Koronavaayiras: Hiriyyaan dargaggoo Maqaleetti poolisiin 'tarkaanfii fageenya eegsisuuf fudhateen' ajjeesee maal jedhaa?

Poolisii naannoo Tigiraay

Madda suuraa, Getty Images

Naannoo Tigraay, magaalaa Maqalee ganda 05 jedhamutti dargaggoota walitti qabamanii turan bittimsuudhaaf yaalii taasifameen walitti bu'insi dhalatee dargaggeessi tokko miseensa poolisiin ajjeefamuu waajirri poolisii magaalichaa BBCtti himeera.

Poolisiin akka beeksisetti, tatamsa'ina koronaavaayirasii ittisuudhaaf manneen dhugaatii cufaa ta'uu isaaniirraan kan ka'e dargaggoonni naannoo ganada 05 sanatti walitti qabamanii dhugaa jiru kan jedhu odeeffannoon isa qaqqabe.

Odeeffannoo isa qaqqaberraa ka'uun poolisiin gara bakka sanaatti bobba'ee dargaggoota bittinsuudhaaf yaalii yeroo taasisutti walitti bu'insa uumameen lubbuun nama tokkoo darbeera.

Dabalataanis dargaggoota lama irraan miidhaan qaqqabuu isaa gabaafameera.

Lubbuu badeef miseensi poolisii shakkame to'atamuusaa poolisiin magaalaa Maqalee BBCtti himeera. Poolisiin dargaggoo Shishaay Kiiroositti dhukaasee akka ajjeesu kan sababa ta'u omtuu akka hinturre hirriyaan isaa BBC'tti himeera.

''Mandara keenya keessa teenyee xabataa turre. Achinis poolisoonni lama dhufan. Isaan keessaa poolisiin tokko meeshaa qabatee ture. Maal gochaa jirtuu nun jedhe.

Dilbata waan ta'eef xabataa jirra jenneen. Isaan boodas gara poolisii komishiniitti haa deemnu nuun jedhe. Nuti ammoo lakkii asumatti waliin haa dubbannu jenneen. Isaan booda ture poolisiin inni biraa rasaasaa harkaa fuudhe. Achiin hiriyaan keenya maal taatee jennaaniin simaa sin waada jechuun itti dhukaase.''

Dargaggeesa umurii waggaa 23 kan ture Shishaay ijoollumaa isaa qabee hojii sibiilaa hojjataa maatii isaa gargaaraa akka ture himu hiriyyaan isaa.

Sirni awwaalcha dargaggoo kanaas Wixata magaalaa Maqalee bataskaana Gabramanfas Qidusiitti raawwatameeera.

Awwaalchaan boodas dargaggoonni naannichaa hiriira taasisuuf yaadanii kan turan ta'ulleen, sababii koronaatiin yaadasaanii geedaruun bulchiinsa naannichaatti haala kana ibsuusaanii dubbata hiriyyaan Shishaay kun.

Poolisiin gocha ajjeejjachaa kana raawwatees ganda 05n baqachuun gara naannoo Ayidar jedhamuutti miliquun gamoo tokko keessa dhokatulleen, ummanni gochichaan aaree gamoo sana marse ture.

Booda garuu humnootiin addaafi aanga'oonni poolisiin naannicha to'ataniiru jedha.

Dargaggoo Shiishaay Kiroos

Madda suuraa, MH

Magaalaa Maqaleetti Ittigaafatamaan Waajira ittisaafi Qortaan Yakkaa Komaandar Anidinatti Laggasaa, poolisiin ajjeechaa raawwate to'annoo jala olfamuu dubbataniiru.

Isaan boodas dargaggoonni gocha sanaan aaran gara waajira poolisii Komuniitii qananaa Raahiwaa deemuun humnootii nageenyaa waliin walitti bu'aniiru.

Rasaasa qaamotii nageenyaan dhukaafameen dargaggoonni lama miidhamaniiru. Dargaggoonni miidhaan irra gahe kunneenis wayita ammaa hospitaalaa olaanaa Ayidar Maqaleetti argamutti wallaansa argataa jiru.

Dargaggoo inni tokko kan harkarra rukutame yoo ta'u, inni lammataa ammoo cinaacharra dhahame waan ta'eef wallaansi baqaqsanii yaaluu erga taasifameen booda amma kutaa wallaansa addaa barbaadanii keessatti akka argamu, saba himaan hospitaalichaa irraa ragaan argame ni mullisa.

Naannoo Tigiraayitti sababa weerara koronaavaayirasiitiin labsii yeroo muddamaa labsame hojiirra oolchuudhaaf poolisoonni bobba'an wayita ajjeechaa raawwatan kun kan jalqabaa miti.

Ji'a Bitootessaa keessa, aanaa Naahider Addeet jedhamtu keessattis dargaggeessi tokko humna nageenyaatiin ajjeefamuun isaa ni yaadatama.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa