Naannoo Amaaraa Godina Addaa Oromootti maaltu dhalate?

Naannoo Amaaraa Godina Aaddaa Oromoo

Rakkoo nageenyaa Naannoo Amaaraa Godina Aaddaa Oromoo giddu kana dhalteen lubbuun namootaa darbu jiraatonniifi qondaaltonni BBC'tti himan.

Rakkoon kuni Aanaa Daawwe Haarawaatti guyyaa Kibxataafi Roobii dhalatu bulchaan godinichaa Obbo Ahmad Hasan himaniiru.

''Gama lamaaninuu badiin gahe jira. Hanga nama shanii du'eera, kan madaa'e jira,'' jechuun godinichatti hogganaan bulchinsaafi nageenyaa obbo Abduu Mohaammad himu.

Akkamin eegale?

Rakkoon kuni qaamni hidhate ummata waliin walitti bu'e jennaan uumamuu jiraataan dubbisneefi qondaaltonni godinaa ni dubbatu.

Humnoonni hidhatan kan eenyummaan isaanii hin beekamne torbee lama dura dhufanii aanaa Daawwee Haarawaa qubatanii jedhu jiraattonni.

''Namoota kana itti siiqnee osoo hordofnuu guyyoota muraasa dura asuma aanaa Dawwaatti huccuu rayyaa ittisa biyyaa fakkatu hodhisiifatan.

''Sana booda uummatarraa qawwee sassaabuu, doorsiisuufi dhukaasa banuuf qophaahanii magaala keessa deemaa turan,'' jechuun jiraataa achiiti kan nuun jedhe Mohaammad Sa'id BBC'tti himeera.

Lakkoofsi miseensota waraanaa 100 ol ta'u jedhan eenyummaa isaanii adda baasuu akka hin dandeenye kan dubbatan jiraataan kuni, boodarra ummata waliin walitti dhukaasuun eegalu himu.

Waraanni kuni eenyu?

Qondaaltonni godinichaa dubbisne garuu miseensota humna addaa naannoo Amaaraa ta'u BBC'f mirkaneessaniiru.

''Naannoo irraa kan dhufanidha,'' kan jedhan Obbo Abdu Mohaammad ''miseensonni duraanii Rayyaa Ittisa biyyaa keessa jiru,'' jechuun uffata guutuu uffatuu dhabun isaanii hanqina jedhan.

Amalli isaan ummatatti agarsiisaa turan ummanni komataa ture jedhu qondaaltonni.

''Alaabaa Itoophiyaa urjii hin qabne waan qabatani dhufanif akkamin kana godhu jedhe ummanni gaafataa ture,'' kan jedhan Obbo Abduun uffata waraanaa malee socho'u isaanii himu.

Jiraattota hidhatan ''taa'aa ka'aa'' jechuu, uffata waraanaa guutuu malee sosso'uu, dhukaasuuf akeekuun magaalaa keessa deemaa turan jechuun jiraattonni komii kaasuu isaanii qondaaltonni dubbatu.

''Kuni sirrii miti. Alaabaa Itoophiyaas miti. Alaabaa naannoo Amaaraas miti jechuun uummanni gaaffii kaase,'' kan jedhan Bulchaan Godinaa 'Ummata doorsisaa turanis,'' jechuun qeequ.

Kanaanis waldhabdeen uumamuufi dhukaasni akka tures himu.

Waldhabdeen eenyuufi eenyu gidduudha?

''Waldhabdeen ummataafi liyyuu hayilii (humna addaa) fi hawaasa gidduutti kan uumame,'' jedhu bulchaan Godina Addaa Obbo Ahimad Haasanifi hogganaan bulchinsaafi nageenya godinichaa obbo Abduu Mohaammad.

Jiraataan dubbifne qeerroodhuma naannichaatu wal gurmeessee ofirraa ittisuuf dhukaasaa ture, booda aanalee ollaarraa dirmannaa argataniis jedhaniiru.

Haa ta'u malee, Hogganaan itti-aanaa Bulchinsaafi nageenya Naannoo Amaaraa Koloneel Allabal Amaara rakkoo uumame keessaa waraana ABO'tu harka keessaa qaba jechuun himatu.

"Addi bilisummaa Oromoo ergama badii qabatee naannoo walloo fi kamisee keessa sochohaa jira. Kanaanis daandiwwan cufuun, saboota gidduutti walitti bu'iinsi akka uumamuu fi sochiin naga qabeessa ta'e akka hin jiraanne gochaa jira" jedhu.

Humni nageenyaa naannoo Amaaraa Oromoota naannicha keessa jiraatan addatti dhiibbaa irraan geessise hin qabus jedhu koloneel Alebel.

"Dhugaa dubbachuuf humni addaa naannichatti bobba'ee jiru humna addaa naannoo Amaaraa ta'us dhalattootuma godina addaa Oromooti. Milishaas yoo ta'e kanuma hawaasa naannichaa keessaa bahe waan ta'eef addatti dhiibbaan Oromootarra gahe hin jiru." jedhan.

Isaan kana jedhanis qondaaltonni godinaa BBC'n dubbise garuu maanguddoo biraas, aanaa irraas, raayyaa ittisaa irraas odeeffannoo qabaniin waldhabdeen ummataafi humna addaa giddu akka ture himu.

Miidhaa dhaqqabe

Jiraattonni miseensonni waraanaa kuni torban lama dura akka dhufaniifi uffatuma waraanaallee achitti hodhisifachuu dubbatu.

Kana irratti odeefannoo qaban kan gaafanne bulchaan aanaa: ''Isa kana raga isaa hin qabu. Garuu ummanni ni kijiba jedhe hin yaadu, '' jedhaniiru.

Walitti bu'insa dhaqqaben jiraataan aanichaa Obbo Mohaammad Sa'id gama ''uummataan namoonni 2 madaawuu fi gama kaaniin lubbuun namoota 10 ta'uu darbuu,'' dubbatu.

Hogganaan bulchinsaafi nageenya godinaa namni shan du'u himani wanti qulqullaa'u akka jiru dubbatu.

Dabalataanis, yeroo waldhabdeen uumametti humni addaa Kamisee irraa gara Daawwe Haarawaa ''ajaja hin beekamneen'' socho'aa ture ummata waliin walitti bu'e jennaan miidhaan dhaqqabu bulchaan godinaa ni himu.

Furmaata

Ummanni waraanni ummata waliin waldhabe jedhan nurraa haa ka'u waan jedhef akka ka'an murteessinee jirra jechuun Bulchaan Godinaa BBC'tti himaniiru.

Yeroo ammaa dhimmi tasgabbeessuu ''raayyaa ittisa biyyaafi maanguddoon'' akka raawwatu murteessuu isaanii BBC'tti himaniiru.

Nageenyi amma tasgabbaa'aa dhufu Koloneel Allabal dabalatee qondaaltonni godinaafi jiraataan dubbataniiru.