Mariin teeknikaa Itoophiyaa, Masirii fi Sudaan gidduutti taa'ame waliigaltee malee xumurame

Wal gahii ministeroota bishaanii Itoophiyaa, Sudaan fi Gibtsi Finfinneetti taa'ame Amajji 8 fi 9, 2020.

Madda suuraa, Ministera Dhimma Alaa Itoophiyaa

Ibsa waa'ee suuraa, Wal gahii ministeroota bishaanii Itoophiyaa, Sudaan fi Gibtsi Finfinneetti taa'ame Amajji 8 fi 9, 2020.

Mariin teeknikaa biyyoota sadeenii dhimma laga Abbayyaa irratti Finfinneetti gaggeeffamaa ture waliigaltee malee xumurame.

Mariin kun ministeerota Bishaanii biyyoota sadeenii Masirii, Itoophiyaa fi Sudaan gidduutti kan gaggeeffame yoo tahu akkaataa kallattii gaggeessitootni biyyoota kanneenii kennaniinidha ministirootni bishaanii biyyoota sadeenii kan mari'ataa turan.

Mariin kun bakka bakka buutotni Ameerikaa fi Baankii Adunyaa irraa akka taajjabdootaatti argamanitti gaggeeffame.

Hidhi Abayyaa kun waggaa meeqatti guutuu qaba? hamma bishaanii biyyoota kaaniif gadhiifamuu fi tumsa yeroo goginsaa waliif taasisuu qaban irratti waliigaltee irra gahu jedhamee eegamaa turus irratti wal tahuu hin dandeenye.

Itoophiyaan sadarkaa sadarkaan hidhi guddichi guutuu qaba jechuun wixineen dhiyeessite waggaa afurii hanga waggaa torbaa gidduutti kan jedhudha.

Akkasumas yeroo hidhi kun guutamu gogiinsa uumamu ittisuuf tarkaanfiiwwan oolanis akka fudhattu yaada dhiyeessiteetti.

Itoophiyaan biyyoota yaa'a gadii irra karaa miidhaa hin geessisneen akka hojjettu ibsitus wixinee bakka buutonni Masirii qabatanii dhiyaatan garuu waliigaltee irra gahuuf gufuu akka tahe ibsi ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa baase ni agarsiisa.

Gama biraan ministeerri Jallisii Masirii, Itoophiyaan hidha guddicha waliin wal qabatee dhiibbaa inni hidha Masirii irratti fiduu danda'u irratti adeemsa ifa tahe hin qabdu jechuun Aharam online miidiyaan jedhamu gabaaseera.

Masiriin hidhi guddichi Itoophiyaa waggaa 12- 21 gidduutti guutuu qaba wixinee jedhudha kan dhiyeessite.

Gama biraan ammoo hanqina bishaanii yeroo hidhichi guutamu uumamu Itoophiyaan bakka buusuu qabdi yaada jedhus qaba.

Haa tahu malee gama Itoophiyaan bakka buusuu waan jedhu kan hin fudhatamne yoo tahu garuu goginsi akka hin uumamne wantoota gargaaran irratti hojjenna kan jedhudha kan dhiyaate.

Masiriin yaa'a uumamaa laga Abayyaa ilaalchisee pirojektota lageen irratti Itoophiyaan waggoota 50 darbaniif hojjettes akka ilaalamu kan jedhu wixinee dhiyeesiteetti.

Kun ol aantummaa keenya kan tuquu fi mirga itti fayyadama lageen keenya irratti qabnutti kan bu'udha jette Itoophiyaan.

Wixineen kun yaada Gibtsi bishaan Abayyaa kan qofadha jettu kan cimsee agarsiisu tahuu fi Itoophiyaa waliin waliigaluun hojjechuu kan jedhus kan faallessudha jedhan.

Itoophiyaan laga Naayiliif bishaan Kuubuk Meetirii Biiliyoona 77 kan gumaachitu yoo tahu ammas karaa obbolummaan mari'achuu akka itti fuftu ibsiteet

Mariin hidha Abbayyaa erga ministeerotni biyyoota sadeenii Waashingitan DCtti mariyatanii booda kun yeroo 4ffaaf gaggeeffame.

Amajji 13 bara 2020 Ministirootni Dhimma Alaa biyyoota sadeenii fi ministirootni bishaanii deebi'anii Waashingitan DCtti wal arguun waan irra gahan irratti marii gaggeessu.

Amajji 15 bara 2020 Waashingitaniiti biyyootni sadeen waliigaluu yoo dadhaban akka idila adunyaatti gidduugalee kan araarsu qaamni sadaffaan kan filamu taha.