Koronaavaayiras: Dr Reek Maachaar dabalatee aanga'ooni Suudaan Kibbaa hedduun Covid-19n qabaman

Madda suuraa, SOLAN KOLLI
Pirezidaantii Itti-aanaa Sudaan Kibbaa Dr Reek Maachaariifi haadha warraa isaanii Angeliinaa Teenii dabalatee aanga'oonni mootummaa olaanoon biyyattii COVID-19n qabaman.
Dr Reek Maachaar haasaa Birodkaastiingii Korporashinii biyyattii irratti taasisaniin, ''Ana dabalatee miseensoonni taaski foorsii ittisa koronaavaayirasii ol-aanoo biroo hedduun vaayirasichaan qabamaniiru,'' jedhan.
Aanga'oonni kunneen akka qorataman kan taasifamees, miseensi taask forsichaa tokko vaayirasichaan qabamunsaawaan mirkanaa'eef jedhan Dr. Reek Machaar.
Miseensota taaksi foorsii vaayirasichaan qabamuun isaanii mirkanaa'e biroo ammaaf maqaa isaanii eeruun hin barbaachisu jedhan.
Ministira ittisa biyyaa kan taate haadha warraa isaanii, Angeliinaa Teenii dabalatee hojjetoonni waajira ittaanaa pirezedaantii hedduus vaayirasichaan qabamuu isaanii ibsaniiru.
Bu'aan qorannoo missnsoota hafanii gutummaatti boruutti kan baramu ta'uu himuun, Ministirri Fayyaa garuu vaayirasichaarraa bilasa ta'ushee dubbataniiru.
Namoonni vaayirasichi irratti argame hundinuu fayyaan isaanii haala gaariirra jira kan jedhan Dr. Reek Maachaar, hanga hakiimiin hordoffii taasisuun akka bahuu dandeenyu mirkanneessuutti mana keessatti adda of baasuun kan turru ta'a jedhan.
Kana malees, eegdoonniifi hojjattoonni waajira isaanii hedduunis vaayirasichaan qabamuunsaan waan mirkannaa'eef akka of eegannoon taaasisuun tatamsa'ina vaayirasichaa ittisuu keessatti gaheesaanii bahaniif itti himama jedhaniiru.
Haaluma kanaanis manni jireenyaa isaanii gutummaatti adda baafamuun akka turuu himaniiru.
Dr Reek Maachaar kana dura Ebla 27 qoratamanii koronaavaayirasiirraa bilisa ta’uunsaanii madddeen himaniiru.
Walumaagalatti Sudaan Kibbaa keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin irrratti argamuun mirkanaa'e 347 yoo ta'u, kanneen dhibee kanaan lubbuun isaanii darbe ammoo shan.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras















