Hidha Haaromsaa: Waliigalteen Itoophiyaa, Sudaaniifi Masiriin 2008 mallatteessan bishaan guutuu hin dhorku

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaan ji'a lama booda hidha haaromsaa guddicha bishaaniin akka hin guutneef 'waliigalteen dhorku hin jiru' jedhan Itti-aanaan Daarikteraa kutaa teeknikaa Waajjira Baha Naayil Obbo Faqqii Ahimed.
Itoophiyaan Masiriifi Sudaan waliin waliigaltee xumuraa irra osoo hin gahiin hidhicha bishaaniin guutuu suuta suuta jalqabuuf jetti.
Ji'a lama boodas akka eegalamu himameera. Kana hordofee MM Abiy Ahmad, Sudaan waliigaltee jalqabaa kan Itoophiyaa hidhicha bishaan guutuu dandeessisu akka mallatesituuf MM Abdallaa gaafattus akka hin simannetu gabaafame.
Dhimma laga Abbayyaa irratti kan hojjetan Obbo Faqqii Ahimed waliigaltee biyyootni sadeen-- Itoophiyaa, Sudaaniifi Masiriin mallatteessan Itoophiyaan akka hidhicha hin guutneef waanta dhorku hin qabu jedhan.
Obbo Faqqiin biyyootni sadan waliin tahuun dhimma guutinsa bishaaniifi qabinsa isaa irratti waliin tahuun qajeelfama qophessaa turre jedhan.
Haatahu malee, akka Itoophiyaan bishaanicha hin guutnef qajeelfamni dhorku tokko iyyuu hin jiru jedhan.
Kanaaf jedhan, Obbo Faqqii Ahmad akkaataadhuma qajeelfama mootummaan kaa'een hidhichi bishaaniin guutamuu jaqlaba jedhan.
Sudaan gaaffii Itoophiyaan waliigaltee jalqabaa akka mallateesituuf dhiyeessiteef kana dhimmootni seeraafi teeknikaa hanqatan jiru jechuun didde.
Haatahu malee, Sudaan dhiyeenya kana hidha laga Abbayyaa ilaalchisuun ibsa liigiin biyyoota Arabaa bifa faayidaa Masir eegsisuun baasanii ture akka hin fudhanne ibsitee ture.
Amma Sudaan maaliif ejjennooshee jijjiiruu filatte? Dhimma Laga Abbayyaa irratti qorannoo hedduu kan hojjetan Dr Yaaqob Aarsaanoo Sudaan hidha laga Abbayyaa kana irraa fayyadamti jedhan.
- Lolaa xiqqeesuu
- Dubbushii ykn biyyee bishaan haree deemuun achitti gatu irraa xiqqeessuun, hidhi biyyattii akka qulqullaa'u godha
- bishaan tasgabbaa'ee deemuun jallisii lafa bal'aa irratti ittiin hojjetachuuf Sudaan faayidaa guddaa irraa argatti jedhan Dr Yaaqob.
Sudaan amma ejjennoo ishee kan jijjiirteef dhiibbaa guddaan irra gahee tahuu danda'a kan jedhan Dr Yaaqob mootummaan amma biyyattii bulchaa jirus haaraa fi qindoomina garaagaraan waan taheef dhiibbaa keessa galtee tahuu danda'a jedhan.
Dabalataan rakkoo dinagdees waan qabduuf Ameerikaa dabalatee qoqoqbbii irratti gatee hanga ammaatti waan hin kaasneef yaadni biyyoota kanneenii rakkoo keessa ishee galchee tahuu mala jedhan.
Tahus hidhi kun Sudaaniif faayidaa malee miidhaa hin qabu jedhu. Hidha qabdutti baasii guddaa osoo hin baasiin akka qulqullaa'ee humna ibsaa gaarii argattu taasisa jedhan.
Obbo Faqqee Ahmad mootummaan Sudaan ammaa haaraa waan taheef hundee jabaataa hin qabaatan jedhu. Kun ammoo dhiibbaa jiru keessatti yaaddoo isaanitti uumuu danda'a jedhan.
Dabalataan namootni kanaan dura Itoophiyaa waliin dhimma hidha haaromsaa irratti hojjechaa turan amma aangoo irra waan hin jirreef haalichi akka jiijjiramuuf sababa tahuu mala jedhan.
Ameerikaa fi Masiriin osoo waliigaltee xumuraa irra hin gahamiin hidhicha bishaaniin akka hin guutamne ejjennoo jedhu qabu.
Mariin biyyootni sadan gidduugalummaa Ameerikaa fi Baankii Adunyaan irra dedebiin gaggeessaa turan waliigaltee xumuraa irra osoo hin gahamiin xumuramuunsaa ni yaadatama.
Obbo Faqqee Ahmad marii dhimma biyyoota sadeenii irratti namootni Ameerikaan hirmaachiste namoota beekumsaa fi muuxannoo dhimma kanaa qaban miti jedhu.
Maricha irratti kan hirmaate gama Ameerikaan Ministeerri Dinagdee biyyattiiti. Ibsa isaan baasanis ministera dhimma alaa Ameerikaa dabalatee namootni beekamoon akka Deevid Shiin kan mormaniifis kanumaafi jedhan.
Fuulduarttis maaltu uumamuu mala kan jedhu irratti qoqobbii isin irraa buusna, deeggarsa isinirraa hir'isna jechuun doorsisaan dhiibbaa siyaasaa geesisuuf yoo yaalan irraa kan hafe birmadummaa biyyaa irratti homaa fiduu hin danda'an jedhan Obbo Faqqee Ahmad.
Dr Yaaqobis Itoophiyaan hidhicha bishaaniin guutuu jalqabuu isheen qaamni jeeqamu jiraachuu qaba jedhee hin yaadu jedhan. Waraanni ni ka'a jedhanii kan yaadan yoo jiraates doogogora guddaa taha jedheen yaada jedhan.
Itoophiyaan bara 2013 keessa tarbaayinerota muraasaan hidha guddicha Abbayyaa irraa humna ibsaa maddisisuu akka jalqabdu ibsiteetti.















