Koronaavaayiras: Dhibeen kun dogongora Eeshiyaa ykn kan Ameerikaa miti, jedhan Donaald Tiraamp

President Trump steps away from a coronavirus task force expert as she mentions she had a fever.

Madda suuraa, President Donald Trump practises some instant soci

Pirezdaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp Koronaavaayirasiin 'vaayirasii warra Chaayinaati" jechuu isaaf erga qeeqamee booda, amma lammileen Eeshiyaa Amerikaa ta'an weerara kanaaf itti gaafatamuu hin qaban jedhe.

Lammileen Eeshiyaa Ameerikaa 'namoota gaariidha' jechuun kan jaje Tiraamp "isaaniin kunuunsuun keenya hedduu barbaachisaadha" jedha.

Pirezdaant Tiraamp kana kan dubbatan weerara kanaan wal qabate namoota Eeshiyaa irratti yeroo arrabsoofi haleellaan baayyachaa dhufeettidha.

Koronaavaayiraasiin ammallee Ameerikaa keessa babal'achaa kan jiru yoo ta'u namootni 43,000 qabamanii 533 ammoo lubbuun isaanii darbeera.

Konfiraansi oduu to'annoo koronaavaayirasii Whaayit Howusitti Wiixata qophaa'ee irratti Tiraamp "Hawaasaa eeshiyaa Ameerikaa US keessa jiraniifi addunyaa keessa jiran hunda kununsuun keenya baayyee barbaachisaadha" jedheera.

"Isaan namoota gaariidha, weerarri vaayirasii kanaa ammo karaa kamiinu balleessa isaani miti. "Vaayirasicha dhabamsiisuuf nu waliin walitti siqeenyaan hojjeechaa jiru -walumaan ammo hundi keenya ni mo'anna."

Amma maaliif kana akka dubbatee irratti gaaffii dhiyaateef irratti Tiraamp: "Lammilee Eeshiyaa Ameerikaa irratti haasaan waan akka arrabsoo biyyaa keenya keessatti argamaa jira, animmoo kana tasumaan hin jaalladhu" jedheera.

"Namoota baayyee gaariidha, biyyaa keenya ni jaallatu kanaaf ani kana hin eeyyamu." Ibsa midiyaaleef torban darbe kennan irratti Pireesdant Tiraamp jechoota "Vaayirasii Chaayinaa" fi "Vaayirasii lammilee Chayinaa" jedhu yeroo fayyadameetti gaazexessitoonni jechooti kun jibbaa sanyumma of keessa qaba jedhaniinis yaadicha hin garuu inni hin simanne.

"Chaayinaa irraa dhufe," kan jedhe Tiraamp itti fufuun "Kun tasuma jibba sanyummaa miti," jedheera.

Dhaabbatnii Fayyaa Addunyaa yeroo dhibee tokko ibsanitti "hawaasa tokko addatti looguu" kan dhorku qajeelfama baaseera.

Koroonaavaayiras
Banner