MM Abiy Ahmad: 'Isiin ana malee jiraachuu dandeessu, ani garuu isiin malee omaa miti'

Minisitira Muummee Dr. Abiy Ahmad yeroo turtii waggaa tokkoo aangoo isaanii irratti haasaa taasisan

Madda suuraa, Waajira Ministeera Muummee

Ministirri Mummee Dr Abiy Ahimad bara aangoo isaanii waggaa tokko kan darbeefi gara fuula duraa ilaalchisuun haasaa taasisaniiru.

Waggaan darbee ilaalchisanii kan dubbatan keessaa:

Bara kana keessa bakkan deemee hundatti kan na deeggartan, akkasumas du'a Waxabajjii keessa naaf qophaa'ee ture bakka kiyyaa kan naaf duutan, naaf madooftaniifi naaf dhiigdan lammii koo galata isiiniif dhaamuun barbaada.

Lammiilee Itoophiyaa bakka garaa garaatti argamtan biyyootan deemeetti ogganaa keessa simanna jechuun gatii baafataniif galatoomaa. Isiiniifi biyyattiin ana malee jiraachu dandeessu; ani garuu isiin malee omaa miti.

Jijjiramichi akka yaa'aa bishaanii kan akkasumaan dhufee osoo hintaane, kan baayyeen itti wareegaman, itti reebaman, itti hidhaman, itti biyyaa bahan, kan itti bo'an, kan itti kadhannaa taasisaniifi malee kan muraaasa keenyaa qofa hinturree.

Kanaafuu jijjirama gatii baayyeen aragamee kana itti fufsiinsuun imaanaa lammiilee hundarraa eegamu ta'a.

Bara darbee keessa hedduun biyya keessaafi biyyaa laatii hidhaa kan itti hiikaman, kan adda bahan kan itti walargan, kan baqatan kan bayyatti galan, kanneen walitti dhokaasan nagaaf biyya galaniiru. Kanaafuu haala waggaa har'aa keessa turree sana daggachuun gaarii hinta'u.

Haala keessa turame sana keessaa bahamee wayita jijjirama simatameetti gammachuun booda keessa ammoo filannoowwan biraa barbaacha yaaluun amaluma ilama namootaa waan ta'eef hammeenyaan fudhatamu hinqabaatu.

Jijjiramni kan cimu yoo aadaa hingeedaramneefi dhaabbilee hinharoomneen eegaluudha. Wayita jjiiramicha eegalee eeda'amuu labsineetti, dhaabbilee hingeedaramneen waan tureef bu'aa bahiichi turee kanuma egamuudha.

Nutis kana hubachuun ture namoota dhaabbilee jijjiramaaf gumaachaniifi murtessoo ta'an kan akka boordii filannoo fi waajjira haqaatiif namoota murtessoo ta'an kan mudneef. Akkasumas hirmaannaan dubartoonni aangoowwan murteessoo keessatti hirmaachifneera.

'Seenaa Itoophiyaa keessatti waggoota 100 darbaniif kun ta'ee hinbeeku'

Akkasumas baatiiwwa torba darban qofa keessatti dollaarri biiliyoona 13 karaa garaa garaatiin gara biyyattii akka galu taasisu dandeenyeera.

Seenaa Itoophiyaa keessatti waggoota 100 darbaniif kun ta'ee hinbeeku.

Akkasumas rakkina invastaroota mudatu fooyyeessuuf baatiiwwan torban darbn keessa damee dhuunfaatiif dolaara biiliyoona saddeetti kennineera.

Naannoolee biyyattii garaa garaa jidduutti nageenya, dhiifamaafi laalalatu nu barbaachisa. Waggaan darbee ykn jijirmichi injifannoo qofaan kan guutuame hinturre. Aadaan garaagarummaa keenya marii hiikuu waan hindagaagneefu, buqqa'insii lammiilee dhagahu hinbarbaannee umameera.

Kan dhaallees siyaasa wal shakkuu, hammatee osoo hintaanee kuffisee darbuu, jibba jumlaa, arrabsoofi waljibbaati.

Kunis jijjiramichaaf gufuu ta'eera.

Nuti seenaa kana geeddaruuf itti gaafatamummaa fudhachu dhabuu kenyaatti ijoolleen guddisaa jirru dhaloota imaanaa fudhatan osoo hintaane kan soorama barbaaduu akka hintaane gahee keenya haa baanu.

