Itoophiyaa: Manaa hojjechuun akkamiin koronaavaayirasii ittisuuf gargaara?

Madda suuraa, MICHAEL TEWELDE
Manni Maree Ministirootaa Itoophiyaa walgahii ariifachiisaa Kibxata taa'een hojjettoonni mootummaa federaalaa boru Bitootessa 25 irraa eegalee mana isaanii taa'anii akka hojjetan murteessuu isaa beeksiseera.
Hojjettoonni manaa hojjetan ulaagaa Ministeeronni ykn manneen hojii isaanii qopheessan irratti hundaa'uun filamu jedha ibsi Waajjirri MM baase.
Haaluma kanaan waajjirri MM hojettoota qabu 289 keessa gorsitootaa MM dabalatee namootni 184 torbee lama itti aanuuf mana isaanii taa'anii akka hojjetan murteessee jira.
Ministeerri Barnootaas waajjira isaa muummee dabalatee dhaabbilee isa jala jiran keessatti kan hojjetan hojjettoota 1544 keessaa hojjettoota 196 qofa hambisuun hojjettoonni 1348 mana isaanii taa'anii akka hojjetan murteessuu beeksisee jira.
Haaluma wal fakkaatuun bulchiinsi magaalaa Finfinnees hojjettoota hojii murteessaa hojjetaniin alatti kaan manumaa akka hojjetan murteessuu isaa beeksisee jira.
Ministeeronni biroos hojjettoota isaanii manaa hojjechuu qaban adda baasuun yeroo gabaabaa keessatti akka beeksisan ni eegama.
Maaliif barbaachise?
Yuunivarsiitii Maaraal Daliin biyya Siwiidin jirutti qorataafi barsiisaa fayyaa kan taa'e Obbo Bantii Galataa, tooftaawwan ittisa tatamsa'ina koronaavaayirasii keessaa mana turuun isa ijoofi adda dureedha jedhan.
"Mootummaan Itoophiyaa kan irratti xiyyeeffatee ture harka dhiqannaa qofa, harka dhiqannaan garuu gorsa sadarkaa sadaffaarratti ilaalamudha," jedhu.
Kan jalqabaa namni akka manaa hin baane gochuudha, itti aansuun dirqama namni manaa bahuu qaba yoo ta'e qaamaan walirraa fagaatee akka socho'u, kan sadaffaa gaaf manaa bahu waan tuquun hin hafu waan ta'eef harka akka dhiqatudha jedhu.
Mana turuun ykn hojjettoonni mana isaanii taa'anii akka hojjetan gochuun tarkaanfii murteessaadha jedhu.
Haala qabatamaa Itoophiyaa keessa jiruun lammileen hundi akka manaa hin baane gochuun rakkisaa ta'uu mala kan jedhan ogeessi kun, kanneen bahanii hojjechuun dirqama itti ta'eef geejjibni gahaan jiraatee walirraa hiiqanii hojechuun akka danda'amu haala mijeessuun barbaachisaa ta'uu dubbatu.
Biyyooti addunyaa vaayirasichi keessatti mudate hedduun murtee kana kan dabarsan yoo ta'u guutummaatti kan sochii ugguranis jiru.
Marsaalee hawaasaa irrattis ogeeyyii fayyaa koronaavaayirasii waliin wal'aansoo qabaa jiran dabalatee hogganoonni hedduun namoonnii akka manaa hin baane ykn manaa hojjetan gaafachaa jiru.
Ministirri Muummee UK Booriis Joonsan, fuula twitter isaanii irratti maqaa isaanii fuula duratti ergaa 'mana turaa lubbuu baraaraa' jedhu barreessanii jiru.

Sababni guddaan namoonni akka mana turan ykn mana isaanii taa'anii hojjetan barbaachiseef tuttuqaa namaa hir'isuufi.
Vaayirasichi tuttuqaa namootaatiin kan tamsa'u ta'uu isaan wal qabatee namni mana isaatii bahuu yoo dhiise lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii saffisaan dabalaa jiru hir'isuun ni danda'ama jedhu ogeeyyiin.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Manni Maree Ministirootaa Itoophiyaa hojjettoonni mootummaa federaalaa manaa akka hojjetan murteessuun isaa sochii namootaa fi dhiphina geejjibaa magaalaa Finfinnee keessa jiru xiqqeessuuf gargaara jedhe waajjirri MM.
Magaalaa Finfinnee keessatti tajaajilli geejjibaa uummataa iddoo itti namoonni hedduun walitti qaban keessaa isa tokko yoo ta'u namoonni geejjiba kana fayyadaman hedduun ammoo hojjettoota mootummaati.
Murteen hojjettoonni manaa akka hojjetan dabarfame kun dhiphina geejjiba waan hir'isuuf tamsa'ina vaayirasichaa to'achuuf ni gargaara jedhame.
Kanatti dabalataan tamsa'ina koronaavaayirasii to'achuufi ittisuuf Manni Maree Ministirootaa koreewwan dabalataa ijaaruu isaa beeksisee jira.
Koreen dhimma fayyaa, dhimma nageenyaa fi dhimma diinagdee koreewwan ammaan dura ijaaraman yoo ta'an dabalataan koreen dhimma iddoo namoonni adda baafamanii tursiifamanii hordofu fi koreen ICT dhimma komunikeeshinii fi hojilee hubannoo uumuu qindeessuu hundaa'eera.
Manni Maree kun hawaasni tarkaanfiiwwan mootummaan dabarsaa jiru hordofee hojiirra akka oolchus dhaamaniiru.













