Koongoon sodaa koronaavaayirasiif karra magaalaa guddoo ishii cufatte

Madda suuraa, Getty Images
Rippabliki Dimookiraatawaa Koongoo (DRC) tatamsa'ina koronaavaayirasii ittisuuf labsii yeroo muddamaa labsuun magaalaa guddoo ishii cufatte.
Pirezidantiin biyyattii Fiiliks Shisedekii Kibxata galgala ergaa televijinaan dabarsaniin kana himaniiru.
Daangaa biyyattii cufuun alatti, magaalaa guddoo seenuunis ta'e bahu dhorkamu ibsaniiru.
Kunis, balalii xiyyaaraa, imala konkolaataafi bishaanirraa akka ilaallatu ibsan.
Biyyi Afrikaa Giddugalaa kuni torban darbe sochii lammiilee ishee dhorkuuf murtee dabarsitee turte.

- Hindiin lammiileeshee biliyoona 1.3 akka manaa hin baane dhorkite
- Biyyoonni Afrikaa maal murteessan?
- Tiraamp Faasikaatti Ameerikaan dhukkubicha keessaa akka baatu abdatan
- Manaa hojjechuun akkamiin koronaavaayirasii ittisuuf gargaara?
- Paartii Itoophiyaa bulchu: 'Sodaafi shakkii uumamef dhiifama gaafanna'
- Koronaavaayirasiin hangam yaaddessaadha, akkamiin ofirraa ittisnu?
Hanga yoonaa Rippablika Dimookiraatawaa Koongootti dhukkuba koronaavaayirasiin namoonni 3 kan du'an yoo ta'u 45 qabamuun isaanii barameera.
Magaalaan guddoo lammataa biyyattii, Lubumbaashii, immoo erga namoota lama irratti dhukkubichi argamee booda sa'aatii 48'f magaalaa ishii kan cufatte gaafa Wiixataa eegalee ture.
Namoonni lamaan kuni magaalaa guddoo biyyattii Kinshaasaa irraa xiyyaaraan Lubumbaashii qubachuu isaanii bulchaan magaalatti Jaakuwes Kiyaabulaa himaniiru.
Walumaa gala namoota 77 ture xiyyaara sana keessa kan turan.