Beekumsi, humni, dandeettii fi qabeenyaan keenya Itoophiyaa misoomsuuf malee ummatta buqqaasuuf olu hinqabaatu.

Ummanni guutuun biyyaa akka hubatu dhimmin barbaadu, Amaaraa, Oromoo, Tigraay, Gaambeella, Somaalee, Beneshangul fi Hararii jedhee yoo Itoophiyaa jiraate malee guutuu ta'uun hindanda'amu.

'Biyya kadhattuu?'

Kana malees Itoophiyaan biyya kadhattuu ta'usheen isiin yaadachisuu barbaada. Kanaafuu, saayintisitii, ykn artistii ajaa'ibaa ummaate yoo ta'e, isa kan biyya kadhattuu ta'usaa haaluun hindanda'amu.

Kadhachaa fokkoruun waan hinbaafneef, miira tasgabbiitiin mariin garaagarummaa hiikuuf yaaluun bu'aa qabeessa ta'u yaadchiisuun brbaada.

Walumaagalattis waggaa tokko darbee keessatti hojiiwwan dinqisiisoofi gurguddaan akkuma raawwataman hunda rakkooleen hedduunis turaniiru.

Waggaan itti aanuuf hojiiwwan gurguddaa kami irratti xiyyeeffata:

Gutuun Itophiyaa obsaafi dhiifamaan dhimmoota irratti waliin hingallee irratti mari'achaa waliin taanee gara fuulduraatti akka deemnuuf isiin gaafachuun barbaada.

Fooyya'iinsi dhaabbilee eegalame gadi bu'ee lammiilee hunda gahuu waan hindandeenyeefu motummaan hojiiwwan reeformii eegalaman itti fufuun dhaabbilee walabaa lammiilee hunda haala walqixaan tajaajilan ijaarun hojiiwwan xiyyeeffanaa olaanaan keennamuuf ta'u isiin beeksiisuun barbaada.

Hirmaattota waltajjii turtii waggaa tokkoo MM yaadachuuf qophaa'e irratti argaman gariin

Madda suuraa, Waajira Ministeera Muummee

Gaama dinagdeetiin wantoonni hojjatamu qaban hedduu yoo ta'an, keessattu gama damee turizimiitiin masaraan biyyaaleessaa dhiheenyatti hojiilee isaa gammachisoo waliin lammiilee hundaaf ifa ta'a.

Pirojaktiin Finfinnee akka daraaraatti bareechuuf kaayyeefates Fulbaanaa hanga Fulbaanaatti nuusni isaa xumuramuun ifa ta'a.

Gama damee qonnaatiinis keessattuu gama jallisiiwwan xixiqqootiin hojiiwwan eegalaman cimsuun hojiilee bu'a qabeessa ni hojjana.

Akkasumas damee albudaa cimsuun dargaggootaaf carraa hojii umsuun akkasumas galii gudda argamsiisuuf hojiilee cicimoon ni hojjatamu.

Olaantummaa seeraa kabachisuun adeemsa sirna dimokiraasii eegalame fiixaan bahuuf, murteessaa waan ta'eef, yeroo kunis kan itti qaamooleen seera raawwachiisaniifi seera kabachiisan bu'ura cimaa irratti ijaaraman ta'a.

Lammiileen buqqa'an gara qee'esaaniitti akka deebii'an qofa osoo hintaane, akka gargaaramaniif ummata biyyattii mara waliin ta'un mootummaan ni hojjata.

Filannoo bara dhufuu

Filannoon bara dhufu gaggeeffamuus bilisaa fi haqa qabeessa ta'un haala biyyoota Afriikaa biraatiif fakkeenya ta'un waan gaggeeffamuuf Itoophiyaanoonni kana akka eeganiin barbaada.

Kan hir'ate yoo jirateef gadi jedhee Itoophiyaanota dhiifama gaafachuun barbaada. Ariin keessanis anaaf badhaasa ture.

Wantootti hiratanis tarii wallaalaa fi haalli mijachu diduun kan umaman malee rinciicuun akka hintaane; sirriiyyuu yeroon qabu hunda amantummaan isiin tajaajilu kiyyas isiiniif ibsuun barbaada.

Fiigiichi keenya lammiilee biyyatti hundi kaabaa-kibbatti, bahaa -lixatti haala wal qixa ta'een akka jiraatan mirkanneessuudhaaf.

Hundinu gahee hanga ammaatti gama kanaan baataniif waaqni gatii isiiniif haabaasu.