Hogganaan Pireesii Bulchiinsa Yeroo Tigiraay hidhamuu BBC'n mirkaneesse

Madda suuraa, Gebru Kahsay Kiflu/Facebook
Dubbii himaan waajjira pirezidaantii yeroofii naannoo Tigiraay Obbo Gabruu Kaasahun to'annoo jala oolfamuu dhagahame.
Hogganaan pireesii naannichaa to'annoo jala kan oolan Sanbata darbe Caamsaa 9 bara 2026 tahuu BBC'n maatii irraa iyyaafateera.
Qondaalli kun buufata poolisii magaalaa Maqalee Kutaa Bulchiinsa Hadinnat keessatti hidhamee akka jiru himameera.
Kan to'annoo jala oolfames ajaja mana murtiin akka tahe himame. Torban darbe keessa manni maree naannoo Tigiraay durii erga diigamee waggaa jaha booda hojiitti deebifamuun wal gahii taa'ee Dr Dabretsiyoon G/Mikaa'eliin pirezidaantii naannichaa gochuun muuduu ibse.
Kaabineen naannichaa Dr Dabretsiyooniin durfamu wal gahii jalqabaa kan taa'e yoo tahu, MM Abiy Ahimediin yeroon turtii aangoo isaanii kan dheereffameef Jeneraal Taaddasaa Warradaa ammoo ''aangoo humnaan fudhataa jiru'' jechuun TPLF balaaleffateera.
Hogganaan pireesii naannichaa kun to'annoo jala kan oolfamaniif sababa maxxasa miidiyaa hawwaasaa isaaniin tahuu poolisiin ibseera.
Ha atahu malee, kan to'annoo jala oolfamaniif maxxansa miidiyaa hawwaasaa dhuunfaa isaaniin ykn kan fuula bulchiinsa yeroo naannichaa irratti baheen tahuu adda hin baane.
Poolisiinis waa'ee qabiyyee qondaalli kun maxxanse jedhee waan hime hin qabu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Garuu ''odeeffannoo sobaa miidyaa hawwaasaa irratti tamsaasuu'' kan ejdhuun akka himatame poolisiin ibseera.
Maatii fi hiriyyyoonni isaa har'a buufata poolisii deemuun akak dubbisanii fi nyaata geessaniif BBC Afaan Tigirinyaatti himaniiru.
Miseensi maatii maqaan isaa akka dhahamu hin feene tokko Obbo Gabruun kan to'atame sababa maxxansa miiidyaa hawwaasaa irratti taasiseen akka tahe poolisiin natti himeera jedhe.
Dhiyeenya kana ibs amiiidyaa hawwaasaa irratti kennaa tureen bulchiinsa yeroofii [Jen. Taaddasaa Warradaa] fi hogganaa Pireesii naannichaa irratti tarkaanfii akak fudhatu TPLF ibsaa ture.
Obbo Gabruu Kaasahun Roobii boruu mana murtiitti akak dhiyaatus maatiin mirkaneeffateera.
Obbo gabruu kaasahun kana dura hogganaa FM 104 fi Itti Aanaa Itti Gaafatamaa Komunikeeshinii naannichaa tahuun tajaajilaa turaniiru.
Bulchiinsa Yeroofii yeroon aangoo isaa MM Abiyyiin dheereffame, Jeneraal Taaddasaa Warradaa fi TPLF gidduu muddamni hammaateera.
TPLF yeroon aangoo Jeneraal Taaddasaa Warradaa dheereffamuun waliigaltee Piriitooriyaa kan diigedha jechuun morme.
Filannoo naannichi waggaa jaha dura gaggeesse kan mootummaan federaalaa seeran ala jedhe TPLF hojiitti deebisuun DR Dabretsiyoon G/Mikaa'eliin ammoo pirezidaantii godhee muudeera.
Manni marichaas wal gahiiwan gaggeessuu jalqabeera. Jeneraal Taaddasaa Warradaas ammayyuu aangoo irra jiru. Garuu ''Humnaan fudhachaa jiru'' jechuun murtoo TPLF qeeqaniiru.
TPLF galmee paartilee siyaasaa keessaa Boordii Filannoo Biyyaalessaan haqameera. Miseensonnii fi hoggantoonni paarricha keessa turan tokko tokkos bahuun gara paartii biraatti makamaa jiru.
Kan akka Obbo Geetaachoo Raddaa fa'aa ammoo paartii siyaasaa haaraa hundeessaniiru.













