Lakkoofsi namoota Covid-19'n Itoophiyaatti qabamanii 12 gahe

Hasxaa Ministeera Fayyaa Itoophiyaa

Madda suuraa, FBC

Guyoota 11 dura Itoophiyaan nama jalqabaa koronaavaayirasiin qabame erga ifa goote as guyyaa kaleessaa namni 12ffaan dhukkubni kuni irratti argame akka barame Ministeerri Fayyaa beeksise.

Ministirir Fayyaa Itoophiyaa Dr Liyaa Taddasaa akka ibsanitti namni dhukkubni irratti argame kun lammii Itoophiyaadha.

Umriin isaa 34 yoo ta'u Kamisa darbe Dubaayirraa kan dhufedha jedhameera.

Namni kuni gaafa Dilbata darbe mallattoo ofirratti agarraan dhaabbulee fayyaa dhihoo jirutti gabaasuudha kan barame.

Dhaabbileen fayyaa Inistitiyuuti Fayyaa Hawaasa Itoophiyaaf erga gabaasanii booda qorannoo taasifameen dhukkubichi irratti argamuu Dr Liyaan ibsaniiru.

Dhukubsataan kun yeroo ammaa haala gaarirra argama kan jedhame yoo ta'u bakki kununsi isaaf taasifamutti seeneera jedhameera.

Namoonni 15 isa waliin walitti dhiheenya qaban hordoffiin akka irratti taasifamaa jirullee ibsameera.

Walumaa gala Itoophiyaatti namoonni dhukkubni addunyaa yaaddesse irratti argame 12 yeroo gahan kana keessaa lammiileen Jappaan biyyatti ergamaniiru.

Itoophiyaatti namni dhukkuba kanaan du'e jiraatuu baatus lammiileen biyyattii lama biyya Xaaliyaanitti lubbuu dhabuun isaanii ni yaadatama.

Akka addunyaatti namoonni kuma 17,000'tti siqan lubbuu kan dhaban yoo ta'u 380,000 ol kan ta'an immoo dhukkubni kuni irratti argameera.

Itoophiyaan tatamsa'ina dhukkuba kanaa to'achuuf daangaa ishee lafaa kan cufte yoo ta'u birriin biiliyoona 5'illee ramadamuu MM Abiy Ahimad kaleessa beeksisaniiru.

Koroonaavaayiras