Koronaavaayiras: Iccitii simbirroon halkanii Covid-19n osoo hin dhukkubsatiin wajjin jiraachuu maal?

Madda suuraa, OLIVIER FARCY
Saayintistoonni tibbana caaseffama dhala/ qaccee sanyii simbirroota halkanii gosa 6 addunyaa keenyarra jiraatanii xiinxaluun iccitii haaraa tokko ifoomsan.
Qacceen sanyii simbira hoosftuu taatee kanaas, ‘’madinummaa vaayirasoota lubbuu namaa galafaatanii dandamachuun waliin jiraachuu dandeessisu,’’ qabachuusaanii qorannoon barruu ‘ Nature’ jedhurratti maxxanfame mirkaneesse.
Covid-19n simbirroota halkaniirraa gara namaatti darbuu hin oolle jedhama. Kanaaf, ogeeyyiin iccitii simbirroota vaayirasii wajjjin waldanda’anii jiraatan kana sakatta’uurratti fuulleffataniiru.
Waanti beekamuu qabus, gosoonni vaayirasota balaafamoo Sars, Mers, fi Iboolaallee simbirroota halkaniirra namatti darbanii jedhame yaadama.
Qorattoonni akkamitti simbiroonni halkanii ofiif otoo hin dhukkubsatiin vaayirasii baatu iccitii jedhu baasuun dhala namaarraas ittisuuf itti fayyadamna jedhanii abdatu.
Kana malees, akkatti Covid-19 bifa haaran wal’aanuun danda’amu uumuuf fala sirriidha jedhan.
Yeroo koronaavaayirasiin addunyaa weerare kanattis ta’e, weerara vaayirasii fuulduratti dhalachuu danda’uuf fala barbaaduuf fayyada jedhan qorattoonni.
Yuunvarsitii Kolleejji Dabliin irraa Pirofesar Emaa Teeling akka ibsatti, caaseffamni dhala/ qaccee sanyii isaanii simbirroonni halkanii ‘ sirna madinummaa adda ta’e’ qabaachusaaanii akeeka jedhan.
‘’Akkatti madinummaan simbira halkanii deebii vaayirasichaaf kennu akkeessuu dandeenyaan, dawaa argachuuf uumamni maal akka fakkaatu ilaaludha ‘’jedha pirofessarri kun. Tartibaa barbaachisoo uumama dhala sanyii simbirroota kanarraa barachuun barbaachisaa ta’u ibsaniiru.
Ogeettiin qo’annoo kun pirojeektii qaccee sanyii simbirroota dachee kanarra jiran keessatti qabiyyee kiromoozomii gosoota 1,421 qorannoon hubachuuf fayyadu 'Bat1K project' jedhamu hundeessuun nama beekaman.
Quqamtoonni kunuunsa naannoo fi sirnaakkoof falman,simbirroonni halkaniif falmu.
yeroo bidoolleen (iddoon jireenyasaanii) jalaa jeeqametti simbirroota halkanii adabuu ta’a jedhanii falmu. Akka isaan jedhani falmanitti, simbirroonni halkanii kun dhala namaatti yaaddoon fayyaa guuddaa hin uuman
Simbirroonni halkanii madallii uumamaa eegu, biqiltoota poloneessu,sanyii bilqiltoota akka faca’ee marguuf fayyaduu jedhanii falmuuf.
Qorannoowwan maal ibsu?
Gartuun qorattoota idila- addunyaa teeknolojii caaseffama qaccee sanyiisaanii toora qabsiisu fayyadamuun, maalummaasaanii sirnaan qorata jiru.
Caaseffama dhala sanyiisaanii kan hoosftoota 42 wajjin wal bira qabuun odeefffannoo maalummaasaanii addatti baruu danda’aniiiru. Simbirroonni halkanii ramaddii hoosiftoota akka saree,adurree,pengoliins fi weels fa’aatiin wal fakkaatti jedhani garee tokkichatti ramadaniiru.
Akkamittiin odeeffannoo qaccee sanyii weerara vaayirasii qolachuuf fayyada?
Qorattoonni akka himanitti caaseffama qaccee sanyii hosftuu balaliitu kanaa beekuun weerara vaayirasii qolachuuf, ittisuuf ni fayyada jedha.
Madinummaa adda ta’e qabaachuu fi koronaavaayirasiin otoo hin miidhamiin wal-danda’anii wajjiin jiraachuun, jijjirama dhala sanyiisaaniirratti dhufeenii jedhu Dr. Misheel Hilaar, jaarmiyaa 'Max Planck Institute of Molecular Cell Biology and Genetics' jedhamu biyya Jarmaniitti argamurraa.
Madinumma simbirroota halkaanii otoo guubatii qaamaa hin qaqqabsiisii wal danda’uun waliin waan jiraataniif mallattoo dhukkuba kanaa otoo irratti hin argamniin waliin akka jiraatan qorattoonni kun ibsaniiru.














