'Waldhabdee Itoophiyaa fi Masrii furuuf waraanni furmaata miti'- Pireezidant al Siisii

Abdulfattah al Sisi

Madda suuraa, SIMON MAINA

Pireezidantiin Masrii Abdul Fattaa al-Siisii waliigaltee dhabuu dhimma Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaarra jiru furuuf walitti bu'iinsi furmaata mitii jedhan.

Pireezidant al-Siisiin yaada MM Itoophiyaa Abiiy Ahimad Onkololessa darbe paarlaamaa biyyatti irratti dhiyaachuun gaaffii dhimma kanarratti dhiyaateef deebii yoo kennan humni nu dhaabu hin jiru isa jedhaniif deebii kennan.

Magaalaa Shaarm el Sheekitti gaazexessitootaaf ibsa kan kennan pireezidant al-Siisiin xiyyeeffannoon ji'a dhufu marii jaarsummaa Ameerikaatiin Waashiingataniitti taa'amurratti furmaata hunda waliigalchurra gahuudhas jedhan.

MM Abiyyis ji'a lama dura yoo dubbatan Pireezidanti Masrii Abdul Fattaa al Siisii waliin dhimma kanarratti walarganii akka haasa'an dubbatanii ture.

''Teenyee haasofna, qaamni kamuu hidha kana hin dhaabsisu, kun jala muramee beekamuu qaba'' jedhaniiru.

Hidha haaromsa Itoophiyaa

Madda suuraa, Fana

Itti dabaluunis ''yaadni waraana banna jedhu hundaaf hin fayyadu jennee amanna. Waraanas yoo ta'e lammiilee hedduu qabna miiliyoonotaan hiriirsisuu dandeenya'' jedhanii ture.

Al-Siisiin isa kana ilaalchisee yaada kennaniin ''humna qabnuun of hin jajnu'' jedhan. ''Namoota miiliyoonaan bobbaasuuf qacartamoo, hidha kan ijaarta?''

''Qabeenyi keenya warana baasii hedduu gaafatuun qisaasamuu hin qabus'' jedhan. Isa caala misooma namaa fi biyyoota keenya lamaaniif ooluu malaa jedhan.

Ministiroonni Masrii, Itoophiyaa fi Sudaan marii marsaa dhumaa waliigalteen isaan gahu magaala Waashiingitan DC'tti ji'a dhufu gaggeessu.

Erga mootummaan Ameerikaa galee booda hanga ammaatti koreen teeknikaa biyyoota sadeenii si'a sadii walarganiiru.

Amma madda waldhabdee haaraa kan ta'e haalaa fi waggaa hangamii keessatti hidhi kun bishaaniin guutama kan jedhuudha.