Koronaavaayiras: Itoophiyaan Afrikaaf gargaarsa Dolaara Biliyoona 150 gaafatte

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaan biyoonni Afrikaa dandeettii weerara koronaavaayirasii dura-dhaabbachuudhaaf idaan irra jiru akka ilaalamuuf, akkasumas degersi baajata yeroo atattamaa isaan barbaachisa jette.
Akka Itoophiyaan jettutti idaan biyyoonni Afrikaarra jiru dandeettii weerara kana ittisuu isaanii hanqisa.
Gaaffii ijoo sadii biyyoota dureeyyii G20 jedhamuun beekamaniif dhiyeessiteen, maallaqa yeroo atattamaa fayyaaf barbaachisuufi deggersa baajataa biyyoota Afrikaaf Dolaara Biliyoona 150 Baankii Addunyaarraa gaafatteetti Itoophiyaan.
Dabalataanis, Itoophiyaan dhiyeessa fayyaa hawaasaafi qophii yeroo atattamaa Afrikaa cimsuudhaaf Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) irraa deggersi ni barbaachisa jetti.
Gareen biyyota dureeyyiifi dingdeen isaanii saffisaan guddachaa jiranii maqaa G20 waamamu kun kora waggaa waggaan gaggeeffata.
Qabeenyi biyyoota G20 kun, guutummaa qabeenya addunyaa (GDP) %85 kan qabatu yoo ta'u ummanni isanii ammoo kan guutuu addunyaa harka sadii keessaa lama ta'a.
Gaggeessitoonni G20 kun dhuma torban kanaa siisteema komiiteraatiin walga'anii koratu jedhamee eegama.
Idaan Afrikaaf akka hir'atuuf ykn haqamuuf yeroo barbaaddutti Itoophiyaan, ardittiin dhaabbilee/warshaaleefi hojjetoota dhiibbaa sababa weerara koronaavaayirasiirraan dhufuu ilaalamuu akka qabu ibsiteetti.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
"Dhaleen liqaa mootummaa hunduu haqamuu qaba yaada jedhu dhiyeessite Itoophiyaan. Dabalataanis, yaadni Itoophiyaa idaan biyyoota guddataa jiranii hanga tokko haqamuufii akka qabudha," jedha ibsi mootummaan baase.















