Koronaavaayiras: UK'n 'guyyaatti al tokkoo sochii qaamaaf malee' manaa bahuu dhorkite

PM

Ministirri Mummee Biritish Boriis Joonsan tarkaanfiiwwan tatamsa'ina koronaavaayirasii hir'isa jedhan kaleessa labsan.

Ministirichi haasaa kaleessa taasisaniin, lammiilee yoo sochii qaamaa guyyaatti al tokkicha raawwachuuf ta'e malee manaa bahuun dhorkaa jedhan.

Manaa bahuun kan danda'amudhimmoota baayyee murteessaa ta'an kan akka wallaansa fayyaa argachuufi waan jirenyaaf bu'uura ta'an bitachuuf qofa yoo ta'eedha.

Dhaabileen daldalaas akka cufamaniif kan ajajamee yoo ta'u, namoota waliin jiraatan malee bakka ummanni walitti qabamuutti lamaa ol ta'anii argamuun hin danda'mu.

Hanga ammaattis biyyattiin namoota 335 koronaavaayirasiin dhabdee jirti.

Namoonni seera kana hojiirra hin olchine akka adabaniif poolisiifis aangoon kennamus himan.

Ministirri mummee kun akka jedhaniittis, biyyaattiin ''haala muddamaa keessaa'' mudataa waan jiruuf mana keessa turuun ammoo tatamsa'ina dhukkubichaa hir'isuufi laubbuu baraaruuf murteessaadha jedhaniiru.

Dhorkaan namaa bahuu kunis torban sadan dhufaniif kan turu yoo ta'u, adeemsa keessa kan geedaramu akka ta'ees dabaluun himaniiru.

Akka qajeelfama motummaa kanaatti namoonni dhimmoota murteessoo afur qofaaf manaa bahuun hayyamamaaf.

Sababiin inni duraa nyaataafi qoricha bitachuuf yoo ta'u, kan gadi bahamu danda'amu baayyee yeroo murtaa'e qofa jedhame.

Kan biraa sochii qaamaa kan akka miilaan adeemuu, bishikileetii oofuu ykn fiiguu guyyaatti ala tokkicha qofaa yoo ta'u, wallaansa fayyaa kamiifu bahuun ni danda'ma jedhame.

Kanaan alattis hojii dhaquufi galuun, kun mataansaa yoo hojiichi gokumaa manaa hojjatamu hindanda'amneetti kan hayyamamu ta'u tarreesseera.