Balaa Xiyyaaraa Ittoophiyaa: "Afaan na hidhamee, sammuunis gara na darbee ture" - Dr. Geetaachoo Tasammaa

Abbaa kaapiteen Yaareed, Dr. Geetaachoo Tasammaa
Ibsa waa'ee suuraa, "Afaan na hidhamee, sammuunis gara na darbee ture"

Dr. Geetaachoo Tasammaa manguddoo ganna 80ti. Gaddi jabaa sababa du'a ilma isaaniitin isaan mudate fuula isaaniirraa dubbifama. Akkam jabaattanii jedhamanii gaafatamanii, "Irkoo koon dhabe" jedhu.

Dilbata ganama gaafa guyyaa Bitootessa 10, 2019 irra imaltoota 149 ta'aniifi hojjetoota xiyyaaraa 8 fe'atee xiyyaarri gara Naayiroobiitti balali'aa ture ganada Tulluu Farraa jedhamtu Bishooftuutti dhiyaattutti ture kufee kan caccabe.

Oduu kana jalqaba karaa fulla Tiwiitera isaaniikan uummata Itoophiyaatti himan Ministeera Muumme Dr. Abiy Ahimad turan.

Haallu tures lammilleen Itoophiyaa rifachiisuu irra darbee hedduu boossiseera.

BBC: Abbaan paayileetii xiyyaara kanaa Kaapiteen Yaared Dr. Getaachoo Tasammaa yeroo balaa sana itti dhaga'an akkamiin yaadatu?

Dr. Getaachoo: Haadha warraakootu naaf bilbile. Yaared nan dhufa jedhee naaf bilbilee ture garuu hanga ammaatti hin dhufiin jira. Waanti dhageesse jiraa jettee na gaafatte. Kanan dhaga'e hin qabu jedheen gara Daandii Xiyyaarichaattin bilbile.

Yeroo duraadhaaf na dubbisuu hin barbaanne ture. Boodarra garuu wanta dhoksuun danda'amu waan hin taaneef balaa uumame natti himan. Haadha warraakoottis nan hime. kanaaf, kanan dhaga'e ganama naannoo saatii afur ta'utti ture kanan dhaga'e.

Balaa sana akkan dhaga'een of wallaaleen kufe. Bakkan kufee na kaasanii gara hospitaalaa na geessan. Yeroon of baru hospitaala keessaa sireerratti Okisijiiniin naaf naaf galeen of bare.

BBC: Balaan sun osoo hin qaqqabiin yeroo dhumaatiif yoom wal-argitan?

Dr. Getaachoo: Guyyoota sadiin dura ture. Yeroo baayyee yeroo deebi'u kan naaf bilbilu. Yeroo tokko tokkos ganama yeroo deemuuf jedhu naaf bilbila. Guyyaa tokko ykn lama yoo kan qabaatu ta'e ammoo manakoo isa Adaamaa jirutti dhufee na dubbisa.

Dhala namaaf ajajamuufi qajeelaa ture. Ijoollee biroo nan qaba. kan Yaarediin bakka bu'u garuu hin jiru. Yeroo tokko tokko Finfinnee deemee yeroo natti dhi'u mana isaan bulan ture. Yeroon ganama ka'u isa ture kan ana kunuunsu.

Ijoollee baayyee qabaadhus hedduun isaanii biyya alaa waan ta'aniif yaadaan kan anatti dhiyaatu isa ture. Gaddichi arrabakoo na hidheera. Sammuukoo na jeeqeera. Kan ta'es ta'ee duuti isaa sadarkaa biyyaatti waan ta'eef ulfinatu natti dhaga'ama, nan itti boonas. Bara kana sababiin du'aatii waan hedduudha.

BBC: Yaared anama akkamii ture?

Dr. Getaachoo፡ Ijoollummaa isaarraa ka'ee ispoortii jaallata. Keessumaa ammoo bishaan daakuudhaan Madaaliyaa hedduu badhaafameera. Walumaa galatti, yeroo manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaafi lamaffa keessa ture maratti ispoortiidhaaf xiyyeeffannaa kenna ture.

Yeroo guddataa dhufee mana barumsaa qophaa'inaa ga'utti akka paayileetii ta'uu barbaadu dubbachuu jalqabe. Aniifi haati isaa lamaan keenya waan ogummaa fayyaa keessa jiruuf yoo xiqqaate kitaabotan qabu osoo anaaf dubbisee jedheen akka inni gara ogummaa fayyaatti makamu natti tola ture.

Inni garuu yoo kan dandeessanii na barsiiftan ta'e ogummaa paayileetii osoo na barsiiftanii fedhiinkoo isa kan jedhu yaada dhiyeesse. Nutis fedhii isaa erga qabaattee jennee fedha isaa fudhanneef.

Jalqaba fedhiin keenya Afrikaa Kibbaa deemee akka baratu ture. Boodarra garuu anaafillee ittiin qabadhee akkan gara biyyakootti deebi'uuf jedheen gara Itoophiyaa deemee akka baratuuf haadha warraakootiif yaada dhiyeesse.

Manni Barumsaa Daandiin Xiyyaarichaa kan baayyee beekamuufi lammileen Itoophiyaafi Afirikaa hedduu waan omisheeruuf akka achi deemee baratuuf fedhiikoo ture.

Ijoolleenkoo hunduu kan jiraatan biyya alaadha. Dhalli tokkichillee akka gara biyyaatti deebiyee akka Daandii Xiyyaara Itoophiyaatti baratu jechuun maatii waliin mariyannee waliif gallee, innis achitti barate.

Ijoollee ja'a qabu keessaa Yaared isa shanaffaadha.

Kaappteen Yaared Getaachoo

Madda suuraa, Submitted via Getachew Tessema

BBC: Waa'ee ammayyummaa xiyyaara oofuu isini waliin dubbatee beekaa?

Dr. HGetaachoo: Sadarkaa gargaaraatti xiyyaarota hedduu oofeera. Diriim Laayiner kan jedhamuufi xiyyaarota ammayyaa hedduu dabalatee. Gara biyyoota gara garaattis balali'eera. Hojii isaatti heddu gammadaa ture.

Yeroo boqonnaa isaatti kitaaba dubbisa ture. Gara Ameerikaa deemee xiyaarota daldalaa offuudhaaf leenjii isa dandeesisu marsaa lamaaf fudhateera. Waraqaa ragaas argateera. Umurii isaatiin baayyee guddaa ta'uu baatus hojii isaatiif bakka guddaa kan qabuufi yaada gaarii kan qabu ture.

BBC: Akka jettanitti leenjii hedduu fudhateera. Erga balaan kun qaqqabee booda dogogora warraa oofanii ta'a jettanii shakkiin xiqqoolle isin keessatti hin uumamnee?

Dr. Getaachoo: Shakkiin ana keessatti hin uumamne. Akka anatti himetti xiyaaronni hedduun isaanii kan ammayaati. Yeroo tokko kan naan jedhe... 'xiyyaara kanaan yeroo deemnu/hojjennu darbee darbee rakkoon ni mul'ata' jedhe. Isa kam akka ta'e garuu hin beeku. Komii hedduu hin dhiyeessu. Ji'a keessattis saatii hedduu hojjeta ture.

Xiyyaara Boeing 737

BBC: Balaa sanaaf Boeing ni komattuu?

Dr. getaachoo፡ Eyyeen, baayyee malee. Maaliif erga balaan kan Indineeshiyaa sun qaqqabee booda akka balali'u hayyaman? Sababiin isaanii omishoota warra biroo waliin waldorgommiidhaaf ta'uu danda'a. Baayyees gurgurachuudhaafis ta'uu danda'a.

Biyyoota guddatan tokko tokko keessatti lubbuun namaa kabaja hin qabu. Xiyaara sana irratti meeshaan malu tolfamuu dhabuu isaatiin dhalakoo dhabeera. kanaaf ammoo gadda guddaatu anatti dhaga'ame.

Haata'u malee, osoo hojii isaarra jiruu du'e. Kun dhaloonni itti aanu kan yaadatu ta'a. Kanaafidha biyyi guutuun kan goota keenya jedhaa osoo jiruu kan dhageenyuuf. kan isaaniif danda'amu godhaniiru.

BBC: Karoorasaa isinitti himee beekaa?

Dr. Getaachoo፡ Eeyyee

BBC: Maal isiniin jedhe?

Dr. Getaachoo፡ Kaadhimaa qaba ture. Isheenis Kaappiteeniidha.Waggaa dhufu gaa'ela dhaabbacuuf karoora qabu ture. Anis Finfinneetii mana waan qabnuuf mana sana akka mana jireenyaa godhatan waadaa galeefiin ture.

BBC: Ministeerri Geejjibaa ibsa jalqabaa baaseen paayiletoonni xiyyaarichi akka hin caccabneef kan isaaniif danda'mu hunda taasisuu isaanii himeera. Isin akka abbaatti yeroo kana dhageessan maaltu isinitti dhaga'ame?

