Marii Itoophiyaan mirga Abbayyaa irratti qabdu ‘akka eegsistu gargaaru’ taasifamuu eegale

Madda suuraa, Getty Images
Hayyuuleen Itoophiyaa mariin hidha Abbayyaa irratti taasifamaa jiru faayidaa biyyaalessaa kan kabachiise akka ta'u gargaaruuf marii taa'uu eegalan.
Itoopihyaan laga dheeraa addunyaa Abbayyaa irratti hidhaan ijaaraa jirtu 71% kan gahe yoo ta'u Masriifi Ameerikaan mormanis Adoolessa dhufuurraa eegale bishaan guutuu akka eegaltus beeksisteetti.
Marii kana Ministeerri Saayinsiifi Barnoota Olaanoo kan qopheesse yoo ta'u pirezidantoota yunivarsiitiileefi kaan irratti argamaniiru.
Dhimmi ijoo marii kanaa mariin faayidaa biyyaalessaa eegsise akka taasifamuf kan gargaarun alatti hirmaannaan hawaasaa beekumsa irratti hundaa'e akka jiraatu taasisuuf kaayyeffate.
"Hidhaan kuni kan kan hiyyummaa keessaa itti baanu qofa osoo hin taanee injifannoo keenya isa guddaa dha," jedhan Ministirri Saayinisii fi Barnoota Olaanaa Prof. Hirut Woldemaariam.
Ministirittiin mariin taasifamaa jiru ejjennoo qabachuun akka xummuramus himan.
Mariin kuni laga Abbayyaa ilaalchisuun haalawwan kana dura turan, haala amma jiru fi yaadawwan gara fulduraaatti ta'uu qaban irratti ni mari'atama.
Dabalataan, Ministir Di'eetaan Ministeera Saayinsiifi Barnoota Olaanoo Dr Saamu'el Kiflee "mariin kun Itoophiyaan mirga fi faayidaashee akka eegsistu kan gargaarudha. Anniisaa maddisiisun alattis ergaawwan garaagaraa kan ittin dabarsinudha" jedhan.

Madda suuraa, MSHE
Itoophiyaan waggoota 9 dura Laga Abbayyaa jallisuun hidhaa ijaaraa kan jirtu yoo ta'u sababa harkifannaan hanga yoona ahin xumuramne.
Kanuma keessa garuu mariin Itoophiyaa, Masriifi Sudaan yeroo dheeraaf fudhate taasifamaa jira.
Tibbana garuu adeemsi marii gaaffii waan kaasef Itoophiyaan keessaa hafu ishee beeksistuus Masriifi Ameerikaan komii isaanii dhiheessuun ishee ni yaadatama.














