Hiriira deeggarsaa Dr. Abiy Ahimad irratti boombii darbachuun kan shakkaman shan himatamuufi

MM Dr. Abiy Ahimad

Madda suuraa, SAMUEL HABTAB GEBRU

Hiiriira deeggarsaa MM Dr. Abiy Ahimad, Waxabajjii 23 irratti haleellaa boombii raawwatameen namoota kallattiin shakkaman shanirratti himatni banamuufi.

Shakkamtootni kunis Abdiisaa Qana'ii, Dassaalany Tasfaaye, Geetuu Girmaa, Hiwoot Gadaa fi Baahiruu Tolaa akka ta'an waajjirri dhimmoota koominikeeshinii mootummaa Federaala beeksiseera.

Galmee qorannoo poolisii waabefachuun waajirichi akka gabaasetti shakkamaan inni duraa Abdiisaa Qana'ii namoota yakkaan shakkamanii waldhaansa fayyaa argachaa turan miliqsuuf yaaleera jedhame.

Shakkamaan sadaffaan, Geetuu Girmaan ammoo yakka haleellaa boombii kana qindeessuun shakkame.

Geetuu Girma kana duras yakkaan shakkamee waggaa lamaa oliif hidhamee kan gadhiifame akka ta'e ragaan poolisii ni mul'isa.

Shakkamtuu afraffaan Hiwoot Gadaa, nama qalbiin darbe fakkaattee yakkaa kanarratti kan hirmaatte akka ta'eefi ammas Hospitaala Amaanu'eelitti waldhaansa argachaa akka jirtu ragaan poolisi ibseera.

Gareen qorannoo dhimma kana qorataa ture qorannicha xumuree galmee isaa Abbaa Alangaaf dabarseera.

Hiriira deggarsaa MM Abiy Ahimad

Madda suuraa, Getty Images

Abbaan Alangaas bu'uura seeraatiin himaticha qindeessee dhiyeessuuf beellama guyyaa 15 gaafatee heeyyama argatee jira.

Shakkamtoonni wayita qorannoo irra turan mana dukkanaa keessatti nutti cufamee ture, mirga heera mootummaan qabnu sarbameera jechuun mana murtiitti iyyataniiru.

Gareen qorannichaa garuu kun dhara akka ta'eefi yoo barbaachisaa ta'e ragaa viidiyoon deeggarame dhiyeessuu akka danda'u himeera.

Manni murtii yoo fedhe koree waan kana qulqulleessu ramaduun qulqulleeffachuu danda'a jedheera.

Qabiinsa shakkamtootaa ilaalchisuun hordoffiin akka taasifamuufi guyyaa beellamaa itti aanu A.L.I Hagayya 12, 2010 komishinii poolisii Finfinnee irraa hogganaan bakka shakkamtooni itti hidhamanii argamee yaada akka kennu manni murtii ajajeera.

MM Abiy Ahimad firiin qorannoo haleellaa boombii akka ifa bahu gaafatamanii deebii kennaniin, namootni irra deddeebiin gaafficha kaasan "harka keessaa hin qabnu jechuuf yoo ta'e, harka keessaa qabdu," jedhaniiru.

Namoota yakkicha kallattiin raawwatan qofa osoo hin taane, kan yaadaafi maallaqaan deeggaranis yakkamtoota jechuun dubbataniiru.