Koronaavaayirasii: Tiraamp Faasikaatti Ameerikaan dhukkubicha keessaa akka baatu abdachuu himan

Madda suuraa, Reuters
Pirezidantiin Ameerikaa Tiraamp Ayyaana Faasikaa dhufaatti biyyisaa rakkina koronaavaayirasii keessaa akka baatu akka abdatan himan.
Haa ta'u malee, bulchaan magaalaa Niiw Yoorki garuu dhukkubni addunyaa yaaddesse kuni saffiisaan babal'ataa jiraachu akeekkachiisani.
Obbo Tiraamp biyyattii jalqaba baatii dhufaatti deebiisanii saaquun 'yeroo bareedaadha' jedhaniiru.
Jechi abdii Tiraampi kunis kan dhufe erga Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) Ameerikaan dirree balaa dhukkubichaa akka hintaaneef akeekkachiseen booda turre.
Ameerikaanis namoonni gara kuma 55 ta'u qabamuu kan galmeessite yoo ta'u, namoonni gara 800 ta'a ammoo du'an.
Walumaa galatti, addunyaarratti namoonni gara 420, 000 ol ta'u qabamuun kan himamee yoo ta'u, kan 19,000 ta'anis du'aniiru.
Tiraamp maal jedhe?
Kaleessa guyyaa Kibxataa Tiraamp Oduu miidiyaa 'Fox'ti akka himeetti, biyyattiin Faasikaatti jechuunis Ebla 12'tti bakka ishee duraatti akka deebitu abdachuu hime.
Obbo Tiraampi akka jedhaniitti, ''Dhiheenyatti waluma jalaan saaqaa adeemna... tibba Faasikaa dhufaatti biyyattiin akka saaqamtee bakka isheetti deebituun argu barbaada.''
Itti dabaluunis, ''Faasikaan anaaf yeroo addaatti. Isin ammoo biyyattii guutuutti waldaalee saamsitanii jirtu.''
Kana malees biyyatti daldalaaf deebiitee saaqamtu malee dinagdeen rakkoo cimaa keessa kan galu ta'u akeekkachisaniiru.
Pirezidantichi akka jedhaniitti: ''Namoota dhabuuf deemtu. Namoonni hedduun ofiin ofi ajeessuuf deemaa jiru. Wantoonni hedduun isin mudachuuf deemaa jira. Tasgabbii dhabiinsi isin mudachuuf adeemaa jira.''
Haasaa Waayiti Haawusiitti taasisani kanaanis ''dhuma taatee kanaatti ifa argaan jira.'' Kanaafuu murteen keenya waan qabatamaafi odeeffannoo irratti kan hundaa'eedha jedheera.
Haa ta'u malee, magaalaa Niiw Yoorki keessatti namoonni kuma 25,000 ol ta'an koronaavaayirasiin kan qabaman yoo ta'u, kunis walakkaa lakkoofsa namoota biyyattiitti qabamanidha.
Naannoon Magaalaa Niiw Yoork madda koronaavaayirasii haaraa dhibbantaa 60 ta'u himama.

Madda suuraa, Getty Images

- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Haati warraa MM Kanaadaa koronaavayirasiin qabamte
- Koronaavaayiras dhibee 'addunyaa weerare' jedhamee labsame
- Koronaavaayirasiin hangam yaaddessaadha, akkamiin ofirraa ittisuun danda'ama?
- Mallattoon koronaavaayirasii 'guyyaa shan booda mul'ata'
- Olompikiin Tookiyoo 'waggaa tokko ykn lamaaf achi butamuu mala'














