Hojjettoonni mootummaa federaalaafi magaalaa Finfinnee manaa akka hojjetan murta'e

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii 12 gahuu hordofuun Bitootessa 25 irraa eegalee hojjettoonni mootummaa federalaa manaa isaanii taa'anii akka hojjetan Manni Maree Ministirootaa murteesse.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Nagayaan bulaa!

    Kan har'aa xumurre, gabaasaalee kallattiin isin biraan gahaa turre gadi daddabarsuun dubbisaa.

  2. Amma nu gahe, Addunyaarratti namoonni koronaavaayirasiin qabaman 400,000 gahe

    Du'a Italii

    Madda suuraa, Getty Images

    Addunyaarrattu lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii 407,000 gahuu ragaan Yuunivarsiitii Joon Hoopkiins ni agarsiisa.

    Lakkoofsi namoota qabamanii 300,000 irraa ka'ee 400,000 gahuuf guyyoota sadi qofa itti fudhate.

    Direektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teediroos Adihaanoom vaayirasichi saffisa sodaachisaan dabalaa jiraachuu Wiixata himanii turan.

    Akka aanga'aan kun jedhanitti namni jalqabaa koronaavaayirasiin qabame erga gabaafamee booda, vaayirasichi namoota 100,000 qabuuf guyyoota 67 itti fudhate ture.

    Namoota 100,000 itti aanan qabuuf ammoo guyyoota 11 qofa itti fudhate, itti aansuun namoota dabalataa 100,000 qabuuf garuu guyyoota 4 qofa fudhate jedhani.

    Guyyaa har'aa (Wiixata) saffisa sanarra caaluun guyyoota sadi qofa keessatti namoota 100,000 biroo qabeera.

    Wayita ammaa guutuu addunyaatti namootni 407,000 ol vaayirasichaan qabamuun isaanii kan mirkanaa'e yoo ta'u, namoonni 18,287 lubbuu dhabanii jiru.

  3. Amma nu gahe, Itaaliitti har'a qofa namoonni 743 du'an

    Italiitti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin du'anii akka malee dabale.

    Guyyaa har'aa qofa namoonni 743 kan du'an yoo ta'u, walumaagalatti namoonni 6,820 lubbuu dhabaniiru.

    Guyyoota lamaan darban lakkoofsi namoota du'anii hir'achaa adeemaa ture.

    Har'a daran dabaluun isaa rifaatuu uumeera.

    Biyyattiin lakkoofsa nama du'anii olaanaa kan galmeessifte Sambata darbe gaafa namoonni 793 du'an yoo ta'u guyyoota lamaan darban lakkoofsichi gadi bu'aa ture.

    Dilbata namootni du'an 651 yoo ta'u, Wiixata ammoo 602'tti gadi bu'ee ture.

    Italiin weerarri vaayirasichaa kan jalqaba keessatti mudate Chaayinaa caaluun biyya du'a hedduu galmeessifte taateetti.

    Lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabaman hedduu qabaachuun garuu ammallee Chaayinaatu dursa.

    Italiin yoo itti aantu Ameerikaan dhiyoo tana Ispeen caaltee sadarkaa sadaffaarra jirti.

  4. Hoteelota dabalataa jaha namoonni alaa dhufan keessa tursiifaman

    Imaltoonni biyyoota alaa irraa gara Itoophiyaa dhufan kan keessatti adda baafamanii turan hoteelonni dabalataa jaha adda baafamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

    Namoonni Dilbata halkan walakkaa irraa eegalee gara biyya keessa dhufan baasii mataa isaaniin guyyoota 14'f adda of baasanii akka turan murtaa'ee ture.

    Amma dura hoteelota lama Iskaaylaayitii fi Giyoon keessa akka turan kan himamee yoo ta'u, dabalataan hoteeloonni jaha adda baafamanii jiru jedhan dubbi himaan Ministeera Fayyaa Dr Taganee Raggaasaa.

    Hoteelonni kunneenis Juppiitar, Eliyaanaa, Maagnooliyaa, Azeemaan, Beest Weestarni fi Boon Pilazaa kan jedhaman ta'uu himaniiru.

    Kanneen baasii isaaniin hoteelota eeraman keessa turuu hin dandeenyeef bulchiinsi magaalaa Finfinnee iddoo qopheessuu isaa beeksisee ture.

    Hoteela Juppitar

    Madda suuraa, Jupiter Hotel

    Dr Taganeen akka BBC'tti himanitti namoota 12 amma dura koronaavaayirasiin qabamuun isaanii mirkanaa'e keessaa lammileen Jappaan lama gara biyya isaanii kan deebi'an yoo ta'u kan hafan keessaa 8 wayyaa'anii jiru.

    Manguddoon ganna 85 koronaavaayirasiin qabamuun isaanii mirkanaa'e miidhaan jabaan irra gahuu mala jedhamee sodataame tures hordoffiin taasifamaafii jira jedhan.

  5. Amma nu gahe, Keeniyaatti namoonni dabalataa 9 koronaavaayirasiin qabaman

    alaabaa Keeniyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Keeniyaatti namoonni dabalataa 9 koronaavaayirasiin qabamuu isaanii Ministirri Fayyaa biyyattii beeksisee jira.

    Kuni lakkoofsa namoota biyyattii keessatti vaayirasichaan qabamanii 25'n gahee jira.

    Namoonni 9 vaayirasichaan qabaman kunneen Naayiroobii dabalatee kutaalee biyyaa afur keessatti kan argamedha jedhan Ministirri Fayyaa biyyattii Mutaahii Kaaguwee.

    Namoota sagal keessa 7 lammilee Keeniyaa yoo ta'an 2 ammoo lammiilee biyyoota alaati.

    Vaayirasichi magaalaa gudditti Naayiroobii keessaa bahee kutaalee biyyattii keessatti mul'achuun yoo mirkanaa'u kuni yeroo duraatiifi.

  6. Olompikiin Tookiyoo bara dhufutti dabarfame

    tokyo olympic

    Madda suuraa, Getty Images

    Qopheessitootni Olompiikii Tookiyoo Sodaa weerara Koronaavaayirasiin dorgoommichi waggaa tokkoon akka achi siiqu waliigalan.

    Filannoon dhumaa dorgommicha achi siqsuu akka ta’e dubbataamaa turus amma waliigalteerra gahamuun ifa ta’eera.

    Olompiikni Tookiyoo 2020 sababa weerara COVID-19’n waggaa tokkon akka achi siiqu waliigalameera.

    Qopheessituun Olompiika Tookiyoo, Jaappan dorgommichi akka achi siiqu gaafachaa kan turte yoo ta’u Koreen Olompiikii Idila addunyaa yaada kanatti waliigaluu MM Jappaan Shiinzoo Abbee har’a miidiyaaleetti himaniiru.

    ‘’Ani yaada waggaa dhufutti ceesisuu dhiyeesseen Pireezidantiin Koree Olimpiikii Idila Addunyaa Toomaas Baach 100% waliigaluu naa mirkaneessaniiru’’ jedhan.

    Olompiikni yeroo jalqabaaf bara itti aanutti ce’uuf kan dirqame yoo ta’u kana dura sababa waraanaan akka hin gaggeeffamne haqamee beeka.

  7. Adaamaatti shofeerri "sababa Koronaavaayirasiitiif gargaaraa deebii hin gaafatinaa” jedhe hidhame

    konkolaataa

    Magaalaa Adaamaatti konkolaachisaan barreeffama “sababa koronaavaayirasiitiif gargaaraa deebii hin gaafatinaa” jedhuun maxxanfatee socho’aa ture hidhame.

    Qajeelcha poolisii Godina Shawaa bahaatti Itti gaafatamaa damee too’annoo tiraafikaa kan tahan Itti aanaa Inispeektaraa Ismaa’el Abaadir, 'konkolaachisaan kun imaltootarraa seeran ala birrii walitti qabuuf ture' jechuun BBC'tti himaniiru.

    Konkolaachisaan kun barreeffama kana fuuldura daawitii konkolaatichaa irratti maxxansuun maallaqa isaaf hin malle uummatarraa sassaabuuf kan kaayyefateedha jedhan.

    “Birrii kennitan deebii nama hin gaafatinaa jechuudha waan ta’eef kunimmoo saamichadha."

    Seera yakkaatiin keewwatni ittiin gaafatamu kana jedhamee adda bahuu baatus, sababa rakkoo mudateen nama saamuuf yaalaniiru jedhamanii too’annoo jala oolaniiru jedhan.

    Yeroo ammaa kanas konkolaachisaa fi konkolaatichi too’annaa jala ooluun qorannaan irratti gaggeeffamaa jiraachuu himan.

    Konkolaachistoonni of eeggannoo barbaachisaa gochaa hin jiran

    Erga dhibee koronaavaayirasii kuni dhagahamee, tajaajila geejjibaa irratti to’annaa gaggeessaa jiraachuu kan himan Itti aanaa inispeektaraa Ismaa’el, hawasni tajaajila geejjibaa irratti ammayyuu of eegannoo gahaa gochaa akka hin jirre dubbatu.

    “Darbaa yaabbatanii deemuun, teessoo dabalataa irra taa’uun ni mul’ata. Gama konkolaachiftootaatiinis kanneen meeshaa qulqullinaa kana qabatanii socho’an jiraatanis harki caalu garuu dhimma qulqulinaa kana xiyyeefannaa hin kennine” jedhan.

    Dhibee kana sababeefachuudhaan imaltootarratti taarifa dabalanii kaffalchiisuun akka mul’ates ni dubbatu.

  8. Hojjettoonni mootummaa federaalaa manaa akka hojjetan murtaa'e

    Hojjettoota Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Hojjettoota Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa

    Manne Maree Ministirootaa Itoophiyaa walgahii ariifachiisaa har'a taa'een hojjettoonni mootummaa federaalaa boru Bitootessa 25 irraa eegalee mana isaanii taa'anii akka hojjetan murteessuu isaa beeksiseera.

    Hojjettoonni manaa hojjetan ulaagaa Ministeeronni ykn manneen hojii isaanii qopheessan irratti hundaa'uun filamu jedha ibsi Waajjirri MM baase.

    Murteen kun sochii namootaa fi dhiphina geejjibaa magaalaa Finfinnee keessa jiru xiqqeessuuf kan fudhatamedha jedhame.

    Haaluma wal fakkaatuun bulchiinsi magaalaa Finfinnees hojjettoota hojii murteessaa hojjetaniin alatti kaan manumaa akka hojjetan murteessuu isaa beeksisee jira.

    Kanatti dabalataan tamsa'ina koronaavaayirasii to'achuufi ittisuuf Manni Maree Ministirootaa koreewwan dabalataa ijaaruu isaa beeksisee jira.

    Koreen dhimma fayyaa, dhimma nageenyaa fi dhimma diinagdee koreewwan ammaan dura ijaaraman yoo ta'an dabalataan koreen dhimma iddoo namoonni adda baafamanii tursiifamanii hordofu fi koreen ICT dhimma komunikeeshinii fi hojilee hubannoo uumuu qindeessuu hundaa'eera.

    Manni Maree kun hawaasni tarkaanfiiwwan mootummaan dabarsaa jiru hordofee hojiirra akka oolchus dhaamaniiru.

  9. Namni muuziqaa beekamaa Maaduu Dibaangoo dhibee Covid-19 lubbuun darbe

    Maanuu Dibaangoo dhibee Covid-19 lubbuun darbe

    Madda suuraa, Getty Images

    Lammiin Kaameruun Afiroo Jaaz muuziqaan beekamaa ta’e Maanuu Dibaangoo sababii dhibee koronaavayirasiin lubbuunsaa darbuu maatiin isaa beeksisan.

    “Du’aan boqochuu Maanuu Dibaangoo yeroo beeksifnutti miira gadda guddaa keessa taaneeti,” kan jedhan maatiin isa lubbuun Dibaangoo kan darbe dhibee Covid-19 addunyaa raasaa jiruun akka ta’ellee himaniiru.

    Maatiin isaa itti dabaluun, sirna awwaalcha Maanuu Dibaangoo maatii isaarraa kan hafe namni kamillee akka argamuu hin qabne ibsanii, gara fuula duraatti garuu sirni yaadannoo akka qophaa’uuf beeksisaniiru.

    Maanuu Dibaangoo muuziqaa aadaa biyya isaa kanneen biroo waliin walitti makuudhaan muuziqaa Jaaz jedhamu jalqabuudhaan adda duree akka ta’e ni himamaaf.

    Namni muuziqaa saaksifoonii taphachuun beekamaa ta’e kun umuriin isaa ganna 86 yoo ta’u, duuti isaa warra isa jaallatan biratti naasuu guddaa uumeera.

  10. Itoophiyaan Afrikaaf gargaarsa Dolaara Biliyoona 150 gaafatte

    Akka Itoophiyaan jettutti idaan biyyoonni Afrikaarra jiru dandeettii weerara kana ittisuu isaanii hanqisa

    Madda suuraa, Getty Images

    toophiyaan biyoonni Afrikaa dandeettii weerara koronaavaayirasii dura-dhaabbachuudhaaf idaan irra jiru akka ilaalamuuf, akkasumas degersi baajata yeroo atattamaa isaan barbaachisa jette. Akka Itoophiyaan jettutti idaan biyyoonni Afrikaarra jiru dandeettii weerara kana ittisuu isaanii hanqisa.

    Gaaffii ijoo sadii biyyoota dureeyyii G20 jedhamuun beekamaniif dhiyeessiteen, maallaqa yeroo atattamaa fayyaaf barbaachisuufi deggersa baajataa biyyoota Afrikaaf Dolaara Biliyoona 150 Baankii Addunyaarraa gaafatteetti Itoophiyaan.

    Dabalataanis, Itoophiyaan dhiyeessa fayyaa hawaasaafi qophii yeroo atattamaa Afrikaa cimsuudhaaf Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) irraa deggersi ni barbaachisa jetti. Gareen biyyota dureeyyiifi dingdeen isaanii saffisaan guddachaa jiranii maqaa G20 waamamu kun kora waggaa waggaan gaggeeffata.

    Qabeenyi biyyoota G20 kun, guutummaa qabeenya addunyaa (GDP) %85 kan qabatu yoo ta'u ummanni isanii ammoo kan guutuu addunyaa harka sadii keessaa lama ta'a.

    Gaggeessitoonni G20 kun dhuma torban kanaa siisteema komiiteraatiin walga'anii koratu jedhamee eegama.

    Idaan Afrikaaf akka hir'atuuf ykn haqamuuf yeroo barbaaddutti Itoophiyaan, ardittiin dhaabbilee/warshaaleefi hojjetoota dhiibbaa sababa weerara koronaavaayirasiirraan dhufuu ilaalamuu akka qabu ibsiteetti.

  11. Ogeeyyiin fayyaa Wallaggatti Covid-19 ilaalchisee maal gochaa jiru?

    Hakiima saamuda fudhataa jirtu

    Madda suuraa, AFP

    Ibsa waa'ee suuraa, Intarneetii fi bilbilli bakkeewwan godinoota Wallaggaa hedduutti erga cufame torban 11 darbeera

    "Harka wal fuudhuun, walitti arreedanii akkuma yeroo kaanii wal hammachuun jira, homtuu wanti fooyya'eera jedhamu hin jiru," jedhu jiraataan magaalaa Naqamtee bilbilaan dubbisne.

    Maatii isaanii Wallagga Bahaa aanaa Giddaa jiraatan dabalatee namoonni hedduun waa'ee koronaavaayirasii waan dhagaahan akka hin qabne dubbatu jiraataan kun.

    "Keessuma gara lixaa intarneetiinis hin jiru, bilbilli illee bahaa hin jiruu, namni waan dhagahes, akkaataa irraa of eeganis waan dhagahe hin qabu, gurruma duudaa jiraataa jirra," jedhu jiraataan kun.

    Godinaalee Wallaggaa hafan irraas ta'e aanaalee godina Wallagga Bahaa irraa namoonni hedduun gabaaf, waaqeffannaaf, yaalaaf akkasumas dhimmoota birof gara magaalaa Naqamtee akka dhufan kan himan jiraataan kun, "akkanumatti wal keessa oollee galla" jedhu.

    Magaalaa Naqamtee hubannoon muraasni jira, harka keenya dhiqachaa jirra kan jedhan jiraataan kun ta'us namoonni iddoo biraa dhufan hagasuma hubannoo waan hin qabneef harka wal fuudhuufi wal hammachuun ittuma fufeera jedhu.

    Ogeeyyiin fayyaa maal gochaa jiru?

    Intarneetiinis bilbilli mobaayiliis waan dalagaa hin jirreef akkamiin hawaasa bira geenya kan jedhu karoorsine itti adeemuun nurra ture jedhu Daarektarri Hospitaalaa Rifaraalaa Yunivarsiitii Wallaggaa Dr Tamasgeen Xilaahun.

    FM hawaasaa magaalaa Naqamtee fayyadamuun guyyaa guyyaan ogeessa lama lama ramadnee, guyyaatti daqiiqaa 30'f torbanitti guyyaa shan waa'ee koronaavaayirasii hawaasa barsiisuuf yaalaa jirra jedhu Dr Tamasgeen.

    Wal-geettiin FM hawaasaa kanaa raadiyasii muraasa waan ta'eef FM Faanaa waliin ta'uunis hojjechaa jiraachuu himu.

    Tamsaasni raadiyoo kun iddoowwan hunda waan wal hin geenyeef, dabalataan barreeffama adda addaa maxxansine raabsuun hubannoo uumuuf carraaqaa jirra jedhu.

  12. Lammii Itoophiyaa biroo irratti Covid-19 argame, Itoophiyaan nama jalqabaa koronaavaayirasiin irrati argame erga mirkaneessite guyyoota 12 ta'eera.

    Hasxaa Ministeera Fayyaa

    Madda suuraa, FBC

    Minsitirri Fayyaa Itoophiyaa lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii 12 gahu beeksisan.

    Lakkoofsi kun kan dabale har'a namni umriin isaa 34 ta'e Kamisa darbe Dubaayirraa dhufe dhibee kanaan qabamuun isaa erga mirkanaa'eeti.

    Dabalataan dubbisuuf: Haal akkamii keessa jira?

  13. Lakkoofsi namoota Covid – 19n Ruwaandaatti qabaman dachaan dabale

    Biyyi Ruwaanda namoota haaraa 17 irratti koronaavaayirasii argatte

    Madda suuraa, gett

    Ibsa waa'ee suuraa, Biyyi Ruwaanda namoota haaraa 17 irratti koronaavaayirasii argatte

    Ministeerri Fayyaa Ruwaandaa namoonni 17 biroo koronaavaayirasiin qabamuu beeksise.

    Kanaanis, lakkoofsi walii galaa dhukkubsattootaa biyyattii keessa jiru 36 gaheera.

    Kanneen keessaa tokkorraan kan hafe kaan biyya biraarraa dhufani.

    Sagal kan ta’an Biyyoota Arabaa Gamtoomanii (UAE) irraa, sadii Keeniyaa, lama Ameerikaa akkasumas tokko Kuwaataar irraa kan dhufan akka ta’e Ministeerri Fayyaa biyyattii himeera.

    Biyyoota Afrikaa keessaa biyyi hanga Ruwaandaa dhukkubsattoota Koronaavaayirasii qabdu hin jirtu.

  14. Yugaandaan namoonni 8 biroo Koronaavaayirasiin qabamuu beeksiste

    Manneen barnootaa lama Yugaandaatti ajaja darban to'ataman

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Yugaandaatti namoota 9'tu koronaavaayirasiin qabame

    Biyyi Yugaandaa namoonni dabalataa 8 koronaavaayirasiin qabamuu beeksiste.

    Kunis lakkoofsa waliigalaa namoota dhukkuba kanaan qabamani 9’n gaheera.

    Saddeettan dhukkubichi irratti argame hunduu lammiilee biyyattii yeroo ta’an gara Biyyoota Arabaa Gamtoomanii (UAE) magaalaa Dubaayitti dhiheeneya kan imalanidha.

    Yugaandaan torban darbe gaafa Bitootessa 18 eegale lammiileen biyyattii biyoota dhukkubni kuni itti hammaatetti akka hin imalle dhorkiteetti.

    Mootummaan kanneen torban lamaan darban gara Dubaay deeman akka gara qondaaltotaa dhufan waamicha dhheesseera.

    Gama kaaniin, poolisiin biyyattii manneen barnootaa ajaja darbuun hojiitti jiran to’annoo jala galcheera.

    Kanaanis, barattoonni shaniifi barsiisonni 76 qabamaniiru.

    Poolisiin akka jedhetti, barsiisonni koottaa hojii manaa barattootaaf ergaa akka jedhaman yoo himan kaan immoo miindaa fudhachuuf akka waamaman himan.

  15. Dhukkubni Koronaavaayirasii gaazexessaa umurii 30 galaafate

    Gaazexessaa Zimbaabuwee umurii 30'n koronaavaayirasiin lubbuun isaa dabarte

    Madda suuraa, Zororo Makamba

    Ibsa waa'ee suuraa, Makaambaan nama jalqabaa Zimbaabuwee keessa dhukkuba kanaan du'e ta'eera

    Gaazexessaan beekamaa lammii Zimbaabuwee guyyaa Sanbataa koronaavaayirasiin qabamuun isaa barame guyyaa kaleessaa du’u Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksisan.

    Gaazexessaan beekamaa kuni ji’a darbe gara Ameerikaa yeroo imaletti dhukkuba kanaan qabamuu akka hin oolle gabaasaaleen agarsiisu.

    Duuni isaa garuu naasu guddaa dargaggoonni dhukkuba addunyaa yaaddesse kanaan akka du’u agarsiisedha jedhameera.

  16. Ministirri Mummee Biritish manaa hinbahiinaa jechuun ajajan

    Ministira Muummee Booris Joonsan
    Ibsa waa'ee suuraa, Ministira Muummee Booris Joonsan

    Ministirri Mummee Biritish Boriis Joonsan tarkaanfiiwwan tatamsa’ina koronaavaayirasii hir’isuuf jedhan kaleessa labsan.

    Ministirichi haasaa kaleessa taasisaniin, lammiileen yoo sochii qaamaa guyyaatti al tokkicha raawwachuuf ta’e malee manaa bahuun dhorkaadha jedhan.

    Manaa bahuun kan danda’amu kan biyyaa dhimmoota baayyee murteessaa ta’an kan akka wal'aansa fayyaa argachuufi waan jireenyaaf bu’uura ta’an bitachuuf qofa ta’eedha.

    Dhaabbileen daldalaas akka cufamaniif kan ajajamee yoo ta’u, namoota waliin jiraatan malee bakka ummanni walitti qabamuutti lamaa ol ta’anii argamuun hindanda’mu.

    Hanga ammaattis biyyattiin namoota 335 koronaavaayirasiin dhabdee jirti.

    Namoonni seera kana hojiirra hinolchine akka adabaniif poolisiifis aangoon kennamus himan.

  17. Afrikaan Kibbaa torban sadiif sochii kamiyyu dhorkite

    Pirezedaantii Afrikaa Kibbaa Siriil Ramaafoosaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Afrikaan Kibbaa guyyoota 21f sochii kamillee akka dhorkite kan labsan, Pirezidaanti Siriil Raamaafoozaan koronaavaayirasii dhaabuuf biyyattiin waan gochuu qabduu hunda ni raawwatti jedhaniiru.

    Gama biraatiin ammoo Dhaabbanni Fayyaa addunyaa (WHO) COVID-19 saffiisaan addunyaarratti babalataa jira jechuun akeekkachiiseeera.

    Kanumaan walqabatees, biyyoonni tarkaanffiiwwan ittisa dhukkuba kanaatiif ni gargaara jedhan hunda raawwataa jiru.

    Itoophiyaanis daangaawwan ishee raayyaa Ittisa biyyaatiin akka gutuummaach sochiile irraa akka cufamu taasisuu beeksifte jirti.