Koronaavaayiras:Ameerikaan Dr. Tedroos WHO keessatti 'jijjiirma bu'uura' akka fidaniif guyyoota 30 kenniteef

Daariktera Ol-aanaa Dhaabbata Fayyaa Adunyaa fi pirezidaantii Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi
Ibsa waa'ee suuraa, Daariktera Ol-aanaa Dhaabbata Fayyaa Adunyaa fi pirezidaantii Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi

Erga weerarri koronaavaayirasii Chaayinaarraa ka'ee addunyaa waliin gahee, hariiroon Pirezedaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp, Chaayinaafi Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) gidduu jiru daran hammaataa dhufeera.

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp torbanoota darbaniif dawaa dhibee busaa yaaluuf oolu kan haayidrooksiikiloorookwiin jedhamu dhibee Coid-19 ittisuuf ni fayyada jechuun beeksisaa turan.

PirezedaantiinAmeerikaa Doonaald Tiraamp daarektera Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Dr. Tedros Adihaanomiif guyyoota 30 keessatti jijjiirama akka fiduu qabuuf akeekkachiisan.

Tiraamp guyyoota kenname 30 keessatti DHaabbaticha keessatti "jijjiirama bu'uuraa" akka fiduu qaban hubachiisuun, ta'uu baannaan Ameerikaan deggersa WHOf gootu guutummaan guutuutti akka dhaabdu xalayaa Dr. Tedroosiif barreessaniin ibsan.

Pirezedaantichi xalayaa Dr. Tedroosiif barreessan fuula tiwiitera isaaniirratti kan barreessan yoo ta'u, WHO waan isarraa eegamu bahuu dhiisuu isaatiin koronaavaayirasiin Chaayinaatti jalqabe waliin gaheera.

Dhaabbatichi odeeffannoo yeroo yeroo isaatti barbaachisu kennuurra Chaayinaa jajachaa ture jedhan.

Erga weerarri koronaavaayirasii addunyaa mudatee Chaayinaa fi Dhaabbata Fayyaa Addunyaa irra deddeebiin komataa yoona kan ga’an Pirezidaanti Tiraamp garuu bulchiinsaa fi gochi isaaniif isaanumtuu daran qeeqamaa turan.

'Jala deemtuu Chaayinaa...'

Pirezedaanti Tiraamp, Yaa’ii Fayyaa Addunyaarratti Dhaabbati Fayyaa Addunyaa Chaayinaa jala deema jechuun arrabsan.

‘’Dhaabbati Fayyaa Addunyaa gorsa badaa, gadheefi dogoggoraa nuuf kennaa ture. Yeroo hunda gama Chaayinaa gora.’’ Jedhan.

Ameerikaan durumaan baajata Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Addunyaaf ramaddu kan dhaabde yoo ta’u, guyyoota 30 keessatti dhaabbatichi jijjiirama guddaa tokkorra hin ga’u taanaan Ameerikaan baajata ramaddu guutummaatti addaan kutti jedhan Pirezidaant Tiraamp.

Pirezidaantichi xalayaa Daarektara Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Doktar Teedroos Adihaanoomiif barreessaniin dhaabbatichi madda vaayirasichaa maqsuufi facaatiisaa hatattamaan to’achuu dadhabuusaaf qeeqaniiru.

Qondaalli siyaasaa umurii ganna 73 kun ammammoo dawaa sana ofiisaaniifayyadamuuf doktaroota Waayit Haawus irraa iyyama argachuu dubbatan.

Isaan akkas haa jedhan malee garuu dawaan kun dhukkubsattoota Covid-19 fayyisa ragaan jedhu gama qorannoo saayinsiitiin hin jiru.

Ji’a darbe Dhaabbati Bulchiinsa Nyaataa fi Qorichaa US haayidrooksiikiloorookwiin dawaan jedhamu koronaavaayirasii ittisuuf bu’a qabeessaa fi naga qabeessa miti jechuun dhorkee ture.

Inumaa dawaa kana dawaa biraa waliin walitti makanii fudhannaan dhibee onneef daran nama saaxila jechuun namoonni akka hin fudhanne akeekkachiisee ture dhaabbati kun.

Mallattoon vaayirasichaa homaatuu narratti hin argamne kan jedhan Pirezidaanti Tiraamp erga dhiibbaa vaayirasichaa irratti qondaaltota waliin mari’atanii booda dawaan kun akka fudhatamu beeksisan.

Rifaatuu, raajii, sodaa…Tiraamp uuman

Erga Pirezidaant Tiraamp haayidrooksiikiloorookwiin akka dawaa Covid-19 ta’ee fudhatamuu qaba jedhanii labsanii deggertootasaanii dabalatee rifaatuu, raajii, sodaan namoota hedduu keessatti uumameera.

Miidiyaa isaan jala deemu ‘Fox News Network’ dabalatee miidiyaalee hedduun akka namoonni yaada Tiraamp kana hin fudhannee fi dhiibbaa dawaan kun fayyaa namaarratti qabu dabarsaa turan.

Saayintistoonnis dhuunfaadhaan uummanni akka yaada kana hin fudhanne dhaamaa turan.

Namni tokko akkana jechuun twitter isaa gubbaa kaa’e: ’’An saayintistiidha. Ejjennoon siyaasaa kee dhimmi koo miti. Garuu adaraa keessan haayidrooksiikiloorookwiin dawaa jedhamu hin fudhatinaa. Miidhaa cimaa geessisa. Covid-19 irraas nama hin bayyanachiisu.’’

Pirezidaanti Doonaald Tiraamp wayituma dawaa haayidrooksiikiloorookwiin kana akka fayyadaman ibsanitti Dhaabbata Fayyaa Addunyaa waliinis qoccolloo arrabsoo of keessaa qabu keessa galanii turan.

Koroonaavaayiras