Daawwannaa Dr. Abiy Jabuutiitti taasisan

Madda suuraa, Getty Images
Muummichi Ministera Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed erga aangootti dhufanii kaasee hojiisaanii irra jireessaan dowwannaa biyya keessaa naannoolee biyyattii garaa garaa keessatti taasisaa turan sanbata darbe dowwannaa biyya alaa biyya ollaa kan taatee Jabuutiin eegalaniiru.
Dr Abiy Ahimed daawwannaasaanii kanaanis dhimmoota murteessoo ta'an irratti hawaasaa fi qondaaltota mootummaa Jabuutii waliin mari'ataniiru.
Dhimmi buufata doonii Jabuutii fi haala itti fayyadama buufatichaa akkasumas dhimmoota misoomaa kan biroo irratti marii taasisaanii Jabuutiitti Ambaasaadarri Itoophiyaa Shameeboo Fitaamoo BBC'tti himaniiru.
Itoophiyaan doonii Jabuutiitti dhibbentaa 80 fayyadamti. Garuu hanga ammaatti qoodni Itoophiyaa adda bahee hin beekamu. Kanaafuu Itoophiyaan gaaffii invastimantii fi misoomaa biraa gaafattee jirti. Erga yaada kanarratti mari'atameen boodas waliigahiirra gahameera, jechuu dubbatu Ambaasaadarri Shaameeboon.
Buufata kanatti fayyadamuuf Itoophiyaan waggaatti naannoo dolara biiliyoona lama akka baaftu kan himan Ambaasadarrichi kun, kun dinagdee Jabuutii dhibbentaa 70 ta'a jedhaniiru. Kana malees biyyootni laamaan pirojektoota gurguddoo waliin hojjechuuf kaayyoo qabaachusaanii isaanii ambaasadarichi himaniiru.
Akkasumas akkuma mootummaan Jabutii mootummaa Itoophiyaaf buufata doonii irra caalaa kenne jiru, gama motummaa Itoophiyaatiin lammiileen Jabuutii invatimantii akka teleekominikeeshinii keessatti akka hirmaatan haala mijeesera.
Kunis tarii tajaajila damee kanaa barootaaf mootummaan qofaan to'atamaa tureefi harkifataa ta'ee furuu dandeessisaa laata gaaffii jedhuuf, ambaasadar shaameeboon,''faayidaa ummataatiif hanga ta'ee jiruutti mootummaan Jibuutii dameen telekom keessatti yoo hirmaate, hariiroo dinagdee cimsa malee miidhaa hin qabu. Naannawa kanatti walitti hidhamiinsa hawaas dinagdee tokko uuma jedhaniiru.
Bishaanis yoo kenniinuuf kaayyoo kennanii fudhachuu jedhu hin qabnu kan jedhan Ambaasaadarrichi, ibsaas nurraa argatu waan ta'ee kaayyoo keenya walitti dhufeenya hawaasaa cimsuudha jedhaniiru. Misooma bu'uraatiin hawaasa walitti hidhuudhas kaayyoon biyyota lamaanii jedhaniiru.
Akkuma beekamu itoophiyaa baroota dheeraaf buufata doonichatti fayyadamaa kan turte yoo ta'u mariin ammaa adda kan taasisu, mirga abbaa qabeenyummaa gutummaatti ni araganna jedhaniiru. Itoohiyaan mirga Jabuutiin waliin haala walqixa ta'een buufaticha misoomsu ni argachi jechuudha. Kun ammoo dinagdee biyyattii ni saffisiisa.
''Dhimmi biraa ammoo biyyoonni lamaan gama daandii baaburaa qofaan osoo hin taanee gama buufataatiinis haariiroo cimaa ni qabaatuu jechuudha'' jedhaniiru.













