Koronaavaayirasii: Talaalliin jaldeessarratti yaalame 'abdachiisaadha' jedhame

Madda suuraa, Getty Images
Talaalliin koronaavaayirasii abdii qabeessa jedhame jaldeessota jaha vaayirasichaarra tiksuu danda'eera.
Talaalliin kun gosotaa jaldeessaa madinummaa qaamaa kan dhala namatti dhiyaatu qaban Risaas Makaaku jedhamanirratti yaalame.
Qorattoonni Jaarmiyaa qorannoo fayyaa Ameerikaa fi yuunivarsiitii Oksifoord walta'iinsaan shaakala kanarratti hirmaataniiru. Shaakalli talaalli kanaa Ameerikaatti gaggeeffame.
Talaalliin kunis bineensonni nimooniyaaf akka hin saaxilamne vaayirasiirra ittisuuf yaalame.
Talaallin jalqabarraa kaase abdii qabeessa jedhame kun amma namarratti yaalamuuf jira, garuu namarratti milka'uuf dhiisuun ammaaf hin beekamu.
Jaldeessonni talaalli fudhatan jaha vaayirasii dhibee Covid-19 fiduuf saaxilamanii turanis, vaayirasichi sombaa fi ujummolee qilleensaa isaanii keessati hin argamne.
Qorannoon kun amma yoonatti saayintistoota birootiin hin ilaalamne, ammaaf ifattis hin maxxanfamne.
Haa ta'u malee, Yuunivarsiitii Landan mana barnoota dhimma qulqullina fi qorichootarraa pirofessar Istiivan Ivaans, qorannichi jajjabeessaadha jedhan.
''Qorannichi qulqullina olaanaa kan qabuu fi jajjabeessadha' jedhan.
Jaldeessonni talaalaman kunis wanta dhibeen lolu qaamni maddisiisu ykn 'antibody' vaayirasichaan loluu danda'an horachuu danda'uu isaanitu ibsame.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras















