Mormii Sudaan: Pireesidaant Omaar al-bashiir aangoorraa akka bu'an gaafachaa jiru

Mormitoota Sudaan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Namooti Kumaatamaan lakkawwaman Sabbattan daraban mormiirra turan

Mormitoonni Sudaan pireezidant Omaar Al-Bashiir aangoorraa akka bu'an gaafachaa jiru. Tarkaanfiin humnoota nageenyaan fudhatamellee mormii isaanii hin dhaabne.

Namooti kumaatamaan lakkaawwaman magaalaa guddoo biyyatti Kaartuum, naannoo mana jireenyaa pireezidaantichaa ala taa'uun mormii isaanii agarsiisaa jiru.

Gaafa Wiixataa namooti siyaasaa loltuu biyyattii wajjiin waa'ee mootummaa cee'umsaa haasa'uu fedhan mormitoota kanatti makamaniiru.

Erga gaafa Sambataatii mormitootni torba ajjeefamu qondaaltoonni mootummaa himaniiru.

Ministirri dhimma keessaa biyyattii mormitoonni 15fi miseesonni humna nageenyaa 42 madaa'uufi namooti 2,500 to'annoo jala ooluu himaniiru.

Maaliif mormuu?

Mormiin pireezaidant Al-bashiir kan biyyattii bara 1989 irraa jalqabee bulchaa jiran akka bu'an gaafatu ji'oota hedduuf adeemaa jira.

Pireezidant Al-bashiir mirga namoomaa akka malee sarbuun himatamu.

Mana murtii yakkaa idil-addunyaatiinillee yakkoota duguuggaa sanyii, yakka yeroo waraanaafi yakka namummaa irratti raawwachuun himatamu.

Ameerikaan waggaa 20 dura garee shororkeessitoota deeggarti jechuun Kaartuum irrattii qoqqobbii buusteetti.

Mormiin kun dhimma qaala'uu gatii jireenyaan haa jalqabuyyuu malee amma pireezidaantiin akka bua'an gaafachaa jira.

Sambattan darbe namni lakkoofsi isaa danuu Kaartuum naannoo ministeera ittisaa, waajjira loltuufi pireezidaantiitti walitti qabamee ture.

Mormitoonnii kunneen loltuun biyyattii mootummaa deeggaruu akka dhaabuu gaafatu.

Wiixata darbe mormiin ala taa'uu kuni guyyaa sadii lakkoofsiseera.

Mootummaan humna gara malee fayyadamuun namoota mirga namaaf falmaniin qeeqamaaa jira.

Barreessaan olaanaa Mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Guteereezillee paartileen hunda akka hokkora hambisaniifi of to'annoon akka socho'an akeekkachiisan.

Qondaaltonni mootummaa tasgabbiin erga dhabamaee as namooti 38 du'uu dubbatu haa ta'u malee gareewwan mirga namaaf falman lakkoofsi isaa kana caala jedhu.