Ameerikaan fayyadama laga Abbayyaarratti ibsa baafte

Waayit Hawus

Madda suuraa, RAYMND BOYD

Ameerikaan marii Itoophiyaa, Suudaaniifi Masriin haala adeemsa Hidha Guddichaa Itoophiyaa bishaaniin guutamurratti mari'achuun fayyadama haqa qabeessa mirkanneessuuf taasifamaa jiru kan deeggartu ta'u beeksiifte.

Kunis kan himame, ibsa gabaabaa Waajjira Piresii Waayit Haawusii baheefi dhimmoota gadi-fageenyaan yaada hin kennine tokkoon yoo ta'u, sababiin ibsichi baheefis hin himamne.

Ibsa gabaabaa kanarrattis ''biyyoonni Laga Abbayyaa hundi qabeenyicha misoomsuufi itti badhaadhuudhaaf mirga qabu,'' jechuun, '' Bulchiinsi Ameerikaa biyyoonni hundinuu mirgoota kanneen kan kabaju danda'aniifi waliigaltee fayyadama bishaanichaa haqa qabeessa ta'eefi fedharratti hundaa'eerra akka gahaniif waamicha ni taasisa,'' jedha.

Waajirri pireziidaantichaa maalirraa ka'uun ibsa kana akka baase kan hime kan hin jirre yommuu ta'u, ibsi dabalataan kenne garuu hin jiru.

Ibsi kun tarii kora har'aafi boor Kaartuum, Sudaanitti aanga'oonni biyyoota sadanii taa'uuf jiru jedhamee eegamu waliin kan walqabatedha jedhamees ni tilmamama.

Torban darbe keessa Yaa'ii Waliigalaa Biyyoota Gamtoomanii Niiwu Yoorkitti taa'amerratti haasaa kan taasisan Pirezedaantiin Masirii Abdul Fataah Al-Siisii, Itoophiyaan bishaan Laga Abbayaa irratti misooma ijaaraa jirtu kana ilaalchiftee mareen taasifamu bu'aarra ga'amuu dhabuun isaa naannoon sun tasgabbii akka hin qabaanne gochuu danda'a jechuun dubbachuun isaanii ni yaadatama.

Hidhaa Haaromsaa

Madda suuraa, ZACHARIAS ABUBEKER

Kanuma waliin walqabsiisuun Pirezedaantiin Itoophiyaa Saahila Warqi Zawudee waltajjiima yaa'ii Biyyoota Gamtoomanii kana irratti haasaa taasisaniin deebii Pirezedaantii kan fakkaatuun "Lagni Abbayaa biyyoota bishaan kun keessa darbuuf qabeenya waloodha malee, madda shakkiifi walmorkii ta'uu hin qabu jechuudhaan biyyoonni hundinuu waliin akka iti fayyadamuu qaban himanii turan.

Pirezidaantiin Itoophiyaa, "Akkaataa itti fayyadama bishaan Laga Abbayaa waliin itti fayyadamuu mirkaneessuu danda'uun fayyadamuudhaaf waltumsuufi qindoominaan hojjechuu akka qaban," haasaa isaanii keessatti kaasaniiru.

Ji'a Fulbaanaa kana keessa aanga'oonni Itoophiyaa, Masiriifi Sudaan dhimma Hidhaa Abbayyaa kana bishaan akkamiin akka guutamuu malurratti marii walitti fufinsaan taasifamaa jiru keessaa tokko Kaayirootti gaggeefatanii ture. Walga'iin Kaayirootti gaggeeffame kun garuu walii galtee malee xumurame.

Ministirri Bishaan, jallisiifi Inarjii Itoophiyaa Dr. Injinar Silashii Baqqalaa maree Kaayirootti ture kanarraa yeroo deebiyan ibsa kennaniin, Masiriin akkaataa bishaan Hidhaa kanaa guutamuu qaburratti yaada haaraa akka dhiyeessite himanii Itoophiyaan ammoo yaada kana akka hin fudhatiin dubbatanii turan.

Akka ibsa ministirichaatti yaada Masiriin dhiyeessite, bishaan waggoota torba keesatti akka guutamuuf, Itoophiyaan waggaatti bishaan meetir kuubii biliiyoona 40 akka gadhiisuu qabduufi Hidhaan Aswaan ammoo lafaa ol meetira 165 irra yeroo ga'u akka bishaan gadhiisu kan jedhu ture.

Itoophiyaan yaadni haaraan Masiriin dhiyaate kun akkaataa Laga Abbayaa fayyadamuu irratti biyyoota sadan gidduutti kanaan dura mallatteeffamee kan ture, "Waliigaltee kan diigeefi dirqama miidhaa qaqqabsiisu kan kaa'udha," jechuun hin fudhattu jedhan.

Ministirichi itti dabaluudhaan yaadni dhiyaate kun, "Bishaan Masiriin waggaadhaan argachuu qabdu meetir kuubii biliyoona 40 akka ta'uuf gaaffiin dhiyeessite karaa biraatiin Itophiyaan bishaan Abbayaa akka hin fayyadamne kan dhorku waan ta'eef hin fudhatiin hafteetti," jedhan.

Bishaan Hidhaa Abbyaa kana akkaataa itti guutaniifi gadhiifamuu qabu ilaalchisee wantota jiran akka qoratuuf gareen qorattootaa biyyaalessaa walaba ta'e Itoophiyaa, Sudaaniifi Masirirraa walitti dhufanii hundeefame walga'ii isaa 5ffaa Wiixata darbe Kaartuum Sudaanitti gaggeeffatee ture.

Gareen kun walga'ii ministiroota bishaanii biyyoota sadanii achuma Kaartumitti qophaa'u irratti gabaasa akka dhiyeessu ni eegama.