Donaald Tiraamp pireezidantii Masirii Al-Siisii jajan

Alsiisii fi Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Al-Siisiin 'hiriyaa kiyya' jedhan Donaald Tiraamp

Pireezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp pireezidantii Masirii Abdulfattaah Al-Siisii 'hojii gaarii' hojjete jechuun jajan. Al-Siisiin yeroo hedduu qabiinsa mirga namoomaan wal qabatee komiitu irratti ka'a.

Al-Siisiin heera motummaa Masirii fooyyessuuf riifaraandamii gaggeessuuf torbaan muraasni wayita hafu Waayit Haawusitti simatameera.

Fooyyessi heera mootummaa kun Al-Siisiin waggoota dabalataa 15'f aangoorra akka turan hayyamaaf.

Tiraamp kana osoo beekanii Waayit Haawusitti simatanii beekamtii kennuufi isaaniif gareelee mirga namoomaan qeeqamaa jiru.

Haa ta'u malee Tiraamp Al-Siisii bifa ho'aan simatanii 'hiriyaa kiyyaa' jechuunis waamaniiru. Hariiroon biyyoota lamaanis akka ammaa kanatti jabaa ta'ee hin beeku jedhu Tiraamp.

Fooyyessi heera mootummaa Al-Siisiin qopheessaa jiran humni waraanaa caalaatti biyyattii akka to'achuu danda'u aanjessa jedhameera.

Biyyattiin dhiyeenya kana jeettiiwwan waraanaa bituuf Raashiyaa waliigaltee doolaara biliyoona 2 mallatteessitee jirti.

Kunimmoo senaataroota Ameerikaa yaaddessee jira. Qoqqobbiin akka irra kaa'amu gochuus danda'a.

Aanga'oonni lamaan dhimma waraanaa baay'ee barbaachisaa ta'e kan dubbatan akka qaban Tiraamp himaniiru.

Hojii gaarii shororkeessummaa ittisuu irratti Masiriin hojjetaa jirtuufis galata dhiyeessanii jiru.