Hidha haaromsaa Itoophiyaa: Hidha laga Abayyaa irratti ibsa biyyootni sadeen gidduugalummaa Ameerikaan ibsa kennan

Doonaaldi Traampi pirezidaantii Ameerikaa bilbilaan yeroo dubbata

Madda suuraa, NICHOLAS KAMM

Ibsa waa'ee suuraa, Doonaaldi Traampi pirezidaantii Ameerikaa

Doonaaldi Tiraampi waa'ee laga Abayyaa irratti MM Abiy Ahimediif bilbilanii marii ministirootni biyyoota sadeenii Waashingitanitti taa'aa jiran irratti waliigaltee irra gahuuf abdii akka qaban ibsaniiruuf akka gabaasa Rooyitersitti.

Rooyitersi dubbii himaa Waayit Haawus [White House] wabeeffachuun akka gabaasetti mariin hidha Abayyaa irratti taa'amaa jiru waliigaltee irra gahamaa akka jiru himuun biyyootni sadeen waliigalticha irraa fayyadamoo akka tahan Tiraampi himaniiru.

Mariin gidduugalummaa Ameerikaan dhimma laga Abbayyaa irratti Waashingitan DCtti gaggeefamaa tures beellamaan xumurameera.

Marii kana irratti pirezidaantiin Baankii Addunyaa fi Barreessaan Waajjira dhimma Dinagdee Ameerikaa marii biyyoota sadeenii taajjabuufi fi gidduugaluuf irratti hirmaataniiru.

Mariin kun Amajji 28- Amajji 31/2020tti gaggeeffamaa ture. Xumura marii kanaa irratti ministeerotni bishaanii fi dhimma alaa biyyoota sadeenii dhimmoota gurguddoo irratti wal tahan ibsaniiru.

Dhimmotni kunneen waliigaltee xumuraa mallattaa'u irratti kan hundaa'u taha. Kan jalqabaa hidhi guddichi Abayyaa kun sadarkaa sadarkaadhaan yeroo hammamii keessatti guutuu qaba kan jedhudha.

Ammas isa xumuraa irratti wal tahan hin ibsiin iyyuu malee Itoophiyaan waggoota sadii hanga 7 gidduutti akka guutamu barbaaddi.

Gama biraan ammoo Masiriin waggoota 10 hanga 21tti jechuun yaada dhiyeessaa turte. Kun maal irratti wal tahan kan jedhu mallattoo xumuraa isaanii irratti kan baramu taha.

Qabxii ijoon kan biraa ammoo tooftaalee hidhi kun yeroo goginsa yeroo dheeraa fi waktii goginsaa waliigalaa akkamiin guutamaa deema kan jedhudha. Goginsicha hanbisuuf tooftaalee fudhatamuu qabanis of keessaa qaba.

Inni sadaffaan tooftaalee oppireeshinii hidhichaa yeroo goginsaa fuulduratti dhufu irratti kan xiyyeefatu dha.

Qabxiilee kanneen irratti mariyachuun akka waliigalan himaniiru. Ministerotni biyyoota sadeenii oppireeshinnii wagga waggaa fi yeroo dheeraa hidhicha irratti elektirika maddisiisuuf taasifamu irrattis wal tahaniiru.

Haaluma barameen aannisaa akka maddisiisuu fi dhimmota kana irrattis biyyootni sadeen wal deeggaruu akka qaban waliigalameera.

Daangaa ce'uun misooma biyyoota ollaan gama dinagdeenis waliin hojjechuuf waliigalaniiru.

Ministirootni biyyoota sadeeniii gorsitoota dhimma teeknikaa fi seeraa isaanii waliin mari'achuun sanada waliigaltee xumuraa qopheessu.

Waliigalteen biyyoota sadeeniis xumura ji'a Guraandhalaa bara 2020tti kan mallattaa'u taha. Miidiyaaleen tokko tokko akka gaabsanitti ammoo Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi biyyotni sadeen waliigaltee irra akka gahan abdii qabaachuu ibsaniiru.