Dr. Getaachoo፡ Baayyee sabboonumaatu natti dhaga'ame. Waajirichi osoo dhiibbaan siyaasaa tokkollee irratti hin taasifamiin waan sirrii waan taasisaniif nan isaan galateeffadha.

Kan kanaan dura Libaanositti ta'e akka hin taane irra dibamee darbe. Balaan xiyyaaraa amma kun haala walaba ta'een qoratamee uummata Itoophiyaafi kan addunyaatiif dhiyeessuu isaaniitiif galata guddaan qaba.

Dhuga ba'umsi kenname anaaf qofa osoo hin taane, dargageessa gara fuula duraatti paayileetii Daandii Xiyyaaraa kanaa ta'uu fedhaniif fakkeenya guddaadha jedheen amana.

Sirni MCAS attamiin hojjata

BBC: Kampaaniin Boeing balaa uumame ilaalchisee gadda isaa ibsuun dhiifama gaafateera. Dhiifamni Boeing irraa dhaga'ame ga'aadha jettanii yaadduu?

Dr, Getaachoo፡ Yaadawwan kanaan dura kennamaa turan hordofaan ture. Kanneen gaazexaa irratti kennaman dabalaytee. Saatiiwwaan kanaan dura balaliisan dabalatee yaadawwan fokkisoo ta'anitu kennamaa turan. Kun duula maqaa balleessuu cimaadha. yaared saatii kuma 8 oliif oofeera.

Paayileetiin gargaaraas akkasuma. Hundinuu itti gaafatamummaa isanii sirriitti ba'aniiru. Boeing garuu seenaawwan akkasumaan uumaman nutti himaa ture. ofirraa ittisuuf akka kana godhan naaf gala.

Kaampaaniin hanga kanaa guddatu warreen xixiqqaa ta'an tutuquu barbaada. Amma dhugaan mul'ateera. Haata'u malee, kan baayyee tureefi hagas maradha jedhamus miti.

BBC: Beenyaa kaffaluu ilaalchisee mootummaan Itoophiyaa isin dubbiseeraa?

Dr. Getaachoo፡ Wanta hanga ammaa taasifame naaf ni ibsu. wantichi eegalameera. Gara fuula duraatti yeroo qulqullaa'aa deemu wanta jiru si beeksifna naan jedhaniiru.

BBC: Ameerikaatti Boeing kan himata irratti banan ni jiru. Warri Keeniyaas Daandii Xiyyaara Itoophiyaafi Boeing akka himachuuf jiran dhaga'ameera. Isin yaada kana qabduu?

Dr. getaachoo፡ Bakka reeffi jirutti allaattiin ni baayyatiidha kan Ameerikaa. Abukaatonni Ameerikaa as hanga Naayiroobiittiyyu dhufaniiru. Itoophiyaas deemaniiru. Anaafis ganamuma isaati kan anaaf bilbilan. Baayyeen itti mufadhe.

Hanga gadda irraa kaanuttillee turuun eenyuun miidhe? Amerikaanonni garuu ilaalchaafi miira keenya hin qaban. Ani amma kanan jedhu Itoophiyaanonni walitti yaa'anii mariyachuudha.

Tokkoffaa dhageettiis ni argatu. Komishiniin abukaatotaas ni hir'ata. kanaaf walitti qabamuun hammina hin qabu.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Abbaan paayileetii xiyyaara ET302 kufee caccabee Dr. Getaachoo

BBC: Hanaga ammaa himata banuu hin yaadnee?

Dr. getaachoo: Hin yaadne. Kanaadaa irraa abukaatoo nama tokko nan qaba. Ameerikaa irraa hayyama qaba. Innis bilbilee waan tokko tokko na gaafata. Hanga ammaatti wanticha itti yaadna jedheeman jira.

BBC: Mootummaan Itoophiyaa dhaabbataadhaan yaadannuu osoo dhaabeef kan jedhu yaaddanii beektuu?

Dr. Getaachoo: Paayileetonni kunneen ta'uuf dide malee balaa sana oolchuudhaaf kan dand'an mara godhaniiru.

Biyya tokkoof yeroo waraanaa qofa osoo hin taane yeroo nagaallee haarsaan ni ta'ama. kanaaf, haarsaan kun dhaloota dhufuuf, yaadannoo uummata Itoophiyaaf akka ta'utti bakka itti dhumanitti siidaan tokko ykn bakki awwaalaa osoo hojjetamee, dhaloonni dhufu kan darbe maal akka gumaache akka beekan taasisan na gammachiisa. Ani kanan jedha.