Koronaavaayirasii: Vaayirasiin koronaavaayirasiitti dhihaatu paangolin irratti argame

Paangoliin karaa seeraan alaa gurguramte magaalaa Maaleyziyaa Kuwaalaa Laampur keessatti argamte

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Paangoliin dhukkuba koronaavaayirasii addunyaa yaaddessef ka'umsa jedhamuun shakkamteetti

Bineensa paangoliin jedhamtu irratti vaayirasiin yeroo ammaa addunyaa muddama keessa galche waliin haalaan walitti dhihaatu argame.

Saayintistonni akka jedhanitti weerara dhukkuba fuula duratti akka hin uumamne dhaabsisuuf bineensota gurguruun dhorkamuu qaba.

Bineensonni paangoliin jedhaman hoosiftoota karaa seeraan alaa Eeshiyaa keessatit gurguramuun nyaataafi qoricha aaadaaf oolanidha.

Qorannoo barruu 'journal Nature' irratti bahen bineensota kana of eeggannoon qabuun barbaachisaadha jedha.

Fuula duratti weerara dhukkubaa namarratti uumamuu danda'u baruf bineensota paangoliin bosona keessa jiraatan irratti qorannoon dabalataa taasifamuu qaba jedhu qorattoonni.

Yunivarsiitii Hong Kongitti qorannoo taasifamu kan hogganan Dr Toomi Laam gareewwan koronaavaayirasi lama kan amma ummata addunyaa yaaddessetti dhihaatan paangoliin Maalaayaan seeraan alaa gara Chaayinaa geeffamanirraa argamaniiru jedhan.

''Vaayirasii weerara SARS-CoV-2 ofirratti baachuun isaanii mirkanaa'uu barbaachisuus, dhukkuba bineensotarraa namatti darbu hambisuuf gurugurtaan bineensota kanaa sirriitti to'atamuu qaba,'' jechuun BBC'tti himaniiru.

Sinbirri halkaniillee koronaavaayirasii ofirraa qabdi. Kunis, vaayirasii namarra jirun walitti dhihaata. Kunis, karaa tokkodha. Karaa vaayirasichi seelii wareeru.

''Kuni kan agarsiisu vaayirasiin nama keessa jiru bineensota bosonaa keessa jiraachuu isaati,'' jechuun Yunivarsiitiif of Siidniitti qorataa kan ta'an Pirofeesar Ediwaard Holmees himu.

Koronaavaayirasiin maayikiroskoppiin yeroo ilaalamu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Koronaavaayirasiin maayikiroskoppiin yeroo ilaalamu

Vaayirasiin kuni sinbira halkaniirraa bineensa kaanitti achis akkamiin namatti akka darbe hin baramne. Sinbirri halkanii 'horseshoe bat' jedhamtuufi Paangoliin akka qooda qaban amanama. Garuu, isa kamitu kamirraa fuudhe waan jedhu hin beekamu.

Paangoliin Maalaayaan irratti koronaavaayirasiin argamuun isaa bineensonni kuni eessaa akka fidan nama rakkiseera jedhu Dr Laam.

Yeroo karaa seeraan alaa gara Chaayinaa geeffaman karaatti sinbira halkanirraa isaan qabemoo bakkuma dhufan sana Kibba Baha Eeshiyaa irraa argatan?

Yaaddoo

Kanneen kunuunsa bineensotaa leellisan vaayirasiin kuni paangoliin irraa argamuun isaa yoo mirkanaa'e lubbuu isaanii rakkoo keessa galchuu mala jedhu. Kanaanis yaaddoo isaanii ibsatu.

Keessumaa immoo lammiileen Chaayinaa paangoliin irraa qoricha aadaa oomishu. Foon ishees ni mi'aawa jedhamuun beekamti.

Sababa kanaaf, karaan seeraan alaa daldala bineensota bosonaa akka dhaabbatuf yeroon hawaasni idila addunyaa dhiibbaa geessisuu qabu amma jedhu Yunivarsiitii Kaardiif irraa Elisaa Paanjaang.

Erga dhukkubni kuni hammaatee booda Chaayinaafi Viyeetinaam namoonni foon bineensota bosonaa akka hin nyaanne ajaja dabarsaniiru.

'Zoological Society of London (ZSL)'tti kan hojjetan Pirofeesar Andiriiw Kaaningihaam immoo jarjaruun hin barbaachisu jedhu. ''Maddi koronaavaayirasii hin beekamu,'' jechuun himu.

Yunivarsiitii Okisfoordirraa Dr Daan Chaaleendar immoo paangoliin irratti gosoonni koronaavaayirasii gara garaa ni argama jedhu.

''Madda vaayirasii 'SARS-CoV-2' baruun madda dhukkuba kanaa baruufi rakkoowwan kuni fuuladuratti akka hin mudanneef gargaara,'' jechuun dubbatan.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa