Koronaavaayiras: Qorichi busaa dhibee covid-19 ittisuuf hagam fayyada?

Madda suuraa, Getty images
Erga Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dawaan dhukkuba busaa dhibee Covid-19 wal’aanuuf ni oola jedhanii as dubbiin kun dhimmi ijoo ta’eera.
Qorichoonni akka ‘kiloorookwiin’ dhibee Covid-19 yaaluuf ni ooluu kan jedhurratti qorannoon kan gaggeeffamaa jiru ta’us garuu namoonni kanuma dhagahanii dawaa kanatti fayyadamaa jiran akka irraa of qusatan Dhaabbati Fayyaa Addunyaa akeekkachiiseera.
Tibbana Hoggansa Qorannoo Dawaa biyyattiirraa kan kaafaman Doktar Riik Biraayit, pirezidaant Tiraamp dawaa kanarratti xiyyeeffachuunsaanii saayintistoota hedduu burjaajesseera jedhan.
Waa’een dawaa kanaa haalaan waan dubbatamaa jiruufuu addunyaarratti barbaachisummaansaa daran dabaleera.
Waa’ee dawaa kanaa maal beekna?
Pirezidaanti Tiraampi dubbiisaanii keessatti waa’ee dawaa ‘Haayidirooksiikiloorookwiin’ deddeebi’anii kaasu.
‘’Yoo fudhattan maaltu isinitti hafa’’ jedhaniis gorsaniiru.
Pirezidaantiin Biraazill Zaayir Boolsonoor,’’Haayidrooksiikiloorookwiin bakka hedduutti hojjetaa jira’’ jedhanis, feesbuukiin garuu seera farra odeeffannoo sobaa kan cabseedha jechuun haqeera.
Pirezidaant Tiraamp Caamsaa darbe keessa waa’ee dawaa kanaa erga dubbatanii as, fedhiin haaydirooksiikiloorookwiin, akkasumas kan kiloorookwiin akkaan dabaleera.
Dawaan kiloorookwiin nama busaadhaan qabame yaaluuf gargaara, ho’ina qaamaa waan hir’isuuf koronaavaayirasiillee namarraa ittisuu danda’a abdiin jedhu jira.
Ammatti garuu dhugummaa waan kanaa ragaan mul’isu hin jiru.
Inumaa namoonni dawaa kana fudhatan dhibee kale fi sombaa dabalatee dhibeewwaan biroof saaxileera jedhamaatti jira.
Dawaan dhibee busaa dhibee Covid-19 akka ooluu danda’u qorachaa kan jiran Yuuniversitii Oksifoorditti qorataa kan ta’an Koomee Giingiinee dawaan kun hagam bu’a qabeessa kan jedhu baruuf adeemsa yaalii hedduu keessa darbuun dirqama jedhan.
UK, US, Ispeen fi Chaayinaa keessatti yaaliiwwan 20 ol gaggeeffamaa jiru.
Ameerikaatti qorichoota akka haayidrooksiinkiloorookwiin akkasumas qoricha farra baakteeriyaa kan ta’e Azitroomiisin kan jedhaman walitti makuun dawaa Covid-19 argachuuf yaalamaa jira.
Dawaan kun akka hojiirra ooluuf biyyoonni hayyaman kam fa’i?
Bitootessa darbe Dhaabbati To’annoo Nyaataa fi Qorichootaa Ameerikaa dawaan kun namoota murtaa’an yaaluuf akka oolu ‘iyyama yeroo tasaa’ kennee ture.
Kana jechuun dawaan kun ni hojjeta jechuu akka hin taane garuu dhaabbatichi ibseera.
Qorannoowwan Covid-19 muraasaaf hospitaalonni dawaa kana ajajuu danda’uudha kan dhaabbatichi jedhu.
Erga dhukkubsattoota tokko tokko irratti mallattoon dhukkubbii onnee mul’atee Eebla darbe dhaabbatichi dawaan kun miidhaa akka qabu akeekkachiiseera.
Dhaabbati Oomisha Qorichaa biyya Jarmanii qorichoota haayidrooksiikiloorookwiin miiliyoona 30 dhaabbata kuusaa qorichaa Ameerkaaf kenneera.
Firaansi dawaan kun dhukkubsattoota Covid-19’f akka kennamu iyyamtus dhaabbati to’annoo ogeeyyii fayyaa biyyattii garuu miidhaa cinaa(side effects) inni qaburratti akeekkachiisa kennaniiru.
Mootummaan Indiyaa ammo dawaan kun akka hojiirra oolu ajajeera.
Dhaabbileen qorannoo biyyattii garuu qorichi kun adeemsa yaalii irra jiruu hojiirra ooluu hin qabu jedhan.
Biyyoonni baha giddu galeessaa hedduun dawaa kanatti fayyadamuu kan iyyaman yoo ta’u, kan yaaliirra jiranis jiru.
Kanneen dawaa haayidrooksiikiloorookwiin akka dawaa Covid-19 irraa nama fayyisuutti fayyadaman keessaa tokko Baahreen yoo taatu, biyyoonni akka Morookoo, Aljeeriyaa fi Tuuniiziyaas tarkaanfii kana fudhataniiru.
Biyyoota Afriikaa keessaa Keeniyaan dawaan kun ajaja ogeeyyii fayyaa malee akka hin gurguramne dhorkiteetti.
Naayijeeriyaa keessatti ammoo dawaan kun dhukkuba busaa yaaluuf kan oolaa ture yoo ta’u, bara 2005 as garuu bu’a qabeessummaansaa hir’ataa waan dhufeef dhorkamee jira.
Dhaabbati to’annoo dhukkubootaa Naayijeeriyaa namoonni qoricha kana akka hin fudhanne ajajeera.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras















