Koronaavaayirasii: Hogganaan Gamtaa Afrikaa Moosaa Faakii shakkii koronaavaayirasiin 'adda of baasan'

Moosaa Faakii, Barreessaa Gamtaa Afrikaa

Madda suuraa, Getty Images

Finfinnee kan jiran barreessaa olaanaan Gamtaa Afrikaa Moosaa Faakii shakkii koronaavaayirasiin adda of baasuu isaanii beeksisan.

Anga'aan kun adda kan of baasan waahilli isaanii tokko koronaavaayirasiin qabamuun isaa waan mirkanaa'eef of-eeggannoof akka ta'e fuula 'twitter' isaanii irratti barreessanii jiru.

Isaan qofa osoo hin taane namoonni biroo nama koronaavaayirasiin qabamuun isaa mirkanaa'e waliin qunnamtii qaban adda of baasanii akka jiranis himaniiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Namni waahila hojii aanga'aa kanaa ta'eefi koronaavaayirasiin qabamuun isaa mirkanaa'ee nama lammii Moorishiyas ganna 72 Jimaata Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa vaayirasichaan qabamuu isaa beeksise akka ta'e AFP gabaasee jira.

Namni kun Bitootessa 14 Koongoo irraa gara Finfinneetti kan imale ta'uun isaa himamee jira.

AFP'n madda Gamtaa Afriikaa keessaa qabu eeruun akka gabaasetti Moosaa Faakii nama kana waliin qunnamtii uumaniiru.

Amma dura hojjetaan Gamtaa Afrikaa vaayirasichaan qabame nama tokko qofa ta'uu Gamtaan Afrikaa himeer.

Kana hordofuunis hojettoonni isaa hedduun mana taa'anii akka hojjetaniifi hojjettoonni isaa biyyoota vaayirasichi keessatti argamerraa dhufan ammoo achumaan mana akka turan Jimaata ajajeera.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa