Wallaggatti ogeeyyiin fayyaa akkamiin koronaavaayirasiif qophaa'aa jiru?

Hagiima saamuda fudhataa jirtuu

Madda suuraa, AFP

"Harka wal fuudhuun, walitti arreedanii akkuma yeroo kaanii wal hammachuun jira, homtuu wanti fooyya'eera jedhamu hin jiru," jedhu jiraataan magaalaa Naqamtee bilbilaan dubbisne.

Maatii isaanii Wallagga Bahaa aanaa Giddaa jiraatan dabalatee namoonni hedduun waa'ee koronaavaayirasii waan dhagaahan akka hin qabne dubbatu jiraataan kun.

"Keessuma gara lixaa intarneetiinis hin jiru, bilbilli illee bahaa hin jiruu, namni waan dhagahes, akkaataa irraa of eeganis waan dhagahe hin qabu, gurruma duudaa jiraataa jirra," jedhu jiraataan kun.

Godinaalee Wallaggaa hafan irraas ta'e aanaalee godina Wallagga Bahaa irraa namoonni hedduun gabaaf, waaqeffannaaf, yaalaaf akkasumas dhimmoota birof gara magaalaa Naqamtee akka dhufan kan himan jiraataan kun, "akkanumatti wal keessa oollee galla" jedhu.

Magaalaa Naqamtee hubannoon muraasni jira, harka keenya dhiqachaa jirra kan jedhan jiraataan kun ta'us namoonni iddoo biraa dhufan hagasuma hubannoo waan hin qabneef harka wal fuudhuufi wal hammachuun ittuma fufeera jedhu.

Raadiyoo fi televiziyoonaan namni taa'ee dhaggeeffatu nama muraasa kan jedhu dargaggoon jiraataa magaalaa Naqamtee dubbisne biroo, dargaggeessi irra hedduun mobaayilii isaan odeeffannoo argataa ture jedha.

"Amma garuu Naqamtee gadi bilbillis ta'e intarneetiin waan hin jirreef odeeffannoodhuma isaa namni qabu hin jiru," jedha dargaggoon kun.

Iddoowwan kanneenitti osoodhuma dhukkubi kun mudate, iddoo akkanaatti namni dhukkubsateera ykn mallattoon irratti mul'ateera jedhanii odeeffannoo kennuun hin danda'amu jedha.

Finfinneefi Naqamtee jidduu akkasumas Naqamteefi magaalota biroo godinaalee Wallaggaa afran jidduu tajaajilli geejjibaafi namoonni imalan jiraachuu kan himan jiraattonni dubbifne, akkuma iddoo kaanii carraan vaayirasichi godinaalee kanneen gahuu jiraachuu himu.

Ogeeyyiin fayyaa maal gochaa jiru?

Intarneetiinis bilbilli mobaayiliis waan dalagaa hin jirreef akkamiin hawaasa bira geenya kan jedhu karoorsine itti adeemuun nurra ture jedhu direektarri hospitaalaa riifaraalaa yuunivarsiitii Wallaggaa Dr Tamasgeen Xilaahun.

FM hawaasaa magaalaa Naqamtee fayyadamuun guyyaa guyyaan ogeessa lama lama ramadne, guyyaatti daqiiqaa 30'f torbanitti guyyaa shan waa'ee koronaavaayirasii hawaasa barsiisuuf yaalaa jirra jedhu Dr Tamasgeen.

Wal-geettiin FM hawaasaa kanaa raadiyasii muraasa waan ta'eef FM Faanaa waliin ta'uunis hojjechaa jiraachuu himu.

Tamsaasni raadiyoo kun iddoowwan hunda waan wal hin geenyeef, dabalataan barreeffama adda addaa maxxansine raabsuun hubannoo uumuuf carraaqaa jirra jedhu.

Koroonaavaayiras
Banner

"Waanuma hojjechuu qabnuuf malee akka kanaan namoota hedduu bira gahuun rakkisaadha," jedhu.

Vaayirasichi Finfinneetti mul'ateera, Wallaggattis mul'achuu danda'a kan jedhan ogeessi fayyaa kun, hospitaala riifaraalaa yuunivarsiitii Wallaggaa keessatti iddoo namoota shakkaman adda baasanii tursiisan (isolation center) qopheessuu isaanii dubbatu.

Dabalataan hospitaala Naqamtee keessatti iddoon akkasii qophaa'uu dubbatu.

Buufatni fayyaa tokko ammoo cufamee, yuunivarsiitii irraa sireen jiru barbaadamee jiddugaleessi tokko hundaa'aa jira, ogeessi ramadamee hojii akka eegalus kallattiin kaa'ameera jedhan.

Yoo vaayirasichi mudate lakkoofsi namaa kan hedduummatu ta'e meeshalee amma jiddugalli kun qabuun to'achuun rakkisaa ta'a kan jedhan Dr Tamasgeen, "wanta gochuu dandeenyu godhaa jirra" jedhan.