Mormii Pirezdaant Bashiir sababeefachuun amantoonni Sudaan imaami irratti ka'an

Madda suuraa, Reuters
Magaalaa guddiitti Kaartumitti hiriira mormii Pirezdaantii Omaar al- Bashiir hin dursiin hafte jechuun erga amantoonni imaami beekama Sudaan irraatti ka'anii, imaamichi masjiida keessaa baafameera.
Viidiyoon miidiyaa hawaasumma irratti namni tokkoo yeroo imam Abdu Haay Yuusuufitti "Ka'iitii masjiidaa kanaarraa jalqabuun nu gaggeesssii" jechuun iyyuu agarsiisa.
Sana booda namootni kun " kuufaatiin bulchiinsa kanaa qofa," jechuun sagalee dhageessisani.
Poolisiin mormitoota kadhata Jimaataa booda hiriira ba'an irratti gaazii nama boosisu dhukaaseera.
Vidiyoon Feesbooki irratti qoodame kan agarsiisu yeroo miseensii masjiida Katiim al-Mursaliin imamii Saawuditti barate Obbo Yuusuufiin yeroo morkatu agarsiisa.
Hordoofatoota isaa Gaazaa fi Siiriyaa waliin tokkummaan akka dhaabbatan jajjabeesuun kan beekamu Obbo Yuusuuf, balbala naannoo waltajjii jiru biraan akka miliqfamu taasifameera.
Kanaan dura imaamiin kun jeequmsa jiru kana irratti mootummaan akka ofqusatuuf gaafatee ture.
Hiriirri mormii torban sadiif adeemsifamaa ture guuttummaa biyyittii irratti du'a namoota 22f sababa ta'eera.
Mormiin jalqaba dabluu gatii boba'aafi daabboo sababeeffatee eegale, boodarra Omaar al Bashir aangoo isaa waggaa 30 akka gadhiisu gaafachuutti guddateera.














