MM Abiy Ahimad: Falaasama 'Ida'amuu' waggaa tokkoon duuba

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Mummee Abiy Ahimad osoo gara aangootti hin dhufiin dura waa'ee falaasama 'Ida'amuu' kan dubbataa turan.
Erga gara aangootti dhufanii boodas waltajjiiwwan biyya keessaafi idil-addunyaa hedduu irratti falaasama 'Ida'amuu' kana irra dedeebiin kaasu.
Haa ta'u malee ammallee namoonni tokko tokko falaasamni 'Ida'amuu' kun haalaan hin ibsamne jedhu.
Dura taa'aa paartiilee jahaa dhiheenya kana waliitti qabamanii kan ta'an Obbo Andu'aalam Arraage namoota falaasamni 'Ida'amuu' sirriitti hin ibsamne jedhan keessaa tokko.
"Fakkeenyaaf akka dhaabbilee mormitootaatti akkamiin akka ida'amnu ykn hin ida'amnee ifaa miti" jedhu.
Dhimmoonni waloo fi sochiin Itoophiyaa dhiibbaa jalaa baasu yoo jiraate akka waliin hirmaannu ni beekama kan jedhan Obbo Andu'aalam, guutummaatti ida'amuuf fedha akka hin qabne dubbatu.
"Sochiin Ministirri Muummee lammiilee hidhaarraa hiikuu, mormitoonni biyya alaa turan gara biyyaatti deebii'uun karaa nagaatiin akka qabsaa'an taasifamuu fi Minitirri Muummee gadi bu'uun lammilee waliin dubbachuun kanneen gatii olaanaan kennamuufiidha."
Kanaan alatti garuu, ''Dr Abiy Ida'amuu Ida'amuu haa jedhan malee qabatamaan wanti mul'atu hi njiru,'' jedhu.
"Yeroon kun kan itti lammiileen sababii eenyummaasaaniitiif qe'eesaaniirra buqqaafaman, loogiin irra gahuufi itti ajjeefaman waan ta'eef hiikaan ida'amuu kun lammiileen sirriitti kan hubatame natti hin fakkaatu" jedhu.
Ida'amuu akka qoricha yeroo dhukkuba wayyeessuutti
Tibba Dr. Abiy gara aangootti dhufan siyaasni biyyattii haala rakkisaa keessa galee tureedha.
Falaasama ida'amuu kana qabatanii yeroo sanatti dhufuun MM Abiy haalicha qabbaneessuuf isaan gargaareera jetti oggeettii seeraa kan taate Hilliinaa Birhaanu.
''Yadni Ida'amuu yeroo sanaaf murteessa ture" kan jettu Hilliinaan, jechichas akka qoricha yeroo dhukkuba wayyeessuutti hubatti.
''Tibba sanatti rakkooleen keenya daran jabaatanii turan, garamiitti akka deemamus hin beekamu ture,'' jetti.
''Jecha wal-xaxiinsi siyaasaa keessa hin jirre waan tureef, hawaasni akka wal'aansa yeroo dhibee namatti wayyeessuutti fudhate,'' jetti.
Haa ta'u malee jechichi yeroof dhibee wayyeessuurraa gara sadarkaa itti aanutti ce'uu hin dandeenye jetti.
''Namni kamiyyuu jechicha haala isaaf mijatuun akka itti hin fayyadamneef ifa ta'ee kaa'amu qaba ture,'' jetti.
Ida'amuu ija lammilee Eertiraatiin
Yaadni Ida'amuu Dr. Abiy kun gama sochiilee walitti dhufeenya alaatiinis irra deddeebiin ka'a. Waltajjiiwwan idil-addunyaa irrattilleen yaadni Ida'amuu kun ka'eera.
Sochilee gama walitti dhufeenya alaatiin Dr. Abiy ittiin galateeffataman keessaa dhimmi Ethio-Eertiraa tokko.
Pirezidantiin Eertiraa Isaayaas Afawarqii ''Ummanni kun seenaa lama qaba jedhee kan yaadu yoo jiraate kan seenaa hin hubatiin'' jechuun isaanii ni yaadatama.
Kunis lammiilee Eeritaa muraasa biratti mufannaa umee ture.
''Ida'amuun nuyi Eertiraanotaaf yaaddoodha'' jedha gaazexessaan lammii Eertiraa Kaaliid Abdu.
Kunis "yaada Ida'amuu jedhuun Isaayyaas biyyattii gurguruu eegaleera, dabarse nu kennuufi, Itoophiyaa waliin tokko nu gochuufi'' yaaddoo jedhu akka itti uume dubbata.
''Waa'ee Ida'amuu lammiileen biyyattii waan beekan hin qaban. Nama tokkotu qofaasaa murteessaa jira. Dhimmichi ammoo kan lammiilee Eertiraa hundaati,'' jedha.
Ida'amu kalleessaa fi har'a
Yaadni Ida'amuu jedhu wayita eegalamu rakkoo hin qabu ture jedha marsaalee hawaasaa irratti waa'ee yaada kanaa irra deddeebiin kan barreessu Faasiil Tasfaaye.
