Yugaandaan har'a namoonni 5 Covid-19'n qabamuu beeksiste
Yugaandaan har'a dabalataan namoonni shan COVID-19 qabamuu isaanii mirkaneessite.
Ministirri Fayyaa biyyatti ibsa kenneen, namoota har'a mirkaneeffaman shan dabalatee biyyattiitti lakkoofsi COVID-19n qabaman 23 gaheera.
Namoonni har'a koronaavaayirasiin qabamunsaanii mirkanaa’ee shananu kan biyya alaa galaniifi wayita qoratamaniitti adda baafamanii turan ta’u ibsameera.
Osuma bakka adda baafamanii keessa jiranuu mallattoofi dhukkuubbi koronaa irratti mul'achuun isaa ibsamameera.
Namoota kanneen keessaa tokko lammii biyya alaa yoo taatuu, afran hafan immoo lammiilee Yugaandaa Dubaayii dhufan jedhameera.
Walumaagalattis namoonni 1,175 hordooffii jala kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa 876 dhaabata keessatti adda kan baafaman, 299 ammoo ofiin kan adda ofi baasan ta’u himame.
Namoonni 1,596 adda baafamanii turan immoo hordoffii guyyoota 14 xumuruun waraqaan ragaa kennamuuf ibsichi mul'ise.
Namoonni koronaavaayirasiin qabamunsaanii mirkanaa’e 18 sadarkaa fayyaa gaariirratti argamu jedhameera.

Madda suuraa, AFP


















