'Keeniyaa iddoo namoonni koronaavaayirasiin shakkaman tursiifamanitti wanta na mudate'

Gaazexeessituu BBC kan taate Firaafooli Dhugaasa Naayiroobiitti mallattoo koronaavaayirasii qabda jedhamtee guyyoota lamaaf hospitaala biyyaaleessa Keenyaatta Imbagaatii jedhamu turte. Turtii guyyoota lamaafi hanga bu'aan qorannoo ishee beekamuutti yaaddoofi sodaa keessa turte barreessiteetti.

Wiixata Bitootessa 16 buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Boolee irraa ka'een gara magaalaa Naayiroobii qajeele.
Naayiroobii buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Jomoo Keenyattaa kanan gahe galgalaa nannoo sa'aatii 12:30(6:30pm)'tti yoo ta'u imaltoonni hundi hiriiranii ho'i qamaa isaanii ilaalamee dabarfamu.
Dabareen koo ga'ee yeroon ilaalamu ho'i qama koo digirii seelshiyasii 37.7 ta'e. Kuni kan baramaarra xiqqoo kan ol ka'e ture.
Tarii wayyaa furdaa wanan uffadhee tureef dhaqnikoo ho'ee jedheen yaade.
Qondaalonni buufata xiyyaarichaa ho'a qaamaa safaraa turan hanga namoota kan ilaalanii fixanitti hiriira irraa adda ba'ee qofaakoo akkan ta'u natti himani.
Turtii daqiiqaa 20 booda qondaalli biraan dhufee deebisee ho'a qamaakoo yeroo ilaluu ammas akkuma ol ka'etti jira.
Yeroo kanatti guyyaa tokkoof waan akka utaalloo wayii na dhukkubaa waan tureef tarii koronaavaayirasii kana qaba ta'innaa kan jedhu yaaduun eegale.
"Iddoo ani taa'utti siquu sodaatu ture"
Amma maaltu ta'a jedhee yeroon qondaaltota gaafadhu ogeessi fayyaa dhufee akka na ilaalu natti himanii barcuma nannoo sana jirurra ta'ee eeguun eegale.
Daqiiqaa muraasafan eega jedhe kanan yaade gara sa'aatiitti geddarame. Irra deddebiin ogeessi fayyaa jettan yoom dhufa jedhe yeroon gaafadhu 'daqiiqa xiqqoo booda' deebi jedhu naaf kennu ture.
Yeroo kanatti maatiikoo Itoophiyaa jiran waliin hedduu haasa'aa turre. Ana caalaa guddaa yaadda'anii waan turaniif yaddoo isaanii hir'isuuf qosaa adda addaan itti haasa'aan ture.
Keessa kotti garuu yoo vaayirasichaan qabamuun koo mirkanaa'e maatii koo dabalatee namootan tarii vaayirasicha itti dabarsuu malu yaaduun eegale.
Daa'ima ganna 2 obboleettii kooti, abbaafi haadhakoo, hiriyyootakoofi namoota biroo isaan ammoo waliin wal argan.

Nannoo sa'aatii tokkoofi walakkaa booda oggeeyyiin fayyaa dhufanii maal akka natti dhaga'amu, biyyan itti imalee ture na gaafatanii hoggantoota isaani waliin mari'achuu akka qaban natti himanii deebi'anii deeman.
Yeroon itti ani isaan eeguu dabalaa akka dhufeen caalaatti rifachuufi sodaachuun eegale.
Hojjattoonni buufata xiyyaara keessa turan iddoo ani taa'utti siquu sodaatu ture. Hojjettonni biroolle karaakoo akka hin dabarre walitti himu.
Imaltoonni biyyaa adda adda irraa dhufanis yeroo iddoo ani qofaa taa'aa ture bira darban, akkaataa isaan itti na ilaalan xiqqoo nama rifachiisa ture.
Dhumarratti galgala nannoo sa'aatii 4:45(10:45pm) ambulaansiin dhufee gara hospiitala biyyaaleessa Keenyaatta Imbagaatii jedhamu na geessan.
Turtii halkan lamaafi yaaddoo bu'aa qorannoo
Hospitaalli kun kan biyyattiin namoota koronaavaayirasiin qabaman ykn ammoo shakkaman adda baaftee keessatti wal'aanuuf qopheessitedha.
Gara kutaa cisichaattii yeroo isaan na geessan namoota quqqufa'an nan dhaga'an ture garuu namoota vaayirasicha qabaachuun isaani barame haa ta'u kanneen qorannoof dhufan ta'u hin barren ture.

Kutaa namootni ana dura achi ga'an lamaa keessa jiranitti siree ciisichaa naaf kennaani.
Halkan sana maskii funyaaniifi afaan ittiin haguuggatan utuu ofirraa hin baasiin akkuman haguuggadhetti rafee bule.
Koronaavaayirasiif qorannoon akka naaf taasifamu natti himamullee hanga dhufanii saamuda qorannoo sanaaf barbaadu fudhatanitti eeguun hedduu yaaddessaa ture.
Kan saamudi narraa fudhatan Kibxata waaree booda yoo ta'u, kan isaan bu'aa qorannoo kooti natti himan ammoo Roobii ture.
Kanaaf guyyaa lamaaf achii buluunkoo dirqama ture. Guyyootni lamaan kuni guyyaa miixuu ture.
Vayirasichaan qabameeramoo hin qabamne kan jedhu yaaddoo guddaa ture.
Osoon bu'aa qorannoo kooti eegaa jiruu, mootummaan biyyattii namoonni dabalataa sadi vaayirasichaan qabamuu isaanii mirkaneesse.
Oduu kana wayitan dhagahu ammoo sodaafi yaaddoon koo daranuu dabale.
Sababni isaas namootni kun gamoo hospitaalaa ani keessa jiru keessa turan, tarii ammoo darbii ykn kutaa ani keessa ture keessas ta'uu danda'u.
"Akka ba'aan guddaa narra bu'eetti natti dhaga'ame"
Anis ta'e namootni qorannoof dhufanii ana waliin achii turan sababa kanaan akka malee yaaddofnee turre.
"Yeroo hospitaala dhufnu fayyaa taane erga as dhufnee vaayirasichi nu qabeera ta'innaa?" "Erga saamuda kennine booda yoo vaayirasichi nu qabeera ta'eewoo?" yaadotni akkanaa sammuu kootti dhufuu eegalan.
Osoon kana buusee baasuu bu'aan qorannoo koo dhufee koronaavaayirasii irraa bilisa ta'uun koo natti himame.
Aritiin mi'a koo sassabadheen gamoo sana keessa ba'e sababiin isaa dura gadi ba'uun nuuf hin eeyyamamu ture.
Raagaa waraqaa hanga naaf kennanitti eeguun narra jiraatullee gamoo sanatti ol deebi'uu waan hin barbaadneef hanga galgalaatti bakkee aduu keessa ta'aan ture.
Koronaavaayirasii irraa bilisa ta'uun koo akka ba'aan guddaa narra bu'eetti natti dhaga'ame. Maatiikoofis bilbilee hin yaadda'inaa jedheen itti hime. Guddaa gammadani.

Gara manaatti deebi'uukoon dura doktariin torban lamaaf namarra adda baasee mana turuu akkan qabu, yoo mallattoon dhukkubaa dabalataa natti dhaga'ames gara hospitaalichaa akkan deebi'u erga natti hime booda gara manakootti gale.
Torbee tokko darbe osoo manaa hin bahiin, nama waliinis osoo wal hin argiinan jira.
Mana ta'anii hojii hojjachuu yaada gaarii fakkatus, baay'ee ulfaataafi yaddeessaadha.
Ammallee ergan saamuda kennee tarii hospitaalichaa keessatti koronaavaayirasin na qabateera ta'innaa kan jedhu nan yaadda'a.
Garuu gaarii yaaduu wayya kan jedhuun torbee tokko na hafe manuma turee of eeggachuu itti fufeen jira.