Tibba sanatti kan yaadichi galeefis kan hin galleefis akka ida'ame himaa ture. Isaaniif ida'amuun tokko ta'udha.

Madda suuraa, BRENDAN SMIALOWSKI
Haa ta'u malee namootumti sun waggaan booda miidiyaa hawaasaa irratti ejjannoo biraa yoo mul'isaan mul'atu.
''Miirri yeroo haaromsichi eegalamu natti dhagahamaa ture har'a keessa kiyya hin jiru,'' jedha.
Jechi 'ida'amuu' jedhu kunis kan dabale caalaa kan hir'iseetu guddatee natti mul'ata jedha.
Yaadichi waan uummanni eegaa ture kan argamsiisedha amantaa jedhu akka hin qabne dubbata.
''Wal shakkii, wal amantaa dhabuu fi of-jaalannaa daangaa hin qabnetu caalee mul'ate,'' yaada jedhu qaba.
"Rakkinni kan jiru yaadicha bira ykn uummati haala itti fudhate osoo hin taane, qaamooleen yaadicha fidan akka sirriin itti fayyadamnuuf nuu hin tolchine. Yaadichas qabatamaa taasisuun hogganaa hin jiran,'' jechuun qeeqa.
Yaadichi haaradhaa?
Obbo Andu'alam Arraagee akka jedhaniitti, yaadi ida'amuu tokkummaa biyyaafi waliin dhaabachuu yoo ta'e kun ejjennoo paartiin isaanii Tokkummaan Haqaa fi Dimokiraasiif qabaachaa turedha.
Sadarkaa ejjanootiinis paartichi tokkummaa Itoophiyaa dursuu qabaachu himu. Kanaafuu Ida'amuun isaaniif yaada haaraa akka hin turre himu.
Yunivarsitii Finfinneetti barsiisaa kan ta'an obbo Naahusannaay Balaay gama isaanitiin, tibba MM Dr. Abiy barsiiftota walitti qabuun haasofsiisaniitti, yaadni ida'amuu jedhu maal akka ta'ee gaaffii dhiyaateef ''kun hojii hayyootaati, qoradhaa,'' deebii jedhu MM Abiy irraa argachuu isaanii ni yaadatu.
Garuu yaadicha ibsuu kan qabaatu namuma yaadicha maddisiiseedha jedhu.
Waggoottan 50 darban keessa Itoophiyaa keessatti qoodamniifi ilaalchi sanyiin wal qooduu adda addumma hedduu umeera kan jedhan hayyuun xiin-sammuu Dr. Mihirat Dabbabaa, ''ida'amuun yaada haaraa ta'u dhiisuu mala garuu ilaalcha bu'uraa haaraadha" jedhu.
Yaadni kun wal waraansaafi qoodama ture hir'isuuf kan hojiirra oolfameedha jedhu.
Kan ida'ameefi hin ida'amiin
Obbo Nahusannaay akka jedhanitti ida'amuun firaafi diina ittiin adda baasuun miidhuuf kan hojiirra olfameedha.
''Ida'amte jechuun waan Dr. Abiy jedhe hundaaf harka dhahudha, ida'amu dhiisuun ammo shakku ykn mormuu jechuudha,'' jedhu.
Jecha baramaa akkasumaan nama dadammaqsuuf itti fayadamamee malee kan falaasama siyaasaa fi dinagdee hin qabne akka ta'e dubbatu.
Midiyaa hawaasummaa irratti jechichi haala hin barbaadamneen hojiirra olfamaa jira kan jedhan Dr. Mihirat, kun falaasama Dr. Abiy natti hin fakkaatu jedhu.
''Hawaasichi bakka garaa garaatti ida'ame hin ida'amne jechuun wal qooduun, uummanni yaadicha osoo hin hubatiin haala hin barbaadamneetti hiikuu isaa mul'isa'' jedhu Dr. Mihirat.
Kanaafuu yaadichi haala sirriidhaan gara hawaasaa akka gahuuf hojjatamu qabaata jedhu.
''Ida'amuufi Ida'amuu dhiisuuf bilisummaa kan hin kennine yoo ta'e jechiichaan faallaa ta'a,'' jedhu.
Ofii Ida'amu jechuun kun hikaansaa maaliidha?
Falaasama kana irratti hubannoo yeroo dheeraa akka qaban kan himan Dr. Mihirat, uumamaanis wanti hundu wal simuun, tokko kan biraa irraa waa argachuufi kennuurraa kan madde akka ta'e himu.
Qofaa ofii hojjachuurras waliin yoo hojjatamee caalaa bu'aa qabeessa akka ta'e agarsiisuuf kan fayyadu ta'u dubbatu.
Waggaa tokko kana keessa qabatamaan wanta mul'ate yeroo gabaabdu keessatti xiinxalanii akkasiidha jechuun rakkisaa ta'u dubbatu.
Yaadichi hayyootaan irratti mari'atamee, qoratamee ifatti kan sakkata'amee miti, garuu mariif banaa ta'uu akka qabaatu ni amanu.














