Waggaa 1ffaa Abiy Ahimad: 'Wal gaarreffannaafi dhaadannaan naannolee gidduu jiru yaaddeessaadha'

Imaanaa Karaa

"Dur hidhaafi reebichi yeroo yeroodhaan ture. Amma dhibbaan dhibbatti jechuu baannullee dhaabbateera jechuu dandeenya," dargaggoo Imaanaa Karaa yoo haala amma jiru himu.

Erga ministira muummee Abiy Ahimad aangooti dhufanii magaala Amboos ta'ee guutuu biyyatti keessatti jijjiiramoota garaagaraa fiduusaa kan dubbatu jiraataan magaala Amboo dargaggoo Imaanaa Karaa, waggaan tokkichi darbe kan ciminniifi mudaan mootummaa Abiy Ahimad itti mul'ate ta'uusaa hima.

Rakkoolee nageenyaa biyyattiif yaaddoo ta'anii turan gama tasgabbeessuutiin ministirri muummee Abiy milkaa'oo ta'an illeen, hojiileen misoomaa garuu duubatti harkifachuu isaanii dargaggoon kun ni dubbata.

Magaaloota ministirri muummee Abiy Ahimad bara darbe tibba aangoo qabatanitti imaluun uummata walin itti wal argan keesssaa tokko magaala Amboo turte.

Sirni simannaa kunis kan jiraattootni magaala Amboofi aanaalee godina Shawaa Lixaa kumatamaan lakka'aman irratti hirmaatan ture.

Dooktar Abiy Ahimadis itti gaafatamummaa fi imaanaa lammiilee biyyattii irraa kennameef bahachuuf akkasumas waadaa wayita aangoo fudhatan uummataaf galan eeguuf kutannoo qaban magaala Ambootti labsan.

Maagaalaa Amboo

Magaalli Amboo giddu gala qabsoo uummata Oromoo akka taate namoota heddun himama.

"Magaalli Amboo waggoota dheeraaf dirree jeequmsaa kan dhiigni ilmoo namaa aarsaadhaaf itti dhangala'aa ture dha" jechuun kan dubbatu jiraataan magaala Amboo inni biraa dargaggoo Tulluu Firoomsaa tasgabbiin magaala Amboo muudama ministira mummee Abiy Ahimad booda ilaaf ilaamee fi wal dhageettii irratti kan hundaa'ee ta'uusaa hima.

"Gaafiwwan hin deebine heddu jiraatanillee jijjiiramootni akka biyyaatti waggaa tokko darbe keessatti mul'atan garuu kan abdii nutti horani dha" jedha dargaggoo Tulluun.

Yunivarsiitii Ambootti barsiisaa kan ta'an gargaaraan proofeesaraa Mootummaa Hirphasaa "yeroon aangoo ministira mummee Abiy Ahimad kan gaafileen uummattoota biyyattii heddu itti deebi'an dha" jedhu.

Dhaabbileen siyaasaa biyya alaa turan kunneen galmee shororkeessummaa irra turan dabalatee gara biyyaa akka deebi'an taasifamuunsaa fi hidhamtootni siyaasaa hiikkamuun isaanii jijjiiramoota kunneen keessaa muraasa ta'uu dubbatu.

Walitti dhufeenyi mootummaa fi ummata gidduu jiru kan yeroo mootummoota duraanii caalaa amma sadarkaa fooyyee irratti akka argamu kan himan jiraattotni magaala Amboo, tumsi ministirri mummee biyyaalee ollaa araarsuuf taasisanis fudhatama kan qabu ta'uusaa BBCti himan.

Ministirri mummee Abiy Ahimad rakkoolee nageenyaa biyyattii keessa turan akka dhuunfaattis ta'ee akka mootummaatti irra deemanii tasgabbeessaa turuu isaanii kan himan adde Asteer Dhaabasaa hojiin misoomaa fi diinagdee biyyattii keessatti hojjetame garuu gadi bu'aa ta'uusaa himan.

Profesar Motummaa Hirphaa

Gaafiiwwan hin deebine

"Walitti gaarreffachuu fi dhaadachuun naannolee gidduu jiru yaaddeessaa dha" jedhu gargaaraa proofeesaraa Mootummaa Hirphasaa.

Mootummaan Dr Abiy Ahimadin hogganamu gaafiwwan uummata biraa ka'aa turaniif hanga tokko deebii laatullee dhimmootni lafatti hafan akka jiran jiraattootni magaala Amboo BBCf yaada isaanii kennan dubbatu.

"Qaamolee harki isaanii dhiiga qabu fi bakkeewwan muraasa dawoo godhatanii jiran irratti tarkaanfiin fudhatamuu dhiisuu fi olaantummaan seeraa irratti mirkanaa'uu dhabuun isaa nu mufachiisee jira," jedha dargaggoo Tulluu Firoomsaa.

Lakkoofsi dargaggoota hoji dhabeeyyii olaanaa ta'uun isaa fi carraan hojii dhabamuun dhimma mootummaa Abiy Ahimad biraa deebii barbaadu akka ta'es dargaggootni BBCn haasofsiise himu.

Kana malees hooggantootni waggoota darban keessatti uummata irraan dararaa geesisaa turan ammallee caasaa mootummaa sadarkaa gadii keessa jiraachuun isaanii jijjirama biyyattii keessatti adeemaa jiruuf qormaata akka ta'e adde Asteer Dhaabasaa himan.

Gama biraatin dhimmi buqqaatotaa akkasumas walitti gaarreffachuun naannolee tokko tokkoo gidduutti mul'atu dhimma yaaddeessaa akka ta'e gargaaraan proofeesaraa Mootummaa hirphasaa dubbatu.

Haala naannolee Amaaraa fi Tigraay akkasumas naannoo Oromiyaa fi Amaaraa gama aanaa Fantaalleetin jiru kan kaasan gargaaraa proofeesaraa Mootummaa Hirphasaa "rakkooleen kunneen dhimmoota ijoo fala mootummaa barbaadanidha" jedhan.