Koronaavaayiras: "Sodaafi shakkii uummamef dhiifama gaafanna," Obbo Awwaluu Abdii

Dubbii Himaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Awwaluu Abdii

Madda suuraa, EPA

Yeroo dhibeen koronaavaayirasii addunyaa muddama keessa galche babal'atetti walgahiiwwan taa'amaniin 'sodaafi shakkii' hawaasa keessa uumameen Paartiin Badhaadhinaa dhiifama gaafate.

Tibbana tatamsa'ina dhukkuba kanaa bu'uura godhachuun baay'atanii walitti qabamuun dhorkamus miseensonni Paartii Badhaadhinaa garuu bakkeewwan gara garaatti walgahii taa'a akka jiran gabaasaaleen ni mul'isu.

Leenjin hooggansa sadarkaa gadi aanaa Paartii Badhaadhinaa tibba kana kutaalee biyyattii garaagaraatti adeemsifamaa jiru dhibee Koronaavaayirasiin walqabatee kutaalee hawaasafi ogeeyyii fayyaa biratti sodaafi yaaddoo uumera.

Maddi sodaafi yaaddoo kanaa immoo 'namootni lakkoofsaan hedduu ta'an iddoo tokkotti walitti qabamuun leenji'aa jiru. Kun immoo tattamsa'ina dhibee Koronaavaayirasiif haala mijataa uuma' kan jedhudha.

Magaala Holotaatti tumsa ittisa dhibee Koronaavaayirasiif taasifamu qindeessaa kan jiran Obbo Balaay Kumsaa namootni gandoota Aanaa Walmaraa irraa walitti dhufaniifi dhibbaan lakka'aman galma tokko keessatti walitti qabamuusaani himan.

"Walgahichumti akka adeemsifamu nutti hin himamne" kan jedhan Obbo Balaay sodaa qaban hooggansa magaalichaa fi Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatti gabaasanis tarkaanfin fudhatame akka hin jirre himan.

Godina Harargeetti jiraataan Aanaa Dadar maqaan isaanii akka eeramu hin barbaadnes baay'atanii walitti qabamuun miseensota dhaabichaa yaaddoo itti uumuu BBC'tti himan.

Deebii Paartichaa

Dubbi himaa Paartii Badhaadhinaa kan ta'an Obbo Awwaluu Abdii leenjichi jijjiirama biyyattii keessa jiru ilaalchisuun sadarkaa irra jiru fi rakkoolee mudatan akkasumas furmaata isaanii irratti xiyyeeffatamee adeemsifamaa akka jiru BBCti himan.

Leenjichi "leenjii dandeettii raawwachiisummaa hooggansaa bifa idileetin waggaa waggaan kennamudha" kan jedhan Obbo Awwaluu Abdi "walgahiin kun karaa baay'ina qabun akka hin gaggeeffamne dhorkineerra.

Walgahiin xixiqqaas sadarkaa istaandaardii taa'en namni meetira tokko hanga lamaa walirraa fagaatee akka taa'u kallattin bu'ee hojjetamaa jira" jechuun dubbatan.

Haa ta'u malee, iddoowwan tokko tokkotti rakkoon mudatee tarkaanfiin fudhatamuu fi akka sirreeffamu taasisuu isaa himan.

Dabalataan, gaggeesitootni leenjii fudhachaa jiran kun gara hawaasaatti deebi'uun tumsa ittisa dhibee kanaaf taasifamu irratti akka gumaachanif Ministeera Fayyaa fi ogeeyyii fayyaa walin ta'un leenjichi kennamaa akka jiru himan.

Haa ta'u malee, ogeeyyiin fayyaa BBCn haasofsiise heddumina namootaa irraa ka'un hubannoo kennufillee rakkaneerra jedhan.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa waa'ee koronaavaayirasii

Ogeessi fayyaa magaala Holotaa Obbo Balaay Kumsaa dhimma hubannoo Koronaavaayirasii leenjitootaaf kennamu yeroo himan "ummata hagas mara baayy'atu keessa hin dhufnu jennee deebisne" jedhan.

Iddoowwan rakkoon itti mul'atu hawaasni gabaasa yoo godheef dhaabni isaanii tarkaanfii fudhachuf qophii akka ta'e ta'e kan himan Dubbi Himaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Awwaluu Abdi "vaayirasichi akka hin babal'anne paartiin keenya xiyyeeffannoon hojjechaa jira.

''Haa ta'u malee, namootni tokko tokko ajandaa siyaasaa gochuuf hojjetaa jiru. Sodaa fi shakkii uumamef garuu dhiifama gaafanna" jedhan.

Sababa dhukkuba kanaan magaalaaleen addunyaa onaa jiru. Namoonnis manaa akka hin baane taasifamaa jira.

Biyyoota Afrikaa keessaas Ruwaandaafi Afrikaan Kibbaa balbala biyyaa cufachuuf ajaja dabarsaniiru.

Itoophiyaan daangaa cufu, manneen barnootaa cufuu, hojjeettoonni mootummaa manaa akka hojjetan taasisuu dabalatee murteewwan garaa garaa dabarsiteetti.

Akka Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa kaleessa ibsetti Itoophiyaa keessatti namoonni 12 dhukkuba kanaan qabamaniiru.

Akka addunyaatti immoo 420,000 ol kan ta'an dhukkuba sadarkaa weeraraatti guddateen kan qabaman yoo ta'u 19,000'tti kan siqan ammoo lubbuu dhabaniiru.