayil irratti hundoofti. Akka seenaan himutti biyya bishaan hedduuminaan hin qabne kanaaf bishaan Naayil jireenyaaf hedduu barbaachisaadha.
Waligalteen 1929 (akkasumas 1959) to'annoo laga Naayiil harka caalaa Masiriifi Sudaaniif kenna. Waligalteen bara koloneeffachuu ture kun hojii lagichaarratti biyyootiin biraan taasifamuufi kan yaa'iinsa lagichaa hir'isuu danda'u irratti Masiriin aangoo murteessuu akka qabattu godha.
Bishaan laga Abbayyaa laga Naayiliif maddaa bishaanii isaa guddaadha.
Waliigaltee waggootii hedduu hin hordofnu kan jedhuun Itoophiyaan Bitootessa 2011tti Masirii utuu hin mari'atiin hidhaa kana ijaaruu eegalte.

Madda suuraa, Getty Images
Pirezdaantiin Masirii Abdul Fattaah al-Siisi Fulbaana waggaa darbe utuu rakkoon siyaasaa biyyitti qabamtee hin jiraanne kun hin uumamu ture jedhan.
Yaddoon Masirii tokkoo bishaan laga kanaa yoo hir'ise, laga Nasser kan hidhaa Aswaniif kuusaa bishanii ta'e miidhuu danda'a kan jedhudha.
Dabalataniis hidhaan Itoophiyaa kun dhiyeessi bishaanii Naayil ofiinuu xiqqoo ta'eefii, lammilee Masiriif madda bishanii harka guddaa ta'e ni miidha kan jedhu yaddoodha.
Akkasumas, bishaan kun yoo hir'ate geejjiba laga Naayiil Masirii keessa jiruufi qonnaan bultoota jireeenyi isaanii jallisii lagichaarratti hundaa'uu miidhuu danda'a.
Itoophiyaan hidhaa guddaa akkanaa maaliif barbaadde?
Hidhaan Itoophiyaa baasii doolaara biiliyoona afuriin ijaaramaa jiru kun yeroo xumuramu humna elektirikii meggaawaatii 6,000 ni maddisiisa jedhame yaadama.
Lammileen Itoophiyaa %65 humna elektirikii waan hin qabneef hir'inni elektirikaa ni jira.
Elektiriikiin hidhaa kanarraa maddisiifamu, lammileef elektirikii dhiyeessee, kan irraa hafe ammoo biyyoota ollatti gurguramuu akka qabu himama.
Biyyootiin ollaa akka Sudaan, Sudaan Kibbaa, Keeniyaa, Jibuutiifi Eertiraan humna ibsaa hidhaa kanarraa madduurraa fayyadamooo ta'uu danda'u.
Hojiin hidhaa kanaa gargaarsa maallaqaa biyyaa alaa utuu hin fudhatiin, boondii mootummaafi gargaarsa dhuunfaatiin adeemaa jira,
Dhimmaa kanaratti Itoophiyaan gidduu galuu biyyooti biroo irratti hedduu of eegatti.

Madda suuraa, Getty Images
Waldhabdeen kun waraanaatti ce'uu danda'aa?
Yoo waldhabdeen kun furamuu baatee biyyootiin lamaan gara waraanaatti deemuu danda'u kan jedhu sodaan jira.
Bara 2013 waraabbiin dhoksaa yeroo abbootiin siyaasaa Misirii yaada Itoophiyaarratti tarkaanfii humna yaa fudhannu jedhu dhiyeessan akka jiru gabaafamee ture.
Pireezdaant Sisiin mirga laga Naayil irratti qaban eegsisuuf Masiriin tarkaanfii barbaachisaa ta'e hunda akka fudhattu ejjennoo qaban dubbatanii turani.
Onkololeessa waggaa darbe keessa MM Itoophiyaa Abiy humni kamiyyu hidhaa sana ijaaruurraa Itoophiyaa dhaabuu hin danda'u jechuun paarlamaa keessatti dubbataniiru.
Dhaabbatti International Crisis Group jedhamu hidhaa kanarrtti biyyootiin lamaan 'gara waraanaatti seenuu danda'u' jechuun akeekkachiiseera.
Ameerikaan gidduu galuunshee dhimmii kun hangam cimaa akka ta'e agarsiisa.
Waldhabdee kana akka furaniif Pireezdaant Sisiin erga Pireezdaant Tiraampiin gafatanii booda, Masiriin gidduu galuu Ameerikaa barbaadde, ta'uus jalqabarraa Itoophiyaan yaada kana simachuu hin barbaadne ture.
Waldhabeen biyyoota miichota Ameerikaa ta'an kana lamaanii, namootaa nagaa miliyoona hedduu rakkoo keessa galchuu waan danda'uuf addunyaa irraa feedhiin jiraachuu danda'a.
Kanaaf amma maaltu ta'a?
Tarkaanfiin itti aanuu ministeeronni bishaaniifi dhimma alaa biyyootii sadanii guyyaa dhumaaa kaa'ame Amajjii 15 dura waliigaltee tokkorra ga'uuf yaaluu qabu.
Yeroon kun kan kaa'amee Sadaasa keessa aanga'ooti biyyoota lamaan, Ministira Maallaqa Ameerikaa Isteevan Manchin fi Pireezdaantiin Baankii addunyaa Deevid Maalpass erga wal argaiin booda.
"Dhimmi kun waliigaltee biyyoota sadanii barbaada. Keeyyati 10 fedhii biyya tokkoorratti hundaa'a hin jedhu," jechuun Ministeerri Bishaani Itoophiyaa BBCtti himaniiru.

Madda suuraa, US president's office
Akka waligaltee Sadaasa bara darbeetti, Amajjii 15 irratti waliif hin galan taanaan biyyooti kun qamoota jarsummaan isaan gidduu galan kan biiraa gaafatu ykn ammoo dhimmicha hoggantoota biyyaattiitti dabarsuu qabu.
"Nuti gochuun kan nuuf malu gabaasa keenyaa hogganaa keenyaaf dhiyeessuudha, yoo hogganaan dhimmicha furan jijjiramni jiraachuu danda'a," jechuun Obbo Sileeshiin dubbataniiru.
Dilbata kana MM Abiy waldhabdee kanaag jarsummaa akka ta'aniif pireesdaanti Afrikaa Kibaa Siriil Ramafoosa gaafataniiru.
Marii Gamtaa Afikaa dhufaa jirurratti Ramafoosaan waldhabdee kana karaa nagaa furuuf gargaaru ni danda'u jechuun MM Abiy dubbataniiru.
















