Ameerikaa: 'Bishaan Hidha Haaroomsaa Guddicha guutamuun dura waliigalteen mallattaa'uu qabaata'

Madda suuraa, OMN
Sochiin Hidha Haaroomsaa Guddicha laga Abbayyaa bishaaniin guutuufi hojiin yaalii osoo hin eegaliin dura biyyoota sadan jidduutti waliigalteen mallatteeffamuu qabaata jette Ameerikaan.
Ameerikaan ibsa Jimaata halkan baafteen akka mul'iftetti, haaluma waliigaltee kanaan dura tureefi ijaarsi hidhichaa biyyoota yaa'a gadii irratti dhiibbaa akka hinqaqqabsiifne jedhuutiin, ''osoo waliigalteen hin raawwatamiin dura hojiin hidhicha bishaaniin guutuu fi hojiin yaalii raawwatamuu hinqabaatu'' jette.
Ibsa Ministirri Maallaqaa Ameerikaa Steevan Minuchiin baasaniin, haaluma waliigalteewwan hidhichaa kanaan dura turaniitiin osoo hojiin bishaan guutuu hineegalamiin dura biyyoota sadan jidduutti waliigaltteen mallattaa'uu qabaata jedhu.
Kanaafuu mariin biyyoota yaa'aa (Itoophiyaa, Masrii fi Suudaan) jidduutti eegalame atattamaan xumuramu qabaatas jedheera ibsichi. Itti aansuunis kutannoo Masriin waliigalticha mallatteessuuf agarsiifte dinqisiifateera.
Kana malees dhimmicharratti gama Itoophiyaatiin marii biyyaalessaa gaggeeffamaa jiru akka hubatu himuun, garuu marichi attattamaan xumuramee adeemsa marii biyyota jidduutti gaggeefamaa jiru haala danda'amuun dafee akka xumuramuuf fedhii isaanii ta'u aanga''aan biyyattii kun ibsa baasaniin mul'isan.
Ibsi kun akka himeetti, haala bishaan hidha guddicha Laga Abbaayyaa itti guutamuufi ittiin gadhiifamu irratti, hojiiwwan ijaarasa hidhichaa hin xumuramiin amansiisaa taasisuuf, akkasumas hojiin hidhicha bishaaniin guutuu osoo hin eegalamiin dura haaluma sadarkaa idil-addunyaatiin hojiiwwan nageenyaa barbaachisan hundi hojiirra akka oolan gama taasisuutiin yaaddoo ummata Suudaaniifi Masrii qaban kan hubatan ta'uu ibseera.
Marii Guraandhala 27 fi 28, 2020 Waashingitaniitti taasifamuuf tureen waliigalteen biyyoota sadeen jidduutti ni xumurama jedhamee eegame turuulleen Itoophiyaan mariin biyyaaleessaa dhimmicharratti gaggeessaa jiru waanan hinxummurreefu hirmaachuu hindanda'u jechuun beeksiftee hafuun ishee ni yaadtama.
Haa ta'u malee Ministirri Maallaqaa Ameerikaa Isteeveen Minuchiin Ministiroota dhimma bishaanii Masriifi Suudaan waliin qofaafii waloon marii taasisuu isaanii ibsichi himeera.
Ameerikaan hanga biyyoonn kunneen walii galtee dhumaa mallatteessanittis dhimmicha irratti hirmaachuu akka fuftu ibsichaan beeksiftee jirti.
Haa ta'u malee marii Itoophiyaa, Sudaaniifi Masrii jidduutti dhimma Hidha Guddicha laga Abbayyaa irratti gaggeefamaa jiru kunis attattamaan xumura akka argatu kan barbaaddu ta'u Ameerikaan himtee jirti.
Kana malees waliigalteen hidha kanarratti mallattaa'uunsaa naannichatti waliigaltee fi guddina dinagdee cimsuuf akkasumas fooyya'insa jireenyaa lammiilee miiliyoona 250 olii Sudaan, Itoophiyaafi Masrii keesssa jiraataniif gahee olaanaa akka qabaatu ni hubannas jedha ibsi kun.














