Koronaavaayiras: 'Talaalliiwwan Koroonaa jalqaba bara 2021 dura hin eegiinaa'- WHO

Maayik Riyaan,

Talaalliiwwan koroonaavaayiras hangi ta'an sadarkaa yaalii gara dhumaarra gahaniis jalqaba bara 2021 dura gabaaf kan dhiyaatan hin ta'an jedhan ogeessi Dhaabbata Fayyaa Addunyaa.

Dhaabbatichi talaalliin kun karaa haqummaa qabuun qaama hunda bira akka gahu hojii eegaluu kan dubbatan hoogganaan sagantaa dhibee tasaa Maayik Riyaan, amma addunyaan lakkoofsa namoota guyyuu vaayirasichaan qabamaa jiraanii akkaan dabalaa jiru to'achuurratt xiyyeeffachuu qabuu jedhan.

Talaalliiwwan hangi ta'an yaalii sadarkaa sadaffaarra gahaniiru, hanga ammaatti gama madiinummaa qaamaa dabaluufi fayyummaa isaaniin kan kufaniis hin jiran'' jedhan Riyaan.

Namootni talaallii kana fudhachuu kan jalqaban ji'oota jalqabaa bara 2021 akka ta'u dubbatan.

Dhaabbatni isaanii hangi talaallii omishamuu akka dabaluufi waliin gahiinsa isaa mirkaneessuuf hojjechaa akka jirus himaniiru.

''Taalliin weerara kanaa kan warra sooresssaa miti. Kana warra hiyyeessaas miti. kan nama hundaati,'' kan jedhan ogeessi kun qaama hunda haala madaalawaa ta'een qaqqabuu qabaa jedhaniiru.

Talaallii kaampaniiwwan Pfizer Inc fi kan biyya Jaramanii BioNTech jedhamaniin hojjetamaa jiru fayyaa namaaf hin yaaddessuu yoo ta'eefi madiinummaan isaa yoo mirkanaahe mootummaan Ameerikaa talaallii miiliyoona 100 bituuf doolaara biiliyoona 1.95 ni kaffala jedhameera.

Ragaa talaaliiwwan koronaavaayrasii

Riyaan manneen barnootaa deebisaanii banuun of eeggannoo guddaan tarkaanfii fudhatamuu qabu akka ta'e akeekkachiisan. Keesumaa vaayirasichi bakka namaa namatti ce'uun isaa hin to'atamnetti.

Ameerikaa keeessatti bakka weerarichi amallee dabalaa jirutti manneen barnootaa haa banaman haasaan jeddhu jiraachuun falmii uumeera.