Aanga'an Niiwuzilaand mana fincaanii Ameerikaa keessatti kaamera hidhe himatame

Madda suuraa, Getty Images
Aanga'aan duraanii Waraanaa Niiwuzilaand mana fincaanii Imbasii biyyattii kan Washingitan jiru keessatti kaameera hidhee nama waraabaa waan tureef himatame.
Alfireed Keetiing kaameeraan inni dhokse tasa lafatti kufee argamee, DNA miimorii kaameeraa sanii irratti argameen isa ta'uun isaa adda baafame.
Kaameeraan kun baatilee hedduuf nama waraabaa akka ture barameera.
Gocha ittiin himatameen yakkamaa ta'uun isaa hin murtoofne.
Bara 2017 wayita kaameeraan kun argametti namni kun Imbasii Niiwuzilaand Ameerikaa jiru keessatti aanga'aa waraanaa sadarkaa olaanarra turani.
Yakki inni raawwate jedhame Ameerikaa keessatti haa ta'uyyuu malee, lammii biyya biraa waan ta'eef dhimmi isaa Niiwuzilaand mana murtii aanaa Ookilaand keessatti ilaalamaa jira.
Qorannoon poolisii Niwuziilaand akka mul'isutti kaameeraa sanarraa faayilli 700 kan balleeffame yoo ta'u 20 kan ta'u ammoo irratti argameera.

Madda suuraa, Getty Images
Garaagarumma sa'aatii shanii gidduutti suuraalee 19 kanwayita namoonni mana fincaanii fayyadaman agarsiisu irratti argameera.
Viidiyoon jalqabaa kaameeraa kanarraa argame namni guwantii cuquliisa uffate wayita kaameera sana hidhu yoo ta'u namni kun obbo Keetiing akka ta'e suuraaleen mul'isaniiru.
Bara darbe yeroo duraaf mana murtiitti kan dhiyaate namni kun eenyummaan isaa himamuun maatii isaarratti rakkoo waan fiduuf maqaan isaa akka dhokatu gaafatee ture. Manni murtii gaaffii isaa kana hin fudhanne.
Yoo yakkamaa ta'ee argame, hidhaan hanga ji'oota 18 itti murtaa'uu danda'a.












