Koronaavaayiras: Itoophiyaan COVID-19 ittisuuf daangaa biyyaa cufuu beeksifte

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaan tatamsa'ina COVID-19 dhaabuuf raayyaan ittisa biyyaa sochilee naannoo daangaatti taasifaman guttummaatti akka dhorku beeksifte.
Ministirri Mummee Abiy Ahimad marii har'a haala ittisa COVID - 19 irratti oggantoota nageenyaa waliin taasisaniin murteewwan adda addaa dabarsuu isaanii Waajirri Ministeera Mummee beeksiise.
Haaluma kanaan, dhukkuba yaaddoo addunyaa maraa ta'aa jiru kana to'achuuf tarkaanfiiwwan ittisaa garaa garaa hojiirra olfaman keessaa tokko gama raayyaa ittisa biyyaatiin sochiilee naannoolee daangaa biyyattiitti taasifaman gutummaatti dhorkuu ta'uun ibsameera.
Haata'u malee, to'annoon kun sochiiwwaan shaqaxaafi meeshaalee barbaachisoo ta'an hin ilaallatu.
Waajirrichi ibsa baaseen akka himeetti, Wiixata har'aa irrraa kaasee dameen nageenyaa walgahiiwwan namoonni baayyeen irratti hirmaatan kan dhorkuufi hojiirra oolmaa walirraa fageenya hawaasummaa kan qindeessu ta'uun himameera.
Dhaabbilee siyaasaa dabalatee qaamonni mootummaa wayita walgahii gaggeeffatan, haala waliirraa fageenya hawaasummaa eeggateefi of-eeggannoo qabuun ta'uu qaba jedhemeera.
Kana males, waajiraaleen mootummaa mana taa'anii hojjechuun mijatuuf manarraa akka hojjetan taasifama kan jedhu ibsi kun, warri tajaajila geejibaa ummataaf kennan ammoo namoota baayisanii fe'uu akka hin qabne dhorka.
Warra kana hojiirra hin olchine poolisootaafi tola-oltotaan kan hordofaman ta'uun himameera.
Haaluma walfakkaatun, raayyaan ittisa biyyaafi poolisiin qophii duraa taasisuun hojii ittisa vaayirasichaa sadarkaa biyyaatti gaggeefamu keessatti akka hirmaataniif qophii akka taasisan waamicha dabarseera.
Midiyaaleenis hubannoo hawaasni dhukkuba kanarratti qabu cimsurratti xiyyeeffachuun akka hojjatan waamicha godhameeraaf.
Saffiisa vaayirasichi addunyaarratti tatamsa'aa jiru hubachuudhaan, akkasumas biyya keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabalaa jiraachuu isaatiin tatamsa'ina dhukkuba kanaa to'achuuf koreen waajiraalee adda addaa irra walitti bahe hundeefameera jedhame.
Koreewwan sochii ittisa koronaavaayirasii kanaaf hundeeffame keessa tokko kan ta'e dameen nageenyaa waliin marii taasifameen murteewwan asii gadii dabarfamu waajirichi beeksiseera.
Kana malees, vaayirasichi yoo naannooleett babal'ate bakka dhukkubsattoota adda baasuun keessa tursiisisuun wallaanaman, akkasumas ogeessoota fayyaa qopheessaa jiraachuu ministirri muummee himaniiru.
Mootummaan Feederaalaas hojii ittisa COVID-19 kana deegaruuf birri Biliyoona shan ramaduu beeksiise.

- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Haati warraa MM Kanaadaa koronaavayirasiin qabamte
- Koronaavaayiras dhibee 'addunyaa weerare' jedhamee labsame
- Koronaavaayirasiin hangam yaaddessaadha, akkamiin ofirraa ittisuun danda'ama?
- Mallattoon koronaavaayirasii 'guyyaa shan booda mul'ata'
- Olompikiin Tookiyoo 'waggaa tokko ykn lamaaf achi butamuu mala'